Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 59

Ilmi Namaa Eenyu?

Ilmi Namaa Eenyu?

MAATEWOS 16:13-27 MAARQOS 8:22-38 LUQAAS 9:18-26

  • YESUUS NAMA QARO DHABEESSA TOKKO FAYYISE

  • FURTUUN MOOTUMMICHAA PHEEXIROSITTI KENNAMUUF JEDHA

  • YESUUS WAAʼEE DUʼA ISAA FI DUʼAA KAʼUU ISAA RAAJII DUBBATE

Yesuusii fi barattoonni Beetasaayidaa gaʼan. Achitti namoonni, nama qaro dhabeessa tokko Yesuusitti fidanii akka isa fayyisu isa kadhatan.

Yesuus harka namichaa qabee gandicha keessaa isa baase. Ija isaatti erga tufee booda, “Maaltu sitti mulʼata?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Namoonni natti mulʼatu; garuu muka deemu natti fakkaatu” jedhe. (Maarqos 8:23, 24) Yesuus harka isaa ija namichaa irra kaaʼee qaroo isaa isaaf deebise. Achiis namicha amma sirriitti arguu dandaʼe kana, gara gandichaatti akka hin deebine akeekkachiisee gara manaatti isa erge.

Kana booda, Yesuusii fi barattoonni kallattii kaabaatiin gara naannoo Filiphoos Qisaariyaa deeman. Karaan kun tabba siʼa taʼu, gara kiiloo meetira 40 taʼa. Gandi kun gaara irratti argamti; kallattii kaaba bahaatiin Gaarri Hermoon inni dheeraan irra keessi isaa cabbiidhaan uwwifamee mulʼata. Karichi deemsa guyyaa lamaa fudhachuu hin oolu.

Utuu deemaa jiranii bakka tokkotti Yesuus kophaa isaa kadhachuuf isaan irraa adda baʼe. Duʼa isaatiif jiʼa sagal ykn kudhan kan hafe siʼa taʼu, waaʼeen barattoota isaa isa yaaddesseera. Guyyoota muraasa dura barattoonni hedduun isa duukaa buʼuu dhiisaniiru; kaan immoo dalga isaanitti taʼuu ykn abdii kutachuu hin oolan. Yaalii namoonni mootii isa gochuuf taasisan diduun isaa ykn eenyummaa isaa guutummaatti mirkaneessuuf mallattoo argisiisuu diduun isaa gaaffii isaanitti uumee taʼuu dandaʼa.

Barattoonni bakka inni itti kadhachaa jiru yeroo dhufan, Yesuus, “Namoonni Ilma namaatiin eenyu jedhu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Warri tokko tokko Yohaannis Cuuphaa, kaan Eliyaas, warri kaan immoo Ermiyaas yookiin raajota keessaa tokko dha jedhu” jedhanii deebisaniif. Namoonni, namoota kana keessaa tarii isa tokkotu duʼaa kaʼee Yesuusiin taʼe jedhanii yaadu. Yesuus yaada barattoota isaa baruuf, “Isin hoo eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate. Pheexirosis ariitiidhaan, “Ati Kiristoos, Ilma Waaqayyo isa jiraataa ti” jedhee isaaf deebise.—Maatewos 16:13-16.

Yesuus, Waaqayyo kana waan isaa ibseef gammaduu akka qabu Pheexirositti erga himee booda, itti fufee akkana isaan jedhe: “Ani sitti nan hima: Ati Pheexirosi; anis gumii koo qarsaa kana irratti nan ijaara; balbaloonni Awwaalaas isa hin moʼan.” Yesuus yeroo akkas jedhu, ofii isaatii gumii akka ijaaruu fi miseensonni isaa lafa irratti hamma dhumaatti amanamoo taanaan awwaalli illee ukkaamsee isaan hambisuu akka hin dandeenye dubbachuu isaa ture. Achiis, “Ani furtuuwwan Mootummaa samii siif nan kenna” jedhee Pheexirosiif waadaa seene.—Maatewos 16:18, 19.

Yesuus ergamoota isaa keessaa Pheexirosiif iddoo guddaa kennuu isaa ykn buʼuura gumii isa taasisuu isaa miti. Qarsaan gumiin irratti ijaaramu Yesuusi dha. (1 Qorontos 3:11; Efesoon 2:20) Haa taʼu malee, Pheexirositti furtuun sadii kennamuuf jedha. Namoonni garaa garaa Mootummaa samiitti akka galan carraa isaaniif banuuf mirga ni argata.

Pheexiros Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti, Yihudoonni yaada geddaratanii fi warri amantii isaanii gara Yihudiitti jijjiiran, fayyuudhaaf maal gochuu akka qaban isaanitti argisiisuudhaan furtuu isa jalqabaatti ni fayyadama. Furtuu isa lammaffaatti immoo, namoota Samaariyaa amantoota taʼaniif carraa Mootummaa Waaqayyootti galuu banuuf itti fayyadama. Achiis, Dh.K.B. bara 36⁠tti, furtuu isa sadaffaatti carraa kana namoota saba Waaqayyoo hin taaneef banuudhaaf kan itti fayyadamu siʼa taʼu, kanneen keessaa warri jalqabaa Qorneelewos, firoota isaa fi michoota isaa ti.—Hojii Ergamootaa 2:37, 38; 8:14-17; 10:44-48.

Yesuus dubbii isaa kana irratti dhiphinaa fi duʼa Yerusaalem keessatti isa irra gaʼu yeroo dubbatu, ergamoonni ni naʼan. Pheexiros, Yesuus duʼaa kaafamee samii irra akka jiraatu waan hin hubanneef, kophaatti isa baasee, “Yaa Gooftaa, garaa ofitti hin jabaatin; matumaa wanti kun si irra hin gaʼu” isaan jedhe. Yesuus garuu isa irraa gara galee, “Seexana nana, duuba koo deemi! Ati kan namaa malee kan Waaqayyoo waan hin yaadneef gufuu natti taateetta” isaan jedhe.—Maatewos 16:22, 23.

Achiis Yesuus namoota kaanis waamee duuka buutuu isaa taʼuun salphaa akka hin taane dubbate. Akkana jedhe: “Namni ana duukaa buʼuu barbaadu hundi of haa ganu; muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu. Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu hundi ni dhaba; namni anaa fi misiraachichaaf jedhee lubbuu isaa dhabu hundi garuu ni oolfata.”—Maarqos 8:34, 35.

Eeyyee, Yesuus biratti faara tolaadhaan ilaalamuuf duuka buutonni isaa ija jabeeyyii taʼuu fi fedhii isaanii aarsaa gochuu qabu. Yesuus akkana jedhe: “Nama dhaloota ejjaa fi cubbamaa taʼe kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼu hundatti, Ilmi namaa ulfina Abbaa isaatiin maleekota qulqulluu wajjin yommuu dhufu innis isatti ni qaanaʼa.” (Maarqos 8:38) Eeyyee, Yesuus yeroo sanatti yommuu dhufu, “nama hundumaatiif akka hojii hojii isaatti gatii isaa isaaf ni kenna.”—Maatewos 16:27.