Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 37

Yesuus Ilma Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Fayyise

Yesuus Ilma Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Fayyise

LUQAAS 7:11-17

  • DUʼAA KAʼUU NAAYINITTI TAʼE

Yesuus garbicha ajajaa dhibbaa sanaa erga fayyisee booda, Qifirnaahomii gara magaalaa Naayin ishii kallattii kibba lixaatiin kiiloo meetira 32 ol fagaattee argamtuu deemaa jira. Deemaa kan jiru kophaa isaa miti. Barattoonni isaa fi namoonni hedduun isaa wajjin jiru. Naannoo baadiyyaa Naayin kan gaʼan gara galgalaa taʼuu hin oolu. Bakka kanatti Yihudoota awwaala deemaa jiran argan. Namoonni kun reeffa dargaggeessa tokkoo baatanii magaalaadhaa alatti awwaaluu deemaa jiru.

Namoota kana keessaa garmalee gaddaa kan jirtu haadha mucichaa ti. Abbaan manaa ishii irraa duʼeera, amma immoo ilmi ishii inni tokkichi jalaa duʼe. Yeroo abbaan manaa ishii jalaa duʼetti, yoo xinnaate mucaan ishii inni jaallattu ishii wajjin ture. Abdii fi nageenyi ishii gara fuulduraa isa irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, hammam isatti akka dhihaattu mee yaadi! Amma innis jalaa duʼe. Namni ishii wajjin taʼuu fi ishii jajjabeessu eenyu?

Yesuus dubartii kana yeroo argetti, gadda ishiitti dhagaʼamee fi haala ishiitiin garaan isaa ni raafame. Gaarummaa fi haala amanannaan akka ishiitti dhagaʼamu taasisuun, “Hin booʼin” jedheen. Achiis, itti siqee siree reefficha ittiin baatan tuqe. (Luqaas 7:13, 14) Wantoota kana yeroo godhetti, namoonni magaalichaa gaddaa turan battalumatti ni dhaabatan. Baayʼeen isaanii, ‘Maal jechuu isaa ti? Maal gochuuf jedha?’ jedhanii yaadanii taʼuu qaba.

Warri kanaan dura Yesuus dinqiidhaan yeroo namoota fayyisu arganii fi isaa wajjin deemaa jiran hoo maal jedhu laata? Haala isaa irraa hubachuu akka dandeenyutti, kanaan dura Yesuus nama duʼaa yeroo kaasu arganii hin beekan. Kun taʼuu isaa bara dheeraa dura namoonni duʼaa kaʼan kan jiran taʼus, Yesuus akkas gochuu ni dandaʼaa? (1 Mootota 17:17-23; 2 Mootota 4:32-37) Yesuus, “Dargaggeessa nana, siin nan jedha kaʼi!” jedhee ajaje. (Luqaas 7:14) Mucichis duʼaa kaʼe. Achiis ol kaʼee taaʼee dubbachuu jalqabe! Yesuus haadha mucichaa naatee, akkasumas garmalee gammaddee jirtutti isa kenne. Kana booda kophaa ishii hin taatu.

Namoonni dargaggeessi sun duʼaa kaʼuu isaa yeroo argan, “Raajii guddaan tokko nu gidduutti kaʼeera” jechuudhaan Yihowaa isa burqaa jireenyaa taʼe jajatan. Kaan immoo wanti dinqisiisaan Yesuus hojjete iddoo guddaa akka qabu waan hubataniif, “Waaqayyo saba isaa yaadateera” jedhan. (Luqaas 7:16) Oduun waaʼee wanta dinqisiisaa taʼe kanaa saffisaan biyyoota naannichaa, akkasumas Naazireet ishii bakka dhalootaa Yesuus taatee fi gara kiiloo meetira 10 fagaattee argamtu gaʼe. Oduun kun Yihudaa ishii kallattii kibbaatiin fagaattee argamtu illee gaʼeera.

Yohaannis Cuuphaan amma iyyuu mana hidhaa kan jiru siʼa taʼu, waaʼee wantoota Yesuus hojjetee beekuuf fedhii guddaa qaba. Barattoonni Yohaannisis waaʼee dinqiiwwan kanaa Yohaannisitti himan. Yeroo kanatti maal godhe?