Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 56

Wanti Nama Tokko Xureessu Maali Dha?

Wanti Nama Tokko Xureessu Maali Dha?

MAATEWOS 15:1-20 MAARQOS 7:1-23 YOHAANNIS 7:1

  • YESUUS AADAA NAMOOTAA BALAALEFFATE

Faasikaan Dh.K.B. bara 32 tti kabajamu yeroo dhihaatetti, Yesuus Galiilaa keessatti hojii barsiisuutiin qabamee jira. Akkuma Seerri Waaqayyoo ajaju Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem deeme. Yihudoonni isa ajjeesuu barbaadaa waan jiraniif, akkas kan godhe of eeggannoodhaani. (Yohaannis 7:1) Ayyaanicha boodas gara Galiilaatti deebiʼe.

Yeroo Fariisonnii fi barsiisonni seeraa Yerusaalemii gara isaa dhufanitti Yesuus Qifirnaahom taʼuu hin oolu. Gara isaa kan dhufan maaliifi? Sababa Yesuus seera amantii cabseera jechuuf isaan dandeessisu barbaadaa jiru. “Barattoonni kee aadaa abbootii durii kan cabsan maaliifi? Fakkeenyaaf, yommuu nyaatatti dhihaatan harka isaanii hin dhiqatan” isaan jedhan. (Maatewos 15:2) Aadaa ‘harka isaanii hamma ciqileetti akka dhiqatan’ ajaju kana kan isaanii kenne Waaqayyo miti. (Maarqos 7:3) Fariisonni garuu akkas gochuu dhiisuun yakka cimaa akka taʼetti ilaalu.

Yesuus mormii isaaniitiif deebii kennuu mannaa, taʼe jedhanii Seera Waaqayyoo akkamitti akka cabsan dubbate. Akkana isaaniin jedhe: “Isin hoo aadaa keessaniif jettanii maaliif ajaja Waaqayyoo cabsitu? Fakkeenyaaf Waaqayyo, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni,’ akkasumas ‘Namni abbaa isaa yookiin haadha isaatti wanta hamaa dubbatu haa ajjeefamu’ jedheera. Isin garuu akkana jettu: ‘Namni abbaa isaatiin yookiin haadha isaatiin, “Wanti ani qabuu fi ittiin si gargaaruu dandaʼu hundi kennaa Waaqayyoof murtaaʼe dha” yoo jedhe, matumaa abbaa isaatiif ulfina kennuun isa hin barbaachisu.’”—Maatewos 15:3-6; Baʼuu 20:12; 21:17.

Fariisonni maallaqni, qabeenyi ykn wanti Waaqayyoof kenname kam iyyuu kan mana qulqullummaa akka taʼetti, kanaafis dhimma biraatiif ooluu akka hin dandeenyetti ilaalu. Haa taʼu malee, qabeenyi kennameera jedhamu namichuma harka jira. Fakkeenyaaf, ilmi tokko akka waan manni qulqullummaan qabeenya isaa sana toʼachaa jirutti, maallaqni ykn qabeenyi isaa “qurbaana,” jechuunis kennaa Waaqayyoof ykn mana qulqullummaatiif kenname akka taʼe dubbata taʼa. Qabeenyichatti amma iyyuu fayyadamaa kan jiru taʼus, warra isaa dullooman ykn gargaarsi isaan barbaachisu ittiin gargaaruu akka hin dandeenye dubbata. Karaa kanaan itti gaafatamummaa isaan gargaaruuf qabu jalaa baʼuu barbaada.—Maarqos 7:11.

Namoonni kun Seera Waaqayyoo akkasitti jalʼisuun isaanii Yesuusiin aarsuun isaa nama hin dinqisiisu. Akkana isaaniin jedhe: “Aadaa keessaniif jettanii dubbii Waaqayyoo gatii dhabsiistaniittu. Fakkeessitoota nana, Isaayyaas waaʼee keessan akkana jedhee sirriitti raajii dubbateera: ‘Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baayʼee ana irraa fagoo dha. Ajaja namootaa akka dubbii kootti waan barsiisaniif akkanumaan na waaqeffatu.’” Fariisonni qeeqa cimaa Yesuus isaan irratti dhiheesseef deebii dhaban. Kanaaf, namoota walitti qabamanii jiran waamee, akkana isaaniin jedhe: “Wantoota kana dhaggeeffadhaa, hiika isaas hubadhaa: Wanta afaan namaa keessaa baʼutu nama xureessa malee, wanti afaan namaa seenu nama hin xureessu.”—Maatewos 15:6-11; Isaayaas 29:13.

Yeroo booda, mana keessatti barattoonni Yesuus, “Fariisonni wanta ati dubbatte dhagaʼanii akka gufatan hubatteettaa?” jedhanii isa gaafatan. Innis akkana jedhee deebiseef: “Biqiltuun Abbaan koo inni samii hin dhaabne hundi ni buqqifama. Waaʼee isaanii dhiisaa. Isaan jaamota, jaamotatti karaa argisiisani dha. Kanaaf, jaamaan jaamaatti karaa yoo argisiise lamaan isaanii iyyuu boolla keessa buʼu.”—Maatewos 15:12-14.

Pheexiros barattoota kaan bakka buʼee waaʼee wanta nama xureessuu ibsa dabalataa gaafate; kunis Yesuusiin waan dinqisiise fakkaata. Yesuusis akkana jedhee deebise: “Wanti gara afaaniitti seenu hundi garaa keessa darbee gara boollaatti akka seenu hin beektanii? Haa taʼu malee, wantoonni afaan namaa keessaa baʼan hundi garaa keessaa baʼu; nama kan xureessanis wantoota kana dha. Fakkeenyaaf yaadni hamaan, ajjeechaan, ejji, halalummaan, hanni, sobaan ragaa baʼuunii fi nama arrabsuun garaa keessaa baʼa. Wantoota kanatu nama xureessa malee, utuu harka hin dhiqatin nyaachuun nama hin xureessu.”—Maatewos 15:17-20.

Yesuus qulqullina ofii eeguun akka hin barbaachisne ykn namni tokko nyaatatti dhihaachuu isaa dura harka isaa dhiqachuun akka isa hin barbaachisne dubbachuu isaa miti. Kanaa mannaa, geggeessitoota amantii fakkeessitoota taʼanii fi aadaa namootaa eeguuf seera Waaqayyoo isa qajeelaa cabsan balaaleffachuu isaa ti. Kana nama xureessu gocha hamminaa garaa keessaa maddu dha.