Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 54

Yesuus—“Nyaata Jireenyaa”

Yesuus—“Nyaata Jireenyaa”

Yohaannis 6:25-48

  • YESUUS ‘NYAATA SAMII IRRAA KENNAME’ DHA

Baha Galaana Galiilaatti, Yesuus namoota kumaan lakkaaʼaman dinqiidhaan erga sooree booda, isa moosisuu waan barbaadaniif baqatee ture. Halkanuma sana bishaan obomboleettiin irratti kaʼe irra kan deeme siʼa taʼu, Pheexiros isa bishaan irra deemuu erga jalqabee booda amantiin isaa laafnaan liqimfamuu jalqabes oolcheera. Qilleensas tasgabbeesseera. Akkas kan godhe bidiruun barattoonni ittiin deemaa turan akka hin liqimfamneef taʼuu hin oolu.

Amma, Yesuus lixa galaanichaatti kan deebiʼe siʼa taʼu, Qifirnaahom jira. Namoonni inni dinqiidhaan soore yommuu isa argan, “Yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus kan isaan isa barbaadan ammas nyaata nyaachuuf akka taʼe dubbachuudhaan isaan ifate. ‘Nyaata baduuf utuu hin taʼin, nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf akka hojjetan’ isaan gorse. Kanaaf, “Hojii Waaqayyoo hojjechuuf maal gochuu qabna ree?” jedhanii isa gaafatan.—Yohaannis 6:25-28.

Tarii namoonni kun waaʼee hojiiwwan Seericha keessatti caqasamanii yaadaa jiru. Yesuus garuu hojii iddoo guddaa qabu caqase. Akkana jedhe, “Hojiin Waaqayyoo, isin isa inni ergetti akka amantaniifi dha.” Yesuus wantoota hedduu kan hojjete taʼus, namoonni kun amantii akkasii isa irratti hin qaban. Isatti amanuu akka dandaʼaniif mallattoo akka isaanitti argisiisu isa gaafatan. Akkana jedhan: “Hojii akkamii hojjetta? ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa nyaata isaaniif kenne’ jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya lafa onaa keessatti mannaa nyaatan.”—Yohaannis 6:29-31; Faarfannaa 78:24.

Gaaffii isaan mallattoo akka isaanitti argisiisu gaafatanii wajjin haala wal qabateen, Yesuus maddi wantoota dinqiidhaan argamanii eenyu akka taʼe dubbate. Akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, Museen samii irraa nyaata isiniif hin kennine; Abbaan koo garuu samii irraa nyaata isa dhugaa isiniif kenna. Sababiin isaas nyaanni Waaqayyoo, isa samii irraa dhufuu fi addunyaadhaaf jireenya kennu dha.” Wanta inni jechuu barbaade waan isaaniif hin galleef, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda nyaata kana nuu kenni” jedhanii isa kadhatan. (Yohaannis 6:32-34) Haa taʼu malee, Yesuus “nyaata” yeroo jedhu maal jechuu isaa ti?

Akkana jechuudhaan ibse: “Ani nyaata jireenyaa ti. Namni gara koo dhufu hundi matumaa hin beelaʼu; namni anatti amanu hundis matumaa hin dheebotu. Haa taʼu malee, akkuma ani isinitti hime isin na argitanii illee hin amantan. . . . Ani samii irraa kanan dhufe, fedhii isa na erge sanaa raawwachuuf malee, fedhii ofii koo raawwachuuf miti. Fedhiin isa na ergee immoo, warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti akka ani duʼaa kaasuuf malee, isaan keessaa tokko illee akka na jalaa baduuf miti. Sababiin isaas fedhiin Abbaa koo namni Ilma beekee isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi.”—Yohaannis 6:35-40.

Yaadni kun isaan aarse. Yihudoonni, “Ani nyaata samii irraa buʼe dha” akkamitti jedha? jedhanii gungumuu jalqaban. (Yohaannis 6:41) Akka ilaalcha isaaniitti, inni ilma namoota warri isaa magaalaa Naazireet ishii Galiilaatti argamtu keessa jiraatanii ti. Kanaaf, “Kun Yesuus Ilma Yoseef, isa nuti abbaa isaa fi haadha isaa beeknu sana mitii?” jedhanii gaafatan.—Yohaannis 6:42.

Yesuusis, akkana isaaniin jedhe: “Walitti gungumuu keessan dhiisaa. Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. Raajonni, ‘Hundi isaanii warra Yihowaa irraa baratan ni taʼu’ jedhanii barreessaniiru. Namni Abbaa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa. Isa Abbaa biraa dhufe sana malee namni tokko illee Abbaa hin argine; Abbaa kan arge isa qofa dha. Dhuguma dhuguman isiniin jedha, anatti kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba.”—Yohaannis 6:43-47; Isaayaas 54:13.

Kanaan dura Yesuus Niqodimoosii wajjin yeroo dubbatetti, waaʼee jireenya bara baraa caqaseera. ‘Isatti [Ilma Waaqayyoo isa tokkichatti] kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatu, malee akka hin badne’ dubbachuudhaan, jireenya bara baraa argachuu Ilma namaa irratti amantii qabaachuu wajjin wal qabsiiseera. (Yohaannis 3:15, 16) Yeroo kanatti garuu Yesuus, jireenya bara baraa mannaanis taʼe nyaatni Galiilaatti baramaa taʼe isaaniif argamsiisuu hin dandeenye akka argatan gochuu irratti gaʼee akka qabu namootatti himaa jira. Maarree jireenyi bara baraa kan argamu akkamitti? Yesuus ammas, “Ani nyaata jireenyaa ti” jedhe.—Yohaannis 6:48.

Mareen waaʼee nyaata samii irraa dhufe ilaalchisee kaʼe itti fufuudhaan yeroo Yesuus mana sagadaa Qifirnaahomitti argamutti barsiisu mormii cimaa kaase.