Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 23

Yesuus Qifirnaahom Keessatti Dinqiiwwan Guguddaa Hojjete

Yesuus Qifirnaahom Keessatti Dinqiiwwan Guguddaa Hojjete

MAATEWOS 8:14-17 MAARQOS 1:21-34 LUQAAS 4:31-41

  • YESUUS JINNII TOKKO BAASE

  • AMAATIIN PHEEXIROS NI FAYYIFAMTE

Yesuus barattoonni isaa afur, jechuunis Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannis namoota kan qaban akka taʼan afeereera. Amma, guyyaa Sanbataatti, hundi isaanii gara mana sagadaa Qifirnaahom keessatti argamuutti dhufaniiru. Yesuus mana sagadaa kana keessatti kan barsiise siʼa taʼu, ammas namoonni akkaataa inni itti barsiisu baayʼee dinqisiifatan. Kan inni barsiisu akka nama aangoo qabuutti malee akka barreessitoota seeraatti miti.

Guyyaa Sanbataa kanatti nama jinniidhaan qabame tokkotu bakka kana ture. Namichi kun manuma sagadaa kana keessatti sagalee guddaadhaan, “Yaa Yesuus nama Naazireet, maal nu irraa qabda? Nu balleessuu dhuftee? Ati Qulqulluu Isa Kan Waaqayyoo taʼuu kee ani sirriitti beeka!” jedhee iyye. Yesuus, “Cal jedhi, isa keessaas baʼi!” jechuudhaan jinnii namicha kana toʼatee jiru ifate.—Maarqos 1:24, 25.

Yeroo kanatti hafuurri hamaan kun namicha lafaan dhaʼee romʼisiisuudhaan sagalee isaa ol kaasee iyye. Taʼus “utuu isa hin miidhin” keessaa baʼe. (Luqaas 4:35) Namoonni mana sagadaa kana keessa jiran baayʼee dinqisiifatan! “Kun maali? Barumsa haaraa dha! Inni hafuurota xuraaʼoo illee aangoodhaan ni ajaja; isaanis isaaf ni ajajamu” jedhan. (Maarqos 1:27) Wanti baayʼee nama ajaaʼibsiisu kun guutummaa Galiilaa keessatti akka odeeffamu beekamaa dha.

Yesuusii fi barattoonni isaa mana sagadaa keessaa baʼanii gara mana Simoon isa Pheexiros jedhamuu deeman. Amaatiin Pheexiros dhaqna gubaa cimaadhaan qabamtee baayʼee dhukkubsatteetti. Isaanis Yesuus akka ishii fayyisu isa kadhatan. Kanaaf, Yesuus manatti ol galee, harka ishii qabee ol ishii kaase. Ishiinis yeruma sana fayyitee Yesuusii fi barattoota isaa isaa wajjin jiraniif tarii nyaata qopheessuudhaan isaan tajaajiluu jalqabde.

Gara galgalaa, kallattii adda addaa irraa namoonni nama isaan jalaa dhukkubsate qabatanii gara mana Pheexiros dhufan. Namoonni magaalattii hundi balbala isaa irratti waan walitti qabaman fakkaata. Maaliif? Dhukkuba isaanii irraa fayyuu barbaadanii ti. “Namoonni warra dhukkuba adda addaatiin qabaman hunda gara isaatti fidan. Innis tokkoon tokkoon isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise.” (Luqaas 4:40) Eeyyee, dhukkubni isaan qabe maal iyyuu yoo taʼe, Yesuus akkuma dursee raajiidhaan dubbatametti isaan fayyise. (Isaayaas 53:4) Namoota jinniidhaan qabaman illee fayyiseera. Hafuuronni hamoon kun namoota kana keessaa yommuu baʼan, “Ati Ilma Waaqayyoo ti” jedhanii iyyu. (Luqaas 4:41) Yesuus garuu kan isaan ifate yommuu taʼu, sana booda akka dubbatan isaaniif hin heyyamne. Yesuus, Kiristoos taʼuu isaa kan beekan siʼa taʼu, innis Waaqa dhugaa akka waan tajaajilaa jiraniitti akka of argisiisan hin barbaanne.