Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 14

Yesuus Namoota Barattoota Gochuu Jalqabe

Yesuus Namoota Barattoota Gochuu Jalqabe

YOHAANNIS 1:29-51

  • BARATTOONNI YESUUS WARRI JALQABAA ISA DUUKAA BUʼAN

Yesuus guyyaa 40f lafa onaa keessa erga turee booda, gara Galiilaatti deebiʼuu isaa dura Yohaannis isa isa cuuphe bira deeme. Utuu inni gara isaa dhufaa jiruu Yohaannis harka isaatiin gara Yesuus argisiisaa namoota achi jiraniin akkana jedhe: “Ilaa, Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa kanaa balleessu! Kun isa ani waaʼee isaa, ‘Namni ana dura deemu tokko ana duubaan ni dhufa; inni ana dura jiraachaa ture’ jedhe sana dha.” (Yohaannis 1:29, 30) Yohaannis umuriidhaan Yesuusiin hamma tokko kan caalu taʼus, utuu inni hin dhalatin Yesuus qaama hafuuraa taʼee samii keessa jiraachaa akka ture beeka.

Yohaannis torban muraasa dura yeroo inni cuuphamuuf gara isaa dhufetti Yesuus Masiihicha akka taʼu mirkanaaʼaa waan ture hin fakkaatu. Yohaannis, “Anumti illee isa hin beekun ture; ani bishaaniin cuuphaa kanan dhufe garuu, inni Israaʼelitti akka mulʼatuufi” jechuudhaan dhugaa jiru dubbateera.—Yohaannis 1:31.

Yohaannis itti fufuudhaan yeroo Yesuus cuuphametti wanta taʼe dhaggeeffattoota isaatti akkana jechuudhaan dubbate: “Ani, hafuurri samii irraa akka gugeetti gad buʼee yommuu isa irra qubatu argeera. Anumti iyyuu isa hin beekun ture; Inni ani bishaaniin akkan cuuphu na erge sun garuu, ‘Inni hafuurri gad buʼee yommuu isa irra qubatu argitu sun, inni isa hafuura qulqulluutiin cuuphu sana dha’ naan jedhe. Ani kana argeera, inni Ilma Waaqayyoo taʼuu isaas dhugaa baʼeera.”—Yohaannis 1:32-34.

Guyyaa itti aanutti Yesuus ammas gara isaa yeroo dhufetti Yohaannis barattoota isaa lamaa wajjin ture. Yohaannis, “Ilaa, Hoolicha Waaqayyoo!” isaaniin jedhe. (Yohaannis 1:36) Yeroo kanatti, barattoonni Yohaannis Cuuphaa kun lamaan Yesuus duukaa buʼan. Maqaan isa tokkoo Indiriyaasi dha. Inni lammaffaan immoo nama seenaa kana barreessee fi Yohaannis jedhamee waamamu dha. Yohaannis inni kun ilma Salomee waan taʼeef, durbii Yesuus taʼuu hin oolu. Saloomeen obboleettii Maariyaam taʼuu hin ooltu; maqaan abbaa manaa ishii immoo Zabdeewos jedhama.

Yesuus duubatti garagalee Indiriyaasii fi Yohaannis isa duukaa utuu buʼanii argee, “Maal barbaaddu?” jedheen.

Isaanis, “Rabbi eessa jiraatta?” jedhanii isa gaafatan.

Achiis Yesuus, “Kottaa ilaalaa” jedhee deebiseef.—Yohaannis 1:37-39.

Yeroon isaa waaree booda gara saʼaatii sagalii siʼa taʼu, Indiriyaasii fi Yohaannis saʼaatii sanaa kaasee isaa wajjin turan. Indiriyaas baayʼee waan gammadeef obboleessa isaa Simooniin (Pheexiros jedhamees ni waamama) yeroo argetti, “Masiihicha arganneerra” jedhee itti hime. (Yohaannis 1:41) Achiis Pheexirosiin Yesuusitti geesse. Wantonni yeroo booda taʼan Yohaannisis obboleessa isaa Yaaqoobiin gara Yesuusitti akka geesse argisiisu. Haa taʼu malee, Yohaannis waaʼee kanaa seenaa barreessetti hin daballe.

Guyyaa itti aanutti Yesuus Filiphoos isa Beetasayidaa jiraatu arge. Magaalaan kun kaaba qarqara Galaana Galiilaatti kan argamtu siʼa taʼu, Indiriyaasii fi Pheexiros bakka kanatti dhalatan. Yesuus Filiphoosiin, “Duuka buutuu koo taʼi” jedhee afeere.—Yohaannis 1:43.

Achiis Filiphoos, Naatnaaʼel isa Bartolomewos jedhamees waamamu argee, “Yesuus ilma Yoseef isa biyya Naazireet, isa Museen Seericha keessatti waaʼee isaa barreessee fi Raajonni waaʼee isaa barreessan arganneerra” isaan jedhe. Naatnaaʼel garuu waan shakkeef Filiphoosiin, “Wanti gaariin Naazireet keessaa baʼuu dandaʼaa?” jedhe.

Filiphoosis, “Kottuu ilaali” jedheen. Yesuus, Naatnaaʼel gara isaa dhufaa akka jiru argee, “Ilaa, nama Israaʼel isa dhugaa, isa haxxummaan keessa hin jirre” jedhe.

Naatnaaʼelis, “Akkamitti na beekte?” jedhee isa gaafate.

Yesuusis, “Filiphoos utuu si hin waamin dura, utuu ati muka harbuu jala jirtuun si arge” jedheen.

Naatnaaʼelis baayʼee dinqisiifachuudhaan, “Rabbii, ati Ilma Waaqayyoo ti; ati Mootii Israaʼeli” isaan jedhe.

Yesuusis deebisee, “Ani muka harbuu jalattan si arge waanan siin jedheef amantee? Wantoota guguddaa kana caalan ni argita” jedheen. Achiis Yesuus, “Dhuguman isiniin jedha, samiin banamee maleekonni Waaqayyoo gara Ilma namaatti yommuu ol baʼanii fi gad buʼan ni argitu” jedhee waadaa seene.—Yohaannis 1:45-51.

Kun taʼee utuu baayʼee hin turin, Yesuus barattoota isaa warra haaraa wajjin Sulula Yordaanosii baʼee gara Galiilaa deeme.