BOQONNAA 15
Yesuus Dinqii Isa Jalqabaa Raawwate
-
CIDHA QAANAA KEESSATTI GEGGEEFFAME
-
YESUUS BISHAAN GARA WAYINIITTI JIJJIIRE
Naatnaaʼel barattoota Yesuus warra jalqabaa keessaa tokko erga taʼee amma guyyaa sadii taʼeera. Yesuusii fi barattoota isaa jalqabaa keessaa yoo xinnaate muraasni kallattii kaabaatiin gara Galiilaa deemaa jiru. Bakki dhalootaa isaanii naannoo kana dha. Bakki isaan deeman Qaanaa ishii biyya dhalootaa Naatnaaʼel taate dha. Qaanaan tulluuwwan kaaba Naazireet ishii Yesuus keessatti guddatetti argaman keessatti argamti. Cidha Qaanaa keessatti geggeeffamu tokko irratti akka argaman afeeramaniiru.
Haati Yesuusis cidha kana irratti argamteetti. Maariyaam michuu maatii namoota wal fuudhan sanaa waan taateef, namoota cidhicha irratti argaman keessummeessuu irratti isaan gargaaraa waan jirtu fakkaata. Kanaaf, wanta hirʼate daftee waan barteef, “Daadhiin wayinii isaan jalaa dhumeera” jettee Yesuusitti himte.—Yohaannis 2:3.
Akkas yeroo jettu, wayiniin waan dhumeef Yesuus waan tokko akka godhu isa gaafachuu ishii ture. Yesuus jechama yaada ishii mormaa akka jiru argisiisutti fayyadamuudhaan, “Dubartii nana, dhimmi kun anaa fi siin ni ilaallataa?” ishiidhaan jedhe. (Yohaannis 2:4) Yesuus Mootii Waaqayyo muude waan taʼeef, waan tokko akka inni hojjetu kan itti himuu qabu Abbaa isaa isa samii ti malee maatii ykn michoota isaa miti. Maariyaam namoota mana keessaa hojjechaa jiraniin, “Wanta inni isinitti himu hunda godhaa” jechuudhaan dhimmicha malaan isaaf dhiiste.—Yohaannis 2:5.
Gaaniiwwan bishaanii dhagaa irraa hojjetamanii fi tokkoon tokkoon isaanii liitrii 40 ol qabachuu dandaʼan jaʼa achi jiru. Yesuus keessumsiistota achi jiraniin, “Gaaniiwwan kana bishaan itti guutaa” jedhe. Achiis, “Amma buusaatii namicha cidha geggeessuuf kennaa” isaaniin jedhe.—Yohaannis 2:7, 8.
Namichi cidhicha geggeessu wayiniin sun baayʼee gaarii taʼuu isaa kan ajaaʼibsiifate taʼus, dinqiidhaan akka argame hin barre ture. Kanaaf dhirsa misirroo waamee, “Namni hundi jalqaba daadhii wayinii isa gaarii dhiheessa; yommuu namoonni machaaʼan immoo daadhii isa laafaa dhiheessa. Ati garuu hamma yoonaatti daadhii wayinii isa gaarii tursiteetta” jedheen.—Yohaannis 2:10.
Kun dinqii Yesuus raawwate isa jalqabaa ti. Barattoonni isaa warri haaraan dinqii inni raawwate kana yommuu argan amantiin isa irratti qaban ni cime. Sana booda Yesuus, haati isaa fi obboloonni isaa gara magaalaa Qifirnaahom ishii kaaba dhiha qarqara Galaana Galiilaatti argamtuu deeman.