Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 130

Yesuus Ajjeefamuuf Dabarfamee Kenname

Yesuus Ajjeefamuuf Dabarfamee Kenname

MAATEWOS 27:31, 32 MAARQOS 15:20, 21 LUQAAS 23:24-31 YOHAANNIS 19:6-17

  • PHILAAXOS YESUUSIIN HIIKUUF YAALE

  • YESUUSITTI NI MURTEEFFAME; BAKKA ITTI AJJEEFAMUTTIS NI GEEFFAME

Yesuus miidhaa suukanneessaan kan isa irratti raawwatamee fi kan itti qoosame taʼus, carraaqqiin Philaaxos isa hiikuuf godhe dura buutonni lubootaa fi namoonni isaanii wajjin jiran Yesuusiif garaa akka laafan hin goone. Yesuusiin ajjeesisuuf murteessaniiru. Kanaaf, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyuu isaanii itti fufan. Philaaxosis, “Ani balleessaa tokko illee isa irratti waanan hin arganneef, isinumti fuudhaatii isa fannisaa” isaaniin jedhe.—Yohaannis 19:6.

Himanni Yihudoonni Yesuus mootummaa warra Roomaa irratti yakka hojjeteera jedhanii dhiheessan duʼaaf kan geessisu taʼuun isaa Philaaxosiin amansiisuu hin dandeenye. Amantii wajjin wal qabsiisuudhaan yoo himata dhiheessan hoo? Himanni isaanii fudhatama akka dhabe yommuu hubatan, himata kanaan dura miseensota Saanhediriin duratti dhiheessan akkana jechuudhaan deebisanii dhiheessan: “Nuti seera qabna; inni ilma Waaqayyoo waan of godheef, akka seera keenyaatti duʼuu qaba.” (Yohaannis 19:7) Himanni kun Philaaxosiif haaraa dha.

Philaaxos gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee nama miidhaa suukanneessaa isa irratti raawwatame damdamatee fi haati manaa isaa iyyuu abjuudhaan waaʼee isaa argite kana karaa itti hiiku barbaaduu jalqabe. (Maatewos 27:19) Waaʼee himata haaraa Yihudoonni namni hidhame kun “ilma Waaqayyoo” of godheera jechuudhaan dhiheessan kanaa hoo maal jechuutu dandaʼama? Philaaxos, Yesuus nama Galiilaa taʼuu isaa beeka. (Luqaas 23:5-7) Taʼus, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. (Yohaannis 19:9) Philaaxos, Yesuus kanaan dura jiraachaa akka ture, tarii immoo Waaqa biraa akka dhufe yaadee taʼinnaa?

Yesuus, mootii akka taʼee fi Mootummaan isaa garuu kan addunyaa kanaa akka hin taane kanaan dura Philaaxositti himee ture. Kanaaf, dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa kennuun isaa faayidaa waan hin qabneef Yesuus ni callise. Philaaxos, Yesuus deebii isaaf kennuu dhiisuun isaa ulfina isaa akka tuqetti waan isatti dhagaʼameef aariidhaan, “Deebii anaaf hin kennituu? Ani si hiikuufis taʼe si fannisuuf aangoo akkan qabu hin beektuu?” jedhe.—Yohaannis 19:10.

Yesuusis akkana jedhee deebiseef: “Waaqayyo biraa utuu siif hin kennamne taʼee, ana irratti aangoo tokko illee hin qabaattu turte. Namichi dabarsee sitti na kenne, cubbuu guddaa kan qabu kanaafi.” (Yohaannis 19:11) Yesuus akkana kan jedhe nama tokko yaadatti qabatee taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanaa mannaa, Qayyaafaa fi namoonni isaa wajjin jiran, akkasumas Yihudaa Asqorootuun Philaaxos caalaa kan itti gaafataman taʼuu isaanii ibsuu isaa ti.

Amalli Yesuus argisiisee fi wanti inni dubbate waan isa dinqisiiseef, akkasumas Yesuus Waaqa biraa kan dhufe taʼuu dandaʼa jedhee waan sodaateef, Philaaxos ammas Yesuusiin hiikuuf yaale. Yihudoonni garuu himata Philaaxosiin sodaachisu gara biraa dhiheessan. “Ati namicha kana yoo gadhiiste michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu hundi Qeesaariin ni morma” jedhaniin.—Yohaannis 19:12.

Bulchaan kun ammas Yesuusiin gad baasee, teessoo murtii irra taaʼee, “Ilaa, mootii keessan!” isaaniin jedhe. Yihudoonni garuu yaada isaanii hin jijjiirre. “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Philaaxosis, “Mootii keessan fannisuu?” jedhee isaan gaafate. Bulchiinsi warra Roomaa yeroo dheeraadhaaf isaan hacuucaa ture; taʼus dura buutonni lubootaa afaan guutanii, “Nuti Qeesaar malee mootii kan biraa hin qabnu” jedhanii deebisan.—Yohaannis 19:14, 15.

Philaaxos, dhiibbaa Yihudootaatiin waan moʼameef, Yesuus akka ajjeefamuuf dabarsee kenne. Loltoonni, uffata isa diimaa Yesuus irraa baasanii uffata isaa isa inni irra keessatti uffatu itti uffisan. Yesuusiin yommuu fuudhanii deeman, muka dhiphinaa irratti isa fannisan isa baachisan.

Amma, Jimaata ganama, Niisaan 14 dha. Yesuus, Kamisa bariidhaa jalqabee hirriba hin arganne; haalli suukanneessaan garaa garaas isa irratti raawwatamaa tureera. Kanaaf, mukicha baatee deemuuf humna dhabe. Loltoonni, kara deemaan Simoon jedhamuu fi Qareenaa ishii Afriikaatti argamtu keessaa dhufe mukicha baatee bakka Yesuus itti ajjeefamutti akka geessu isa dirqisiisan. Namoonni hedduun isa hordofaa kan jiran yommuu taʼu, isaan keessaa tokko tokko gaddaan qoma isaanii rurrukuchaa booʼaa jiru.

Yesuus dubartoota booʼaa jiraniin akkana jedhe: “Yaa intaloota Yerusaalem, anaaf booʼuu dhiisaatii, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif booʼaa; sababiin isaas yeroon namoonni, ‘Dubartoonni dhabduu taʼan, kan daʼanii hin beekne fi kan hoosisanii hin beekne gammadoo dha’ itti jedhan ni dhufa. Yeroo sanatti isaan gaarotaan, ‘Nu irratti kufaa!’ tullootaanis ‘Nu dhoksaa!’ jechuu jalqabu. Yeroo mukti jiidhaa taʼee jirutti wantoota kana yoo godhan, yeroo mukti gogutti immoo maaltu taʼa laata?”—Luqaas 23:28-31.

Yesuus asirratti waaʼee saba Yihudii dubbachaa jira. Yesuusii fi Yihudoonni isatti amanan muraasni waan jiraniif sabichi muka amma tokko jiidhaa taʼetti fakkeeffameera. Namoonni kun sabicha keessaa yommuu baafaman garuu, kan hafu akkuma muka gogaa saba karaa hafuuraa duʼe qofa dha. Waraanni warra Roomaa, saba Yihudii balleessuudhaan murtiin Waaqayyoo akka raawwatamu yommuu godhu booʼicha guddaatu taʼa!