Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 109

Mormitoota Isaa Balaaleffate

Mormitoota Isaa Balaaleffate

MAATEWOS 22:41–23:24 MAARQOS 12:35-40 LUQAAS 20:41-47

  • KIRISTOOS ILMA EENYUU TI?

  • YESUUS MORMITOOTA ISAA FAKKEESSITUU TAʼAN SAAXILE

Mormitoonni Yesuus, maqaa isaa balleessuu fi kiyyootti isa galchuudhaan warra Roomaatti dabarsanii isa kennuuf yaalii isaan taasisan hin milkoofne. (Luqaas 20:20) Ammas guyyaan isaa Niisaan 11 yommuu taʼu, Yesuus amma iyyuu mana qulqullummaa keessa jira. Yeroo kanatti Yesuus dhimmicha isaanitti kan garagalche siʼa taʼu, eenyummaa isaa isa dhugaas isaan beeksise. Dursa fudhatee, “Waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate. (Maatewos 22:42) Kiristoos ykn Masiihichi sanyii Daawit keessaa akka dhufu namoonni sirriitti beeku. Namoonni kunis akkanuma jedhanii deebisan.—Maatewos 9:27; 12:23; Yohaannis 7:42.

Yesuusis akkana jedhee gaafate: “Maarree, Daawit akkamitti hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ jedhee isa waama? Daawit, ‘Yihowaan Gooftaa kootiin, “Ani diinota kee miilla kee jala hamman siif godhutti ati mirga koo taaʼi” jedheera’ jedhee dubbateera. Maarree Daawit Gooftaa jedhee erga isa waamee, akkamitti ilma isaa taʼa?”—Maatewos 22:43-45.

Fariisonni kan eegaa turan nama sanyii Daawit keessaa dhufuu fi bittaa warra Roomaa jalaa bilisa isaan baasu waan taʼeef ni callisan. Yesuus garuu yaada Daawit isa Faarfannaa 110:1, 2 irratti galmeeffamee jiru irratti hundaaʼuudhaan, Masiihichi nama mootii taʼe tokkoo ol akka taʼe hubachiise. Inni Gooftaa Daawiti dha; mirga Waaqayyoo erga taaʼee boodas, aangoon isaaf kennama. Deebiin Yesuus kenne mormitoota isaa afaan qabsiise.

Barattoonnii fi namoonni hedduun dhaggeeffachaa turan. Amma Yesuus isaanitti kan dubbate siʼa taʼu, waaʼee barsiisota seeraa fi Fariisotaa isaan akeekkachiise. Geggeessitoonni kun Seera Waaqayyoo barsiisuuf, “barcuma Musee irra of kaaʼaniiru.” Yesuus dhaggeeffattootaan akkana jedhe: “Wanta isaan isinitti himan hunda hojii irra oolchaa, akkasumas eegaa; garuu isaan wanta dubbatan hojii irra waan hin oolchineef, akka isaan godhan hin godhinaa.”—Maatewos 23:2, 3.

Achiis Yesuus wantoota fakkeessitummaa isaanii argisiisan tokko tokko caqase. “Kudhaama guguddaa kaaʼatu” jedhe. Yihudoonni tokko tokko addaa fi harka isaanii irratti kudhaama xinnoo caqasni Seericha irraa fudhatame keessa jiru ni hidhatu. Fariisonni garuu Seerichaaf waan hinaafan fakkeessuuf kudhaama guddaa hidhatu. “Foʼaa fiixee uffata isaaniis ni dheereffatu.” Israaʼeloonni fiixee uffata isaanii irratti shaashara baafachuu qabu turan. Fariisonni garuu shaashara kana garmalee dheeressu. (Lakkoobsa 15:38-40) Kana hunda kan godhan “namootatti of argisiisuuf” jedhanii ti.—Maatewos 23:5.

Barattoonni Yesuus illee fedhiin iddoo guddaa argachuu isaan keessatti uumamuu waan dandaʼuuf akkana jedhee isaan gorse: “Barsiisaan keessan tokko qofa waan taʼeef, ‘Rabbii’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin hundi keessan obbolaa dha. Kana malees Abbaan keessan tokkicha isa samii qofa waan taʼeef, lafa irratti eenyuun iyyuu ‘abbaa’ jettanii hin waaminaa. Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoos qofa waan taʼeef, ‘geggeessaa’ jedhamtanii hin waamaminaa.” Erga akkas taʼee barattoonni ilaalcha akkamii ofiif qabaachuu qabu, akkasumas gochi isaanii kan akkamii taʼuu qaba? Yesuus, “Inni hunda keessan irra caalu tajaajilaa keessan haa taʼu. Namni ol ol of qabu hundi gad ni deebisama; namni gad of qabu hundi garuu ol ol ni qabama” isaaniin jedhe.—Maatewos 23:8-12.

Achiis Yesuus barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessituu taʼan kanatti yaada jabaa dubbate. Akkana jedhe: “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana isiniif wayyoo! Isin balbala Mootummaa samii namootatti cuftu; ofii keessanii itti hin galtan, warra itti galuu dhufanis ni dhowwitu!”—Maatewos 23:13.

Yesuus, Fariisonni wanta Yihowaa duratti caalaatti barbaachisaa taʼeef xiyyeeffannaa waan hin kennineef isaan balaaleffate. Fakkeenyaaf, “Namni tokko mana qulqullummaatiin yoo kakate homaa miti; warqii mana qulqullummaa keessa jiruun yoo kakate garuu waadaa isaa raawwachuuf dirqamni isa irra jira” jedhu. Kan isaan xiyyeeffatan manni qulqullummaa bakka Waaqa isaanii Yihowaa itti waaqeffatanii fi isatti itti dhihaatan taʼuu isaa irratti utuu hin taʼin, warqii achi keessa jiru irratti taʼuun isaa karaa hafuuraa jaamota akka taʼan argisiisa. Akkasumas, namoonni kun “wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman, jechuunis haqa, gara laafinaa fi amanamummaa akka laayyootti” ilaalu.—Maatewos 23:16, 23; Luqaas 11:42.

Yesuus Fariisonni kun, ‘jaamota jaamotatti karaa argisiisanii fi warra bookee calalanii baasan, garuu immoo warra gaala liqimsan!’ akka taʼan dubbate. (Maatewos 23:24) Bookeen akka sirna amantiitti xurooftuu waan taateef wayinii keessaa calalanii baasu. Haa taʼu malee, wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman akka laayyootti kan ilaalan taʼuun isaanii, gaala isa bookee irra baayʼee guddaa fi akka sirna amantiitti xuraaʼaa taʼe liqimsuu wajjin tokko dha.—Lewwoota 11:4, 21-24.