Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 136

Qarqara Galaana Galiilaatti

Qarqara Galaana Galiilaatti

YOHAANNIS 21:1-25

  • YESUUS GALAANA GALIILAA BIRATTI MULʼATE

  • PHEEXIROSII FI WARRI KAAN HOOLOTA SOORU

Yesuus galgala xumuraa ergamootaa wajjin dabarsetti, “Ergan duʼaa kaʼee booda, isin dursee gara Galiilaa nan dhaqa” isaaniin jedhee ture. (Maatewos 26:32; 28:7, 10) Amma duuka buutonni isaa hedduun gara Galiilaa kan deeman taʼus, achitti maal gochuu qabu laata?

Yeroo muraasa booda Pheexiros ergamoota jaʼaan, “Ani qurxummii qabuun dhaqa” jedhe. Jaʼan isaanii iyyuu, “Nutis sii wajjin dhaqna” jedhaniin. (Yohaannis 21:3) Halkan guutuu qurxummii tokko illee hin qabne. Barii jala Yesuus qarqara galaanichaatti mulʼate; isaan garuu eenyummaa isaa hin hubanne. Yesuus, “Ijoolle, wanta nyaatamu qabduu?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Hin qabnu!” jedhanii deebisan. Innis, “Kiyyoo keessan karaa mirga bidirichaatiin darbadhaa, qurxummii ni argattu” isaaniin jedhe. (Yohaannis 21:5, 6) Qurxummii hedduu waan qabaniif, kiyyoo sana harkisuu dadhaban.

Yeroo kanatti Yohaannis, “Gooftaadhaam!” jedhee Pheexirositti dubbate. (Yohaannis 21:7) Pheexiros uffata isaa isa irra keessaa qurxummii qabuuf of irraa baasee ture dafee uffate. Achiis, utaalee bishaanicha keessa seenuudhaan gara meetira 90 daakee gara qarqaraa dhufe. Warri bidiruu irra turan garuu kiyyoo qurxummiidhaan guutame harkisaa suuta jedhanii dhufan.

Yommuu qarqara galaanichaa gaʼanis, “barbadaa cilee qurxummiin irra taaʼee fi daabboo argan.” Yesuusis, “Qurxummii amma qabdan keessaa muraasa as fidaa” isaaniin jedhe. Pheexiros kiyyoo qurxummii guguddaa 153 guutame harkise. Achiis Yesuus, “Kottaa, ciree keessan nyaadhaa” isaaniin jedhe. Hundi isaanii waan isa baraniif, isaan keessaa tokko illee, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafachuuf kan ija jabaate hin jiru. (Yohaannis 21:10-12) Kun, Yesuus bakka barattoonni isaa walitti qabamanitti kan isaanitti mulʼate yeroo sadaffaadhaafi dha.

Yesuus hunda isaaniitiif daabboo fi qurxummii kenne. Achiis, gara qurxummii qabamee ilaalaa taʼuu hin oolu Pheexirosiin, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, isaan kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Pheexiros hojii Yesuus isatti kenne caalaa hojii qurxummii qabuu jaallataa laata? Pheexiros, “Eeyyee yaa Gooftaa, baayʼee akka ani si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedhee deebiseef. Yesuusis, “Hoolota koo soori” jedheen.—Yohaannis 21:15.

Yeroo lammaffaadhaaf Yesuus, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, na jaallattaa?” jedheen. Pheexirositti wanti kun dalga taʼuu hin oolu. Kanaaf, “Eeyyee yaa Gooftaa, baayʼee akkan si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedheen. Yesuusis, “Ilmoolee hoolaa koo tiksi” jedheen.—Yohaannis 21:16.

Ammas, Yesuus siʼa sadaffaadhaaf, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, baayʼee na jaallattaa?” jedheen. Yeroo kanatti Pheexiros, Yesuus amanamummaa isaa akka shakke isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Kanaaf Pheexiros, “Yaa Gooftaa, ati waan hundumaa beekta; akka ani baayʼee si jaalladhus beekta” jedheen. Ammas Yesuusis, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedheen. (Yohaannis 21:17) Eeyyee, warri itti gaafatamummaa qaban, namoota gara karra Waaqayyootti dhufan tajaajiluu qabu.

Yesuus hojii Waaqayyo isatti kenne hojjechuu isaatiin hidhameera, akkasumas ajjeefameera. Haalli akkasii Pheexirosiin mudachuu akka dandaʼus ibseera. Akkana jedhe: “Ati yommuu dargaggeessa turte ofuma keetii uffattee bakka barbaadde dhaqxa turte. Yommuu dulloomtu garuu, harka kee ni diriirsita, namni kan biraan sitti uffisee bakka ati hin barbaadne si geessa.” Taʼus, Yesuus, “Ana duukaa buʼuu kee itti fufi” jedheen.—Yohaannis 21:18, 19.

Pheexiros, Yohaannisiin ilaalee, “Yaa Gooftaa, namichi kun immoo maal taʼa?” jedhe. Ergamaan Yesuus baayʼee jaallatu kun gara fuulduraatti maaltu isa mudata? Yesuus, “Hamma ani dhufutti akka inni turu yoon fedhe maaltu si dhibe?” jedheen. (Yohaannis 21:21-23) Pheexiros, waaʼee wanta warri kaan raawwatanii utuu hin dhiphatin Yesuus duukaa buʼuu qaba. Taʼus Yesuus, Yohaannis ergamoota kaan caalaa umurii dheeraa akka jiraatuu fi mulʼata haala yeroo Yesuus aangoo Mootummaa isaatiin dhufu ibsu kan argu taʼuu isaa addeesse.

Wantoonni Yesuus hojjete hedduu waan taʼaniif, utuu barreeffamanii maraawwan kitaabotaa hedduun akka hin geenye beekamaa dha.