Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 135

Yesuus Inni Duʼaa Kaafame Namoota Hedduutti Mulʼate

Yesuus Inni Duʼaa Kaafame Namoota Hedduutti Mulʼate

LUQAAS 24:13-49 YOHAANNIS 20:19-29

  • YESUUS DAANDII GARA EMAAHUS GEESSU IRRATTI MULʼATE

  • KITAABOTA QULQULLUU IRRA DEDDEEBIʼEE CAQASUUDHAAN BARATTOOTAAF IBSE

  • TOOMAAS MAMUU DHIISE

Guyyaan isaa Dilbata, Niisaan 16 dha; barattoonni baayʼee gaddaniiru. Awwaalichi duwwaa kan taʼe maaliif akka taʼe hubachuu hin dandeenye. (Maatewos 28:9, 10; Luqaas 24:11) Guyyuma kana xinnoo turee, Qalayophaa fi barataan tokko Yerusaalemii gara Emaahus ishii naannoo kiiloo meetira 11 fagaattuu deemuu jalqaban.

Yeroo kanatti waaʼee wanta raawwatame kanaa waliin dudubbachaa deemu. Achiis namni isaan hin beekneen tokko isaanii wajjin deemuu jalqabe. Namichis, “Wanti isin waliin dudubbachaa deemtan kun maali dha?” jedhee isaan gaafate. Qalayophaan akkana jedheen: “Ati keessummaa taatee kophaa kee Yerusaalem keessa jiraachaa jirtaa? Wantoota yeroo kanatti magaalattii keessatti taʼan hin beektu jechuu dhaa?” Namichis, “Wantoota akkamii?” jedhee gaafate.—Luqaas 24:17-19.

Isaanis, “Waaʼee Yesuus nama Naazireet sanaa ti kaa; . . . namichi kun Israaʼeliin bilisa baasa jennee abdannee turre” jedhaniin.—Luqaas 24:19-21.

Qalayophaa fi michuun isaa wanta raawwatame namichatti himuu isaanii itti fufan. Dubartoonni tokko tokko bakka reeffi Yesuus itti awwaalame dhaqanii iddoo awwaalaa duwwaa fi wantoota dinqisiisoo taʼan akka argan jechuunis, maleekonni isaanitti mulʼatanii Yesuus duʼaa kaʼuu isaa dubartoota sanatti akka himan isatti dubbatan. Achiis namoonni kaan gara awwaalichaa akka dhaqanii fi isaanis “akkuma dubartoonni sun jedhan taʼee [akka] argatan” isaaf ibsan.—Luqaas 24:24.

Barattoonni kun wanta kana hubachuun akka isaan rakkise ifa dha. Namichi isaanii wajjin jiru, ilaalcha dogoggoraa akka isaan gaddan taasise fuulleetti sirreessuudhaan akkana jedheen: “Isin warra hubannaa hin qabnee fi garaan keessan wanta raajonni dubbatan hunda dafee hin hubanne nana! Kiristoos dhiphinni kun hundi irra gaʼuu fi gara ulfina isaatti galuun isaa sirrii mitii?” (Luqaas 24:25, 26) Kiristoosiin ilaalchisees wantoota Kitaabota Qulqulluu keessatti dubbataman hedduu isaaniif ibse.

Dhuma irrattis sadanuu Emaahusitti dhihaatan. Barattoonni lamaan caalaatti isa dhaggeeffachuu waan barbaadaniif, “Amma dhihuu jala waan gaʼee fi aduunis lixuu jala waan geesseef nu bira buli” jedhanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf walii gale; achiis maaddiitti dhihaatan. Isa baruu kan dandaʼan, erga inni kadhannaa dhiheessee, daabboo caccabsee isaaniif kennee booda dha; inni garuu isaan jalaa dhokate. (Luqaas 24:29-31) Amma Yesuus duʼaa akka kaʼe mirkanaaʼoo taʼaniiru!

Barattoonni lamaan wanta karaa irratti isaan mudate akkana jedhanii dubbatan: “Yommuu inni karaa irratti nutti dubbachaa fi Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti nuu ibsaa ture sanatti garaan keenya nu keessatti gubachaa hin turree?” (Luqaas 24:32) Yeruma sana gara Yerusaalemitti kan deebiʼan siʼa taʼu, achittis ergamoonnii fi barattoonni walitti qabamanii argatan. Qalayophaa fi michuun isaa wanta raawwatame dubbachuu isaanii dura, warri kaan, “Gooftaan dhuguma kaʼeera, Simoonittis mulʼateera!” jedhanii utuu dubbatanii dhagaʼan. (Luqaas 24:34) Achiis, lamaan isaanii Yesuus akkamitti akka isaanitti mulʼate dubbatan. Eeyyee, isaanis Yesuusiin arganiiru.

Yeroo kanatti, Yesuus kutaa isaan jiran keessatti yommuu isaanitti mulʼatu hundi isaanii baayʼee naʼan! Yihudoota sodaachuudhaan balbala akka gaariitti cufanii waan turaniif, kana amanuun isaan rakkise. Yesuus amma iyyuu gidduu isaanii dhaabateera. Achiis, “Nagaan isiniif haa taʼu” isaaniin jedhe. Isaan garuu ni naʼan. Akkuma yeroo taʼe tokko isaanitti dhagaʼamee ture, “uumama hafuuraa kan argan isaanitti fakkaate.”—Luqaas 24:36, 37; Maatewos 14:25-27.

Yesuus hafuura ykn qaama yaadaan uumame utuu hin taʼin, dhugumaan isa akka taʼe mirkaneessuuf harkaa fi miilla isaa isaanitti argisiisee akkana jedheen: “Maaliif sodaattu? Shakkiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama? Ana mataa koo akkan taʼe harka koo fi miilla koo ilaalaa; qaqqabaatii na ilaalaa, sababiin isaas akkuma ana irratti argitan kana uumamni hafuuraa foonii fi lafee hin qabu.” (Luqaas 24:36-39) Gammachuu fi dinqisiifannaadhaan kan guutaman taʼus amma iyyuu hin amanne.

Inni dhuguma Yesuus taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaaruuf, “Wanta nyaatamu qabduu?” jedhee isaan gaafate. Qurxummii waadamaa tokko isaaf kennan, innis ni nyaate. Achiis akkana jedhe: “Inni ani yommuun isinii wajjin turetti [duʼuu koo dura] wantoonni Seera Musee, Raajotaa fi Faarfannaa keessatti waaʼee koo dubbataman hundi raawwatamuu qabu jedhee dubbadhe kana dha.”—Luqaas 24:41-44.

Yesuus, Qalayophaa fi michuun isaa Kitaabota Qulqulluu akka hubatan akkuma gargaare, amma immoo warra walitti qabamanii jiran hunda gargaare. Akkana jedhe: “Akkana jedhamee barreeffameera: Kiristoos ni dhiphata, guyyaa sadaffaattis warra duʼan gidduudhaa ni kaʼa; maqaa isaatiinis yaada geddarachuun inni dhiifama cubbuu argamsiisu Yerusaalemii jalqabee saboota hundumaa keessatti ni lallabama. Isinis wantoota kanaaf dhugaa baatota ni taatu.”—Luqaas 24:46-48.

Sababiin isaa beekamuu baatus Toomaas ergamaan isaanii wajjin hin jiru. Guyyoota itti aananitti warri kaan gammachuudhaan, “Nuti Gooftaa argineerra!” jedhanii isatti himan. Toomaas garuu akkana jedhe: “Harka isaa bakka mismaarri itti rukutame yoon arge, quba koos bakka mismaarri itti rukutame sanatti yoon galche, harka koos cinaacha isaa keessa yoon galche malee ani matumaa hin amanu.”—Yohaannis 20:25.

Guyyaa saddeet booda ammas barattoonni balbala akka gaariitti cufame keessatti kan walitti qabaman siʼa taʼu, yeroo kanatti garuu Toomaas isaanii wajjin jira. Yesuus qaamaan isaan gidduutti argamee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedheen. Achiis Toomaasiin ilaalaa, “Quba kee as keessa galchi, harka koo ilaali; harka kees fidii cinaacha koo keessa galchi; amani malee hin mamin” jedhe. Toomaasis, “Gooftaa ko, Waaqa ko!” jedheen. (Yohaannis 20:26-28) Toomaas amma Yesuus qaama hafuuraa taʼee duʼaa akka kaʼee fi bakka buʼaa Yihowaa akka taʼe mirkanaaʼaa taʼeera.

Yesuus, “Ati waan ana argiteef amantee? Warri utuu hin argin amanan gammadoo dha” jedheen.—Yohaannis 20:29.