Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 138

Kiristoos Mirga Waaqayyoo Taaʼe

Kiristoos Mirga Waaqayyoo Taaʼe

HOJII ERGAMOOTAA 7:56

  • YESUUS MIRGA WAAQAYYOO TAAʼE

  • SAAʼOL BARATAA TAʼE

  • SABABA ITTI GAMMADNU QABNA

Yesuus samiitti ol baʼee guyyaa kudhan booda guyyaa Phenxeqosxeetti hafuurri qulqulluun dhangalaʼuun isaa, ragaa inni samii irra akka jiru argisiisu dha. Ragaan kan biraan kana mirkaneessus mulʼachuuf jedha. Isxifaanos inni barataan, amanamummaadhaan dhugaa baʼuu isaatiin kan kaʼe dhagaadhaan rukutamuu isaa dura akkana jedhee dubbateera: “Kunoo, ani samiiwwan banamanii, Ilmi namaas mirga Waaqayyoo dhaabatee nan arga.”—Hojii Ergamootaa 7:56.

Yesuus, Abbaa isaa wajjin samii irra taaʼee, raajiin Dubbii Waaqayyoo keessatti dubbatame hanga raawwatamutti ni eega. Daawit geggeessaa hafuuraatiin, “Waaqayyo gooftaa kootiin [Yesuusiin], ‘Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti, ati gara mirga koo taaʼi!’ jedhe” jedhee barreesseera. Yeroo inni mirga Waaqayyoo taaʼee eegu yommuu xumuramu Yesuus, ‘Diinota isaa gidduutti moʼa!’ (Faarfannaa 110:1, 2) Haa taʼu malee, Yesuus yeroon inni itti diinota isaa irratti tarkaanfii fudhatu hanga gaʼutti yommuu eegu samii irra taaʼee maal raawwata?

Gumiin Kiristiyaanaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti hundeeffame. Kanaaf, Yesuus samii irra taaʼee barattoota hafuuraan dibaman bulchuu jalqabe. (Qolosaayis 1:13) Hojii lallabaa isaanii irratti qajeelfama isaaniif kenneera; gaʼee gara fuulduraatti qabaniifis isaan qopheesseera. Gaʼeen kun maali dha? Warri hanga duʼaatti amanamoo taʼan, yeroo booda duʼaa kaafamanii Mootummicha keessatti Yesuusii wajjin bulchu.

Namoota gara fuulduraatti mootota taʼan keessaa fakkeenyi tokko Saaʼol isa maqaa warra Roomaa Phaawulos jedhamuun beekamu dha. Saaʼol, Yihudii Seera Waaqayyootiif hinaaffaa qabu taʼus, geggeessitoota amantiitiin gowwoomfamuudhaan yeroo Isxifaanos ajjeefamutti illee walii galee ture. Achiis, “Barattoota Gooftaa balleessuu barbaadee isaan doorsisaa,” gara Damaasqoo deeme. Barattoota Yesuus hidhee Yerusaalemitti akka fiduuf Qayyaafaa isa Luba Ol Aanaa taʼe irraa aangoon isaaf kenname. (Hojii Ergamootaa 7:58; 9:1) Taʼus, Saaʼol utuu deemaa jiruu ifni tokko naannoo isaatti waan balaqqeessaʼeef lafa irratti kufe.

Achiis sagaleen tokko, “Saaʼol, Saaʼol, maaliif na ariʼatta?” isaan jedhe. Innis, “Yaa Gooftaa ko, ati eenyu?” jedhee gaafate. Sagalichis, “Ani Yesuus isa ati na ariʼattu sana dha” isaan jedhe.—Hojii Ergamootaa 9:4, 5.

Yesuus, Saaʼol hanga qajeelfamni dabalataa isaaf kennamutti Damaasqootti akka eegu isatti hime; taʼus, ifni sun ija isaa waan jaamseef namni qabee magaalattiitti isa geessu isa barbaachisa. Achiis Yesuus, Hanaaniyaa barataa isaa isa Damaasqoo jiraatutti mulʼataan argamee, bakka taʼe tokko dhaqee Saaʼoliin akka argatu isatti hime. Hanaaniyaan garuu ni sodaate; Yesuus garuu akkana jedhee isa jajjabeesse: “Namni kun saboota, moototaa fi ijoollee Israaʼel duratti maqaa koo akka baatu anaaf miʼa filatame waan taʼeef gara isaa dhaqi!” Saaʼol iji isaa arguu dandaʼe; Damaasqoottis “Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa lallabuu jalqabe.”—Hojii Ergamootaa 9:15, 20.

Phaawulosii fi labsitoonni wangeelaa kaan, gargaarsa Yesuusiin hojii lallabaa Yesuus jalqabee ture itti fufan. Waaqayyos buʼa qabeeyyii akka taʼan gochuudhaan guddaa isaan eebbise. Karaa gara Damaasqootti geessu irratti Yesuus erga isatti mulʼatee naannoo waggaa 25 booda, Phaawulos, misiraachichi ‘uumama samiidhaa gad jiru hundatti akka lallabame’ barreesseera.—Qolosaayis 1:23.

Waggoota hedduu booda, Yesuus mulʼatawwan garaa garaa Yohaannis ergamaa isa baayʼee jaallattutti argisiise; mulʼatawwan kun Kitaaba Mulʼataa keessatti galmeeffamaniiru. Yohaannis, Yesuus aangoo Mootummaa isaatiin yommuu deebiʼu mulʼatawwan kanaan argeera jechuun ni dandaʼama. (Yohaannis 21:22) Yohaannis, “Ani hafuuraan guutamee gara guyyaa Gooftaatti nan geeffame” jedheera. (Mulʼata 1:10) Guyyaan kun yoomi dha?

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan yommuu qorru, ‘guyyaan Gooftaa’ kan jalqabe bara keenyatti akka taʼe hubanna. Bara 1914 tti Waraanni Addunyaa Tokkoffaan ni jalqabe. Waggoota sana booda waraanni, dhahichi, beellii fi sochoʼi lafaa hedduun taʼuun isaa fi ragaawwan kaan “mallattoon” Yesuus “argama” isaa fi ‘dhuma’ barichaa ilaalchisee ergamoota isaatiif kenne balʼinaan raawwatamaa akka jiru argisiisu. (Maatewos 24:3, 7, 8, 14) Yeroo ammaatti, misiraachoon Mootummichaa naannoo Bulchiinsa Roomaa durii keessatti qofa utuu hin taʼin, addunyaa maratti lallabamaa jira.

Yohaannis, kun hiika maalii akka qabu geggeessaa hafuuraatiin yommuu ibsu, “Amma fayyinni, humnii fi Mootummaan kan Waaqayyo keenyaa, akkasumas aangoon kan Kiristoos taʼeera” jedhee barreesseera. (Mulʼata 12:10) Mootummaan Waaqayyoo inni samii irratti argamuu fi Yesuus waaʼee isaa balʼinaan lallabe dhugumaan kan jiru dha!

Kun barattoota Yesuus amanamoo taʼan hundaaf oduu gammachiisaa dha. Wanta Yohaannis akkana jedhee dubbate qalbeeffachuu dandaʼu: “Kanaan kan kaʼes, isin samiiwwanii fi warri isaan keessa jiraattan gammadaa! Lafaa fi galaanaaf garuu wayyoo; sababiin isaas, Diyaabilos yeroo gabaabaa akka qabu waan beekeef aarii guddaadhaan gara keessanitti gad buʼeera.”—Mulʼata 12:12.

Kanaaf, Yesuus amma mirga Abbaa isaa taaʼe eegaa hin jiru. Mootii taʼee bulchaa kan jiru yommuu taʼu, dhiheenyatti immoo diinota isaa hunda ni balleessa. (Ibroota 10:12, 13) Yeroo sanatti wantoota gammachiisoo taʼantu nu eeggata!