Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 126

Mana Qayyaafaatti Ganame

Mana Qayyaafaatti Ganame

Yesuus bakka ashaakiltii Getesemaaneetti yommuu qabame ergamoonni waan sodaataniif isa dhiisanii baqatanii turan. Isaan keessaa namoonni lama baqachuu dhiisanii deebiʼan. Namoonni kun, Pheexirosii fi ‘barataa kan biraa tokko’ dha. Barataan kun tarii Yohaannis ergamaa taʼuu hin oolu. (Yohaannis 18:15; 19:35; 21:24) Yesuus mana Haannaasitti yommuu geeffamu isa duukaa buʼanii taʼuu dandaʼa. Haannaas, Yesuusiin gara Qayyaafaa isa Luba Ol Aanaatti yommuu ergu, Pheexirosii fi Yohaannis xinnoo irraa fagaatanii isa hordofaa turan. Lubbuu isaaniitiif kan sodaatan taʼus, wanti Gooftaa isaanii irra gaʼus isaan yaaddessee taʼa.

Yohaannis luba ol aanaa biratti waan beekamuuf mooraa mana Qayyaafaatti ol gale. Pheexiros garuu hamma Yohaannis deebiʼee shamarree balbala sana eegdutti dubbatutti mooraadhaa ala ture. Achiis Pheexiros akka ol seenu heyyamameef.

Halkanichi waan qorruuf namoonni mooraa kana keessa jiran cilee qabsiisanii qaqqaammachaa jiru. Pheexirosis ibiddicha qaqqaammachaa wanta Yesuus irratti raawwatamu “ilaaluuf” isaanii wajjin taaʼe. (Maatewos 26:58) Amma, shamarreen balbala eegduu fi Pheexirosiin ol galchite kun ifa ibiddichaatiin akka gaariitti isa arguu dandeessi. “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jetteen. (Yohaannis 18:17) Pheexiros, Yesuus duukaa akka ture kan isa irratti bare ishii qofa miti.—Maatewos 26:69, 71-73; Maarqos 14:70.

Haalli kun Pheexirosiin baayʼee naasise. Akka isa irratti hin beekamne gochuuf kan yaale siʼa taʼu, suuta jedhee karaa karra mooraa gad baʼe. Pheexiros, Yesuusii wajjin akka hin turre dubbate. “Ani nama kana hin beeku; wanti ati dubbachaa jirtus naaf hin galu” jedhee gane. (Maarqos 14:67, 68) Kana malees, Pheexiros “of abaaruu fi kakachuu” jalqabe. Jechuunis wanti inni dubbate dhugaa taʼuu isaa, soba yoo taʼe garuu wanta isa irra gaʼu akka fudhatu mirkaneesse.—Maatewos 26:74.

Yeroo kanatti dhaddachi Yesuusiin ilaalchisee taaʼe, mana Qayyaafaa isa mooricha keessa jiru keessatti geggeeffamaa jira. Pheexirosii fi warri kaan namoota garaa garaa Yesuus irratti ragaa baʼuuf seenanii baʼan arguu dandaʼu.

Pheexiros akka warra Galiilaatti kan dubbatu taʼuun isaa, wanti inni dubbate soba akka taʼe kan saaxilu dha. Kana malees, namoota sana keessaa tokko fira Maalkos isa Pheexiros gurra isaa kutee ti. Namichi kun, “Ani bakka ashaakiltii sana keessatti isaa wajjin si hin arginee?” kan jedhe yommuu taʼu, kunis dhimmichi Pheexirositti akka cimu taasise. Pheexiros yeroo sadaffaadhaaf Yesuusiin yommuu ganu, akkuma dursee dubbatame kormaan indaaqqoo ni iyye.—Yohaannis 13:38; 18:26, 27.

Yesuus tarii yeroo kanatti barandaa irra dhaabatee jira. Gooftaan garagalee Pheexirosiin hubatee ilaale; yeroo kanatti Pheexiros baayʼee isatti dhagaʼamee taʼuu qaba. Wanta Yesuus saʼaatii muraasa dura kutaa fooqii irraa keessatti dubbate yaadate. Pheexiros wanta hojjete yommuu hubatu miirri isaa hammam miidhamuu akka dandaʼu mee yaadi! Pheexiros gad baʼee hirqinfatee booʼe.—Luqaas 22:61, 62.

Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Pheexiros inni karaa hafuuraa cimaa fi amanamaa akka taʼe mirkanaaʼaa ture akkamitti Gooftaa isaa ganuu dandaʼa? Haqni jalʼateera, Yesuus akka yakkamaa hamaatti itti murteeffameera. Pheexiros nama balleessaa tokko illee hin qabnee fi ‘dubbii jireenya bara baraa qabu’ kana cinaa dhaabachuu mannaa isa gane.—Yohaannis 6:68.

Haalli gaddisiisaan Pheexirosiin mudate kun, namni Waaqayyoof bulee fi amantii cimaa qabu akkamii iyyuu qorumsa ykn rakkina akka tasaa isa irra gaʼuuf sirriitti of hin qopheessine taanaan kufuu akka dandaʼu kan argisiisu dha. Wanti Pheexiros irra gaʼe tajaajiltoota Waaqayyoo hundaaf akka akeekkachiisaatti kan tajaajilu dha.