Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kutaa 4

Tajaajila Yesuus Yihudaa Keessatti Raawwate Isa Gara Boodaa

“Gooftaan Makarichaa Hojjettoota Gara Makara Isaatti Akka Ergu Kadhadhaa.”—Luqaas 10:2

Tajaajila Yesuus Yihudaa Keessatti Raawwate Isa Gara Boodaa

KUTAA KANA KEESSATTI

BOQONNAA 66

Ayyaana Daasii Kabajuuf Gara Yerusaalem Deeme

Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran jinniidhaan qabameera jedhanii kan yaadan maaliifi?

BOQONNAA 67

“Eenyu Iyyuu Matumaa Akka Nama Kanaatti Dubbatee Hin Beeku”

Miseensonni mana murtii ol aanaa Yihudootaa hundi Yesuusiin ni mormu, inni tokko garuu ija jabinaan isaaf falme.

BOQONNAA 68

Ilma Waaqayyoo Isa “Ifa Addunyaa” Taʼe

Yesuus ‘dhugaan bilisa isin baasa’ jedhe. Maal irraa bilisa baasa?

BOQONNAA 69

Abbaan Isaanii Abrahaami Moo Diyaabilosi?

Yesuus ijoollee Abrahaam akkamitti beekuun akka dandaʼamuu fi eenyummaa Abbaa isaa isa dhugaa ibse.

BOQONNAA 70

Yesuus Nama Qaro Dhabeessa Taʼee Dhalate Fayyise

Barattoonni, namichi qaro dhabeessa taʼee kan dhalate maaliif akka taʼe isa gaafatan. Isa moo warra isaatu cubbuu hojjete? Yeroo Yesuus isa fayyise namootatti miira garaa garaatu dhagaʼame.

BOQONNAA 71

Fariisonni Namicha Qaro Dhabeessa Ture Falman

Dhugaan haaluun hin dandaʼamnee fi namichi qaro dhabeessa ture dubbate Fariisota aarse. Akkuma warri isaa sodaatanii turan, Fariisonni mana sagadaa keessaa isa ariʼan.

BOQONNAA 72

Yesuus Akka Lallabaniif Barattoota 70 Erge

Yesuus Yihudaa utuu jiruu, Mootummicha akka lallabaniif barattoota 70 lama lama godhee erge. Eessatti lallaban? Manneen sagadaatti moo manneen namootaatti?

BOQONNAA 73

Namichi Samaariyaa Namoota Hunda Akka Jaallatu Argisiise?

Yesuus barumsa guddaa dabarsuuf fakkeenya waaʼee nama Samaariyaa isa gara laafessa taʼee kan fayyadame akkamitti?

BOQONNAA 74

Barumsa Keessummaa Simachuu fi Kadhannaa Ilaalchisee Kenname

Yesuus mana Maariyaamii fi Maartaa dhaqe. Waaʼee keessummaa simachuu maal isaan barsiise? Yeroo booda, waaʼee maalii kadhachuu akka qaban ilaalchisee barattoota isaa kan barsiise akkamitti?

BOQONNAA 75

Yesuus Maddi Gammachuu Maal Akka Taʼe Dubbate

Yesuus waaʼee ‘quba Waaqayyoo’ fi ‘mootummaan Waaqayyoo kan isaanitti dhufe’ akkamitti akka taʼe dubbachuudhaan namoota isa mormaniif deebii kenne. Akkasumas namoonni gammachuu dhugaa argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe dubbate.

BOQONNAA 76

Fariisii Tokkoo Wajjin Nyaata Nyaate

Yesuus Fariisonnii fi barsiisota seeraa nama amantii kan of fakkeessan taʼuu isaanii saaxile. Uummaticha irratti baʼaa ulfaataa akkamii feʼu turan?

BOQONNAA 77

Yesuus Qabeenya Ilaalchisee Gorsa Kenne

Yesuus waaʼee namicha sooressa gootaraa guguddaa ijaaree fakkeenya dubbate. Balaa qabeenya hawwuun qabu ilaalchisee, gorsa kam irra deebiʼe?

BOQONNAA 78

Bulchaa Manaa Amanama, Qophaaʼaa Taʼi!

Yesuus barattoonni isaa karaa hafuuraa fayyaa akka taʼan akka barbaadu argisiise. Bulchaan manaa, akka isaan karaa hafuuraa fayyaa taʼan gochuu irratti gaʼee akkamii qaba? Gorsi qophaaʼoo taʼaa jedhu baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

BOQONNAA 79

Badiisni Isaanitti Dhufuuf Kan Jedhu Maaliifi?

Yesuus namoonni inni gargaaruuf yaalaa jiru yaada geddarachuu baannaan badiisni akka isaanitti dhufu dubbate. Hariiroo Waaqayyoo wajjin qaban ilaalchisee barumsa barbaachisaa Yesuus isaan barsiisuuf yaalaa jiru ni fudhatuu laata?

BOQONNAA 80

Tiksee Gaarii fi Gola Hoolotaa

Fakkeenyi walitti dhufeenya tiksee fi hoolota gidduu jiru ibsu, miira Yesuus barattoota isaatiif qabu sirriitti ibsa. Barumsa isaa hubatanii isa hordofuu laata?

BOQONNAA 81

Yesuusii fi Abbaan Tokko Kan Taʼan Karaa Kamiini?

Mormitoonni Yesuus tokko tokko Yesuus Waaqayyoo wajjin qixxee akka of godhe dubbatan. Mormii isaanii karaa amansiisaa taʼeen kan fashaleesse akkamitti?