Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 78

Bulchaa Manaa Amanama, Qophaaʼaa Taʼi!

Bulchaa Manaa Amanama, Qophaaʼaa Taʼi!

LUQAAS 12:35-59

  • BULCHAAN AMANAMAAN QOPHAAʼAA TAʼUU QABA

  • YESUUS NAMOOTA QOQQOODUUF DHUFE

Yesuus Mootummaa samii keessatti iddoo kan argatan “tuuta xinnoo” qofa akka taʼan ibseera. (Luqaas 12:32) Badhaasni dinqisiisaa taʼe kun garuu salphaatti kan argamu miti. Yesuus itti fufee, namni tokko miseensa Mootummaa kanaa taʼuuf ilaalcha sirrii qabaachuun isaa hammam barbaachisaa akka taʼe addeesse.

Kanaaf, Yesuus yeroo inni deebiʼutti dammaqoo taʼanii akka isa eegan barattoota gorse. Akkana jedhe: “Uffata keessan uffadhaa qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsaa; akkuma namoota hanga Gooftaan isaanii bakka cidhaatii deebiʼutti eeganii fi yommuu inni dhufee balbala rurrukutu battaluma sanatti isaaf banan sanaa taʼaa. Garboonni yommuu gooftaan isaanii dhufu utuu dammaqanii eeganii isaan argatu gammadoo dha!”—Luqaas 12:35-37.

Barattoonni kun yaada Yesuus fakkeenyaan ibsaa jiru salphaatti hubachuu dandaʼu. Garboonni kun yeroo itti gooftaan isaanii deebiʼu qophaaʼanii eegu. Yesuus akkana jedhe: “[Gooftichi] halkan keessaa kutaa isa lammaffaattis [galgala saʼaatii sadii hanga halkan walakkaattis] taʼe, kutaa isa sadaffaatti [halkan walakkaadhaa hanga halkan keessaa saʼaatii sagaliitti] dhufee dammaqoo taʼanii yoo isaan argate isaan gammadoo dha!”—Luqaas 12:38.

Kun gorsa tajaajilaa mana tokkoo ykn hojjetaa cimaa akka taʼaniif kenname miti. Yesuus inni Ilma namaa taʼe fakkeenya kana keessatti waaʼee ofii isaa caqasuun isaa kana nuu mirkaneessa. Barattootaan, “Isinis Ilmi namaa saʼaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa eegaa” jedhe. (Luqaas 12:40) Gara fuulduraatti yeroo taʼe tokkotti Yesuus ni dhufa. Kanaaf, duuka buutonni, keessumaa immoo warri “tuuta xinnoo” taʼan qophaaʼoo akka taʼan barbaada.

Pheexiros wanta Yesuus dubbate sirriitti hubachuu waan barbaadeef, “Yaa Gooftaa, ati fakkeenya kana nu qofatti moo namoota hundatti dubbachaa jirta?” jedhee gaafate. Yesuus kallattiidhaan isaaf deebisuu mannaa, fakkeenya kanaa wajjin wal qabatu kan biraa dubbate. Akkana jedhe: “Bulchaan amanamaa fi ogeessi, gooftaan isaa yeroo sirrii taʼetti nyaata gaʼaa akka isaaniif kennu tajaajiltoota isaa irratti muude dhuguma eenyu? Garbichi gooftaan isaa dhufee utuu inni akkana godhuu isa argu sun gammadaa dha! Dhuguman isiniin jedha, inni qabeenya isaa hundumaa irratti isa muuda.”—Luqaas 12:41-44.

“Gooftaan” fakkeenya isa jalqabaa irratti ibsame, Yesuus isa Ilma namaa taʼe akka argisiisu beekamaa dha. “Bulchaan amanamaa” taʼe immoo, namoota kutaa “tuuta xinnoo” taʼanii fi Mootummichi isaaniif kennamu argisiisa. (Luqaas 12:32) Yesuus as irratti miseensota garee kanaa keessaa kan murtaaʼan ‘tajaajiltoota isaatiif’ nyaata isaan barbaachisu, jechuunis ‘yeroo sirrii taʼetti nyaata gaʼaa akka isaaniif kennan’ dubbachuu isaa ti. Kanaaf, Pheexirosii fi barattoonni Yesuus barsiisaa, akkasumas karaa hafuuraa isaan sooraa jiru kaan, Ilmi namaa gara fuulduraatti yeroo taʼe tokkotti akka dhufu hubachuu ni dandaʼu. Yeroo sanatti, duuka buutota Yesuus, jechuunis “tajaajiltoota” Gooftichaa karaa hafuuraa sooruuf qophiin taasifamu ni jiraata.

Yesuus barattoonni isaa dammaqoo taʼuu fi ilaalcha isaaniitiif xiyyeeffannaa kennuun kan isaan barbaachisu maaliif akka taʼe karaa biraatiin jabeessee ibse. Sababiin isaas namni tokko dantaa dhabuu, darbees obboloota isaa mormuu jalqabuu dandaʼa. Yesuus akkana jedhe: “Haa taʼu malee garbichi sun garaa isaatti, ‘Gooftaan koo dafee hin dhufu’ jedhee yaaduudhaan, hojjettoota dhiirotaa fi dubartoota taʼan reebuu, akkasumas nyaachuu, dhuguu fi machaaʼuu yoo jalqabe, gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti dhufee adaba guddaa isa adaba; qooda isaas warra amanamoo hin taanee wajjin godha.”—Luqaas 12:45, 46.

Yesuus ‘lafa irratti ibidda qabsiisuuf akka dhufe’ dubbate. Eeyyee, dhimmawwan namoota wal falmisiisan, akkasumas barumsaa fi aadaa sobaa saaxilan kaasuudhaan akkas godheera. Kun, ‘abbaan ilma irratti, ilmi abbaa irratti, haati intala irratti, intalli haadha irratti, amaatiin haadha manaa ilmaa irratti, haati manaa ilmaas amaatii irratti akka kaʼan’ gochuudhaan namoota tokkummaa qabaachuu qaban illee qoqqoodeera.—Luqaas 12:49, 53.

Yesuus, yaada kana adda durummaadhaan kan dubbate barattoota isaatti. Achiis, namoota walitti qabamanitti dubbachuu jalqabe. Namoota kana keessaa hedduun isaanii, ragaa inni Masiihii taʼuu isaa argisiisu mata jabinaan fudhachuu didaniiru; kanaaf akkana isaaniin jedhe: “Yommuu duumessi karaa dhihaa dhufu argitanii yeruma sana, ‘Bokkaa cimaan dhufaa jira’ jettu; akkuma jettanis ni taʼa. Yommuu qilleensi kibbaa qilleensaʼu argitaniis, ‘Hoʼa cimaa ni taʼa’ jettu; akkuma jettanis ni taʼa. Fakkeessitoota nana, isin bifa lafaa fi samii ilaaltanii hubachuu dandeessu; maarree yeroo adda taʼe kana qortanii maaliif hubachuu dadhabdan?” (Luqaas 12:54-56) Dhuguma iyyuu, qophaaʼoo akka isaan hin taane ifa dha.