Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 68

Ilma Waaqayyoo Isa “Ifa Addunyaa” Taʼe

Ilma Waaqayyoo Isa “Ifa Addunyaa” Taʼe

YOHAANNIS 8:12-36

  • YESUUS ILMI EENYU AKKA TAʼE IBSE

  • YIHUDOONNI GARBOOTA KAN TAʼAN KARAA KAMIINI?

Guyyaa xumuraa, jechuunis guyyaa torbaffaa Ayyaana Daasiitti Yesuus mana qulqullummaatti naannoo qodaan buusii taaʼutti barsiisaa jira. (Yohaannis 8:20; Luqaas 21:1) Bakki kun bakka Yaaʼii Dubartootaa, iddoo itti namoonni buusii godhan taʼuu hin oolu.

Yeroo ayyaanichaatti halkan halkan mana qulqullummaa keessaa iddoon kun ifaan guutama. Baattuuwwan ibsaa guguddaa afur bakka kanatti argamu; tokkoon tokkoon isaanii irra ibsaa guguddaa zayitiin itti guutame afurtu jira. Ifni ibsaawwan kana irraa maddu guutummaan naannoo sanaa akka ifu godha. Wanti Yesuus itti aansee dubbate, dhaggeeffattoonni isaa haala kana akka yaadatan taasisee taʼuu dandaʼa. Akkana jedhe: “Ani ifa addunyaa ti. Namni ana duukaa buʼu hundi ifa jireenyaa argata malee, matumaa dukkana keessa hin deddeebiʼu.”—Yohaannis 8:12.

Fariisonni yaada Yesuus dubbate mormuudhaan, “Ati waaʼee ofii kee ragaa baata; ragaa baʼiinsi kee immoo dhugaa miti” isaan jedhan. Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu waanan beekuuf, waaʼee ofii koo yoon dhugaa baʼe illee, dhugaa baʼiinsi koo dhugaa dha. Isin garuu eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu hin beektan.” Itti dabaluudhaanis akkana isaaniin jedhe: “Seeruma keessan keessatti illee, ‘Dhugaa baʼiinsi namoota lamaa dhugaa dha’ kan jedhu barreeffameera. Ani waaʼee ofii koo dhugaa nan baʼa; Abbaan inni na erges waaʼee koo dhugaa ni baʼa.”—Yohaannis 8:13-18.

Fariisonni yaada isaa mormuudhaan, “Abbaan kee eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus, “Isin anas taʼe Abbaa koo hin beektan. Utuu ana beektaniittu taʼee, Abbaa koos ni beektu turtan” jechuudhaan deebii isaaniif kenne. (Yohaannis 8:19) Fariisonni ammas Yesuus akka qabamu kan barbaadan taʼus, eenyu illee isa hin tuqne.

Yesuus yaada kanaan dura dubbate akkana jedhee irra deebiʼe: “Ani nan deema, isinis na barbaaddu, taʼus cubbuu keessaniin ni duutu. Bakka ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan.” Yihudoonni yaada isaa dogoggoraan waan hubataniif, “‘Bakka ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ kan jedhu, of ajjeesuu barbaadeetii laata?” jedhan. Namoonni kun Yesuus eessaa akka dhufe waan hin beekneef, wanta inni jechuu barbaade hubachuu hin dandeenye. Kanaaf akkana jedhee isaaniif ibse: “Isin gad irraa ti; ani garuu ol irraa ti. Isin addunyaa kana irraa ti; ani garuu addunyaa kana irraa miti.”—Yohaannis 8:21-23.

Yesuus waaʼee gara lafaa dhufuu isaa dura samii irratti dabarsee fi Masiihii ykn Kiristoos isa abdachiifamee fi geggeessitoonni amantii eegaa jiran akka taʼe dubbachuu isaa ti. Isaan garuu tuffiidhaan, “Ati eenyu?” jedhaniin.—Yohaannis 8:25.

Utuma isaan isa mormaa jiranii, Yesuus, “Silaas, ani isinitti dubbachuun koo gatii maalii qaba?” isaaniin jedhe. Haa taʼu malee, xiyyeeffannaan isaanii Abbaa isaa irratti akka taʼu kan godhe siʼa taʼu, Ilma dhaggeeffachuu kan qaban maaliif akka taʼe isaaniif ibse. Akkana jedhe: “Inni na erge dhugaa dha; anis wantan isa irraa dhagaʼe addunyaatti dubbachaan jira.”—Yohaannis 8:25, 26.

Achiis, Yesuus Abbaa isaa irratti amanannaa akka qabu ibse; Yihudoonni kun amanannaa akkasii isa irratti hin qaban. Akkana jedhe: “Ilma namaa muka irratti erga fanniftanii booda, ani isa taʼuu koo fi ofii kootiin kakaʼee homaa akkan hin goone, kanaa mannaa wantoota kana kanan dubbadhu akkuma Abbaan na barsiisetti taʼuu isaa yeroo sana ni beektu. Inni ana erge Sun anaa wajjin jira; ani yeroo hunda wanta isa gammachiisu waanan godhuuf, inni kophaatti ana hin dhiisu.”—Yohaannis 8:28, 29.

Yihudoonni tokko tokko garuu Yesuusitti amananiiru. Innis akkana isaaniin jedhe: “Isin dubbii kootti yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti; dhugaas ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa.”—Yohaannis 8:31, 32.

Namoota tokko tokkotti yaanni inni bilisa baʼuu ilaalchisee dubbate kun dalga isaanitti taʼe. “Nuti ilmaan Abrahaami, eenyuuf iyyuu matumaa garboota taanee hin beeknu. Ati akkamitti ‘Bilisa baatu’ nuun jetta ree?” jechuudhaan yaada isaa morman. Yihudoonni yeroo garaa garaatti bittaa biyyoota kaanii jala akka turan kan beekan taʼus, garboota jedhamanii waamamuu hin barbaadan. Haa taʼu malee, Yesuus amma iyyuu garboota taʼuu isaanii dubbate. “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti” isaaniin jedhe.—Yohaannis 8:33, 34.

Yihudoonni cubbuudhaaf garba taʼuu isaanii amananii fudhachuu diduun isaanii balaadhaaf isaan saaxila. Yesuus akkana jedhe: “Garbichi bara baraan mana gooftaa isaa keessa hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata.” (Yohaannis 8:35) Garbichi dhaala argachuudhaaf mirga hin qabu, akkasumas yeroo kamitti iyyuu ariʼamuu dandaʼa. Ilma manicha keessatti dhalate ykn ilma guddifachaa taʼe qofatu ‘bara baraaf,’ jechuunis hamma lubbuudhaan jirutti manicha keessa jiraata.

Dhugaan cubbuu isa duʼa namatti fidu irraa bilisa nama baasu, dhugaa waaʼee Ilmaa dubbatu dha. Yesuus, “Ilmi bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni baatu” jedhe.—Yohaannis 8:36.