Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 2

Yesuus Dhalachuu Isaa Dura Ulfina Argateera

Yesuus Dhalachuu Isaa Dura Ulfina Argateera

LUQAAS 1:34-56

  • MAARIYAAM FIRA ISHII ELSAABEX BIRA DHAQXE

Gabriʼeel inni maleekaan Maariyaam ishii shamarreetti ilma maqaan isaa Yesuus jedhamee moggaaffamu akka deessu, innis bara baraaf Mootii taʼee akka bulchu yeroo itti himetti, “Ani dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwadhee waan hin beekneef, kun akkamitti taʼuu dandaʼa?” jettee isa gaafatte.—Luqaas 1:34.

Gabriʼeelis, “Hafuurri qulqulluun si irra buʼa, humni Isa Hundaa Oliis si golbooba. Kanaan kan kaʼes mucaan dhalatu qulqullicha, Ilma Waaqayyoo jedhama” jedhee ishiidhaaf deebise.—Luqaas 1:35.

Gabriʼeel itti dabaluudhaan yaada armaan gadii kan dubbate akka ishiin ergaa kana amantee fudhattuuf taʼuu hin oolu. Akkana jedhe: “Kunoo, firri kee Elsaabex bara dulluma ishiitti ilma ulfoofteetti; dubartiin dhabduu jedhamaa turte kun jiʼa jaʼaffaa ishii qabatteetti; sababiin isaas wanti Waaqayyo dubbatee utuu hin raawwatamin hafu tokko illee hin jiru.”—Luqaas 1:36, 37.

Wanta Maariyaam dubbatte irraa yaada Gabriʼeel dubbate amantee akka fudhatte hubanna. Gammachuudhaan, “Kunoo ani garbittii Yihowaa ti! Akkuma ati dubbatte anaaf haa taʼu” jetteetti.—Luqaas 1:38.

Gabriʼeel erga deemee booda, Maariyaam Elsaabex ishii abbaa manaa ishii wajjin tulluuwwan Yihudaa naannoo Yerusaalemitti argaman keessa jiraattu bira dhaquuf qophoofte. Bakka jireenyaa ishii Naazireetii kaatee iddoo kana gaʼuun guyyaa sadii ykn afur ishiitti fudhata.

Dhuma irratti Maariyaam mana Zakkaariyaas geesse. Achiis ol seentee fira ishii Elsaabexiin nagaa gaafatte. Yeroo kanatti Elsaabex hafuura qulqulluudhaan guutamtee Maariyaamiin akkana jette: “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan gadameessa kee keessa jirus eebbifamaa dha! Haati Gooftaa koo gara koo dhufuun ishii anaaf ulfina guddaa dha! Akkuma sagaleen nagaa kee gurra koo buʼeen, mucaan gadameessa koo keessa jiru gammachuudhaan utaale.”—Luqaas 1:42-44.

Achiis Maariyaam akkana jechuudhaan galateeffannaa ishii garaadhaa ibsite: “Lubbuun koo Yihowaa ol ol gooti; garaan koos Waaqayyo Fayyisaa kootti baayʼee gammada; sababiin isaas, inni haala gad aanaa garbittiin isaa keessa jirtu argeera. Egaa ammaa jalqabee dhaloonni hundi gammadduu naan jedha; sababiin isaas, inni humna qabeessa taʼe Sun wantoota guguddaa anaaf godheera.” Maariyaam faara tolaadhaan ilaalamtus ulfinni hundi Waaqayyoof akka taʼu gooteetti. Akkana jetteetti: ‘Maqaan isaa qulqulluu dha; gara laafinni isaa bara baraaf warra isa sodaatan irra ni jiraata.’—Luqaas 1:46-50.

Maariyaam geggeessaa hafuura qulqulluutiin jechoota raajii of keessaa qabanitti fayyadamtee akkana jechuudhaan Waaqayyoon jajachuu ishii itti fufte: “Inni irree isaatiin hojiiwwan guguddaa hojjeteera; warra garaa isaaniitti ol ol of qabanis bittinseera. Inni warra aangoo qaban teessoo isaanii irraa gad buuseera; warra gad of qabanis ol ol godheera; warra beelaʼan wantoota gaggaariidhaan quubseera; sooressotas harka duwwaa deebiseera. Inni tajaajilaa isaa Israaʼeliin gargaareera. Kanas kan godhe, waadaa garaa isaaf laafuuf gale yeroo hunda akka yaadatu argisiisuufi; kunis akkuma inni abbootii keenyaaf, Abrahaamii fi sanyii isaatiif bara baraaf waadaa galetti dha.”—Luqaas 1:51-55.

Maariyaam naannoo jiʼa sadiif Elsaabex bira turteetti; kan ishiin achi turte torban xumuraa Elsaabex daʼuu ishii dura turetti ishii gargaaruuf taʼuu hin oolu. Dubartoonni amanamoon gargaarsa Waaqayyootiin mucaa garaatti baatan kun lamaan yeroo kanatti waliin taʼuun isaanii baayʼee gaarii dha!

Yesuus dhalachuu isaa dura illee ulfina akkamii akka argate mee ilaali. Elsaabex “Gooftaa koo” kan jetteen yommuu taʼu, mucaan garaa ishii keessa tures Maariyaam yeroo achi dhaqxe “gammachuudhaan utaale.” Akkuma itti aansinee ilaallutti haalli kun haala namoonni kaan Maariyaamii fi mucaa ishii isa yeroo muraasa booda dhalatu itti qaban irraa adda dha.