Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 6

Mucicha Isa Abdachiifamee Ture

Mucicha Isa Abdachiifamee Ture

LUQAAS 2:21-39

  • YESUUS DHAQNA QABATE, YEROO BOODAS GARA MANA QULQULLUMMAATTI GEEFFAME

Yoseefii fi Maariyaam Naazireetitti deebiʼuu mannaa Beetaliheem turan. Yesuus yeroo guyyaa saddeet guutetti akka seerri Waaqayyoo ajajutti dhaqna isa qaban. (Lewwoota 12:2, 3) Mucaa tokkoof guyyaa inni dhaqna qabamutti maqaa moggaasuun bara sanatti baramaa ture. Kanaaf, akkuma Gabriʼeel maleekichi isaan ajajetti mucaa isaanii Yesuus jedhanii moggaasan.

Erga kun taʼee jiʼi tokkoo ol kan darbe siʼa taʼu, Yesuus guyyaa 40 guuteera. Warri isaa eessa isa geessu laata? Gara mana qulqullummaa Yerusaalem isa bakka isaan jiran irraa kiiloo meetira muraasa fagaatee jirutti isa geessuuf jedhu. Seerichi dubartiin ilma deesse guyyaa 40 booda, mana qulqullummaatti aarsaa qulqullaaʼuuf gargaaru akka dhiheessitu ajaja.—Lewwoota 12:4-8.

Maariyaamis akkasuma goote. Simbirroota xixinnoo lama dhiheessite. Kun haala jireenyaa Yoseefii fi Maariyaam hubachuuf nu gargaara. Akka Seerichi ajajutti, dhihaachuu kan qabu xobbaallaa hoolaa fi simbirroo tokko dha. Taʼus, dubartiin hoolaa dhiheessuu hin dandeenye, gugee guguddaa ykn gugee cuucii lama dhiheessiti. Maariyaamis hoolaa dhiheessuu waan hin dandeenyeef aarsaa akkasii dhiheessite.

Mana qulqullummaa keessatti maanguddoon Simiʼoon jedhamu gara Yoseefii fi Maariyaam dhufe. Waaqayyo, Kiristoos isa abdachiifame ykn Masiihicha utuu hin argin akka inni hin duune isatti mulʼisee ture. Simiʼoon guyyaa kanatti gara mana qulqullummaa kan dhufe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee siʼa taʼu, Yoseefii fi Maariyaamiin mucaa isaanii wajjin achitti arge. Yeroo kanatti Simiʼoon mucicha fuudhee harkatti baate.

Mucicha baatee akkana jedhee Waaqayyoon galateeffate: “Yaa Gooftaa Ol Aanaa, akkuma dubbattetti amma garbicha kee nagaadhaan geggeessi; sababiin isaas iji koo isa fayyina argamsiisu argeera; kunis isa ati namoonni hundi akka argan qopheessite dha; inni ifa isa haguuggii sabootaa irraa fuudhuu fi saba kee Israaʼeliif ulfina taʼe dha.”—Luqaas 2:29-32.

Yoseefii fi Maariyaam kana yeroo dhagaʼan baayʼee dinqisiifatan. Simiʼoon erga isaan eebbisee booda Maariyaamiin, “Kunoo mucaan kun, Israaʼel keessatti kufaatii fi kaʼumsa namoota hedduutiif sababa taʼa” kan jedhe siʼa taʼu, gaddi guddaan akka goraadee qara qabuu ishii keessa akka darbus itti hime.—Luqaas 2:34.

Guyyaa kanatti Haannaa raajittii ishiin umuriin ishii waggaa 84 taʼes bakka kanatti argamteetti. Ishiin yeruma kaan iyyuu mana qulqullummaatii dhabamtee hin beektu. Yeroo kanatti garuu kallattiidhaan gara Yoseef, Maariyaamii fi Yesuus dhufte. Haannaan Waaqayyoon galateeffachuu fi namoota ishii dhagaʼan hundatti waaʼee Yesuus dubbachuu jalqabde.

Yoseefii fi Maariyaam wantoota mana qulqullummaatti raawwataman kanatti hammam akka gammadan tilmaamuu dandeessa! Wantoonni kun hundi, ilmi isaanii Isa Waaqayyo Abdachiise akka taʼe isaaniif mirkaneessee taʼuu qaba.