Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 12

“Waaqayyo Haqa ni Jalʼisa Jechuu Dhaa?”

“Waaqayyo Haqa ni Jalʼisa Jechuu Dhaa?”

1. Jalʼinni yommuu raawwatamu maaltu nutti dhagaʼama?

 MAANGUDDOON abbaan manaa irraa duʼe tokko maallaqa kuufatte saamamte. Haati gara jabeettiin tokko daaʼima ishii nama mararu gatte. Namni tokko utuu yakka hin raawwatin mana hidhaa gale. Wantoota akkasii yommuu dhageessu maaltu sitti dhagaʼama? Wantoonni kun hundi akka si aarsan beekamaa dha; kun taʼuun isaas nama hin dinqisiisu. Maaliifi? Sababiin isaas wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee miira cimaa qabna. Jalʼina haqaa raawwatame tokko yommuu arginu ni aarra. Namni jalʼinni irratti raawwatame akka kiifamu, namni jalʼina raawwate immoo akka adabamu barbaanna. Kun taʼuu baannaan garuu, ‘Waaqayyo wanta raawwatamaa jiru ni argaa? Taanaan maaliif tarkaanfii hin fudhatu?’ jennee gaafanna.

2. Anbaaqom, jalʼina raawwatameef maaltu itti dhagaʼame? Akkas itti dhagaʼamuu isaatiif Yihowaan kan isa hin ceephaane maaliifi?

2 Kitaaba Qulqulluu keessatti tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon gaaffii akkasii gaafachaa akka turan ibsameera. Fakkeenyaaf Anbaaqom raajichi, “Balleessaan yommuu raawwatamu akkan argu maaliif goota? Cunqursaa hoo maaliif callistee ilaalta? Badiisnii fi jeequmsi na dura jira. Lollii fi walitti buʼiinsis baayʼateera” jedhee kadhateera. (Anbaaqom 1:3) Yihowaan namoonni haqa akka jaallatan godhee waan uumeef, Anbaaqom gaaffii kana gaafachuu isaatti isa hin ceephaane. Eeyyee, Yihowaan ilaalcha inni haqaaf qabu nutis hamma tokko akka qabaannu godhee nu uumeera.

Yihowaan Jalʼina ni Jibba

3. Yihowaan jalʼina raawwatamu nu caalaa beeka kan jennu maaliifi?

3 Yihowaan jalʼina raawwatamuuf dantaa kan hin qabne miti. Jalʼina raawwatamu ni arga. Kitaabni Qulqulluun bara Noh ilaalchisee, “Yihowaan hamminni namaa lafa irratti akka baayʼate, fedhiin garaa isaa hundis yeroo hundumaa hamaa akka taʼe ni arge” jedha. (Uumama 6:5) Yaanni kun hiika akkamii akka qabu ilaali. Nuti jalʼinni raawwatamuu isaa kan hubannu yeroo baayʼee wanta dhageenye ykn wanta argine muraasa irraa kaanee ti. Yihowaan garuu jalʼina addunyaa maratti raawwatamu hunda ni arga! Kana malees, garaa namootaa, jechuunis yaada gadhee gara jalʼinaatti geessu hubachuu dandaʼa.—Ermiyaas 17:10.

4, 5. (a) Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan namoota jalʼinni irra gaʼeef akka yaadu kan argisiisu akkamitti? (b) Yihowaa irratti illee jalʼinni kan raawwatame akkamitti?

4 Yihowaan garuu jalʼina raawwatamu beekuu malees wanta godhu qaba. Namoota jalʼinni irratti raawwatameef ni yaada. Sabni isaa Israaʼel diinota isaanii warra “isaan cunqursanii fi gara jabinaan isaan qabaniin kan kaʼe waan aadaniif Yihowaan isaaniif ni gadda ture.” (Abbootii Murtii 2:18) Tarii namoonni tokko tokko yeroo baayʼee jalʼinni yommuu raawwatamu arguun isaanii jalʼinaaf dantaa akka dhaban akka isaan godhe hubatteetta taʼa. Yihowaan garuu akkas miti! Jalʼina waggoota 6,000 keessatti raawwatame hunda kan arge taʼus, jibbi inni jalʼinaaf qabu hin hirʼanne. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan, “arraba sobuu fi harka dhiiga qulqulluu dhangalaasu,” akkasumas “Ragaa baatuu sobaa yeroo dubbatu hundumaatti sobu” akka jibbu nuu mirkaneessa.—Fakkeenya 6:16-19.

5 Yihowaan, jalʼina geggeessitoonni saba Israaʼel raawwatan akkamitti akka balaaleffates ilaali. Raajiin isaa Miikiyaas, “Wanta sirrii beekuun isin irra hin jiruu?” jedhee akka isaan gaafatu isa kakaaseera. Yihowaan aangoo isaaniitti karaa sirrii hin taaneen akka fayyadaman erga ibsee booda, adaba balleessaa isaaniitiin isaan irra gaʼu ilaalchisee akkana jedheera: “Isaan gargaarsaaf Yihowaa ni waammatu, inni garuu deebii isaaniif hin kennu. Gocha isaanii isa hamaadhaan kan kaʼe, yeroo sanatti inni fuula isaa isaan jalaa ni dhoksa.” (Miikiyaas 3:1-4) Eeyyee, Yihowaan jalʼinaaf jibba guddaa qaba! Isa irratti iyyuu jalʼinni raawwatameera! Seexanni waggoota kumaan lakkaaʼamaniif sababii malee isa arrabsaa tureera. (Fakkeenya 27:11) Kana malees, Yihowaan Ilmi isaa inni “cubbuu tokko illee hin hojjenne” akka nama yakkamaatti jalʼinaan yommuu ajjeefamu baayʼee gaddeera. (1 Pheexiros 2:22; Isaayyaas 53:9) Kanaafuu, Yihowaan, namoota sababa jalʼinaatiin rakkataniif dantaa kan hin qabne akka hin taane ifa dha.

6. Nu irras taʼe warra kaan irra yeroo jalʼinni gaʼu maaltu nutti dhagaʼama? Maaliifi?

6 Nutis jalʼina raawwatame yeroo arginu ykn jalʼinni yeroo nu irratti raawwatamu aaruun keenya waanuma jiru dha. Akka bifa Waaqayyootti uumamne, jalʼinni immoo amalawwan Yihowaa hundaa wajjin wal faallessa. (Uumama 1:27) Maarree, Waaqayyo jalʼinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi?

Gaaffii Ol Aantummaa Waaqayyoo Irratti Kaʼe

7. Bulchiinsa Yihowaa irratti gaaffiin kan kaʼe akkamitti akka taʼe ibsi.

7 Deebiin gaaffii kanaa, gaaffii ol aantummaa Waaqayyoo irratti kaʼee wajjin wal qabata. Akkuma kanaan dura ilaalle, Uumaan keenya lafa kanas taʼe wantoota lafa irratti argaman hunda bulchuuf mirga qaba. (Faarfannaa 24:1; Mulʼata 4:11) Haa taʼu malee, jalqaba seenaa ilmaan namootaa irratti maqaa gaarii Yihowaan qabuu fi bulchiinsa isaa irratti gaaffiin ni kaʼe. Kun kan taʼe akkamitti? Yihowaan, namni jalqabaa Addaam muka Jannata keessa jiru tokko irraa akka hin nyaanne isa ajajee ture. Yoo ajaja kana cabse maaltu isa irra gaʼa? Waaqayyo, “Dhugumaan ni duuta” isaan jedhee ture. (Uumama 2:17) Ajajni Waaqayyo kenne, Addaamiifis taʼe haadha manaa isaa Hewaaniif ulfaataa hin turre. Haa taʼu malee Seexanni, Waaqayyo garmalee isaan cunqursaa akka jiru Hewaaniin amansiise. Muka sana irraa yoo nyaatte maaltu ishii irra gaʼa? Seexanni gaaffii kanaaf deebii akkas jedhu kenne: “Isin matumaa hin duutan Waaqayyo akkana kan jedhe, guyyuma isa irraa nyaattanitti ijji keessan akka banamu, akkasumas gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatan waan beekuufi.”—Uumama 3:1-5.

8. (a) Wanti Seexanni Hewaanitti dubbate ergaa akkamii qaba? (b) Seexanni maqaa Waaqayyoo fi ol aantummaa isaa irratti gaaffii akkamii kaase?

8 Seexanni yeroo akkas jedhu, Yihowaan odeeffannoo barbaachisaa taʼe akka ishii dhokse qofa utuu hin taʼin, akka ishii sobes dubbachuu isaa ture. Seexanni Hewaan Yihowaan gaarii taʼuu isaa akka shakkitu godhe. Seexanni akkas gochuudhaan maqaa Waaqayyoo irratti arrabsoo guddaa fideera. Kana malees ol aantummaa Yihowaa ykn bulchiinsa isaa qeeqeera. Seexanni Yihowaan Bulchaa waan hundumaa miti jechuu hin barbaanne. Kanaa mannaa, ol aantummaan isaa sirrii taʼuu isaa, kan isaaf malu taʼuu isaa fi qajeelaa taʼuu isaa irratti gaaffii kaase. Karaa biraatiin, Yihowaan ol aantummaa isaa kan fayyadamu karaa sirrii taʼee fi karaa warra isa jalatti bulan fayyaduun taʼuu isaa irratti gaaffii kaasuu isaa ture.

9. (a) Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu diduun isaanii maal isaanitti fide? Kunoo gaaffii guguddaa akkamii kaaseera? (b) Waaqayyo warra isa irratti kaʼan yeruma sana kan hin balleessine maaliifi?

9 Achiis Addaamii fi Hewaan muka dhowwame sana irraa nyaachuudhaan Yihowaaf utuu hin ajajamin hafan. Akkuma Waaqayyo dursee jedhe, ajajamuu diduun isaanii duʼa isaanitti fide. Sobni Seexanaa gaaffiiwwan guguddaa tokko tokko kaaseera: Dhuguma Yihowaan ilmaan namootaa bulchuuf mirga qabaa? Moo namootatu ofiin of bulchuu qaba? Yihowaan karaa hunda irra wayyuun ol aantummaa isaatti ni fayyadamaa? Yihowaan humna isaa isa hunda irra caalutti fayyadamee yeruma sana warra isa irratti kaʼan balleessuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, gaaffiin kan kaʼe humna isaa irratti utuu hin taʼin, maqaa isaa isa bulchiinsa isaa dabaltu irratti ture. Kanaaf, Addaam, Hewaanii fi Seexana balleessuun, bulchiinsi Waaqayyoo qajeelaa taʼuu isaa hin mirkaneessu. Kanaa mannaa, akkas gochuun bulchiinsa isaa irratti gaaffii dabalataa kaasuu dandaʼa. Ilmaan namootaa Waaqayyo malee sirriitti ofiin of bulchuu dandaʼuu fi dhiisuun isaanii kan mirkaneeffamu, yeroon yoo kennameef qofa dha.

10. Bulchiinsa ilmaan namootaa ilaalchisee seenaan maal mirkaneesse?

10 Maarree yeroon kennamuun isaa maal mirkaneesse? Ilmaan namootaa bulchiinsa abbootii irree, bulchiinsa dimookraasii, sooshaaliizimii fi koominiizimii dabalatee waggoota kuma hedduuf sirnawwan bulchiinsaa hedduu yaalaniiru. Sirnoonni bulchiinsaa kun hundi yaanni Kitaaba Qulqulluu, “namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti” jedhu dhugaa taʼuu isaa mirkaneessaniiru. (Lallaba 8:9) Ermiyaas, “Yaa Yihowaa, daandiin namaa aangoo isaa jala akka hin jirre akka gaariitti nan beeka. Yommuu deemus ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu” jechuun isaa sirrii dha.—Ermiyaas 10:23.

11. Yihowaan ilmaan namootaa irra rakkinni akka gaʼu kan heyyame maaliifi?

11 Yihowaan, ilmaan namootaa isa irraa adda baʼanii ofiin of bulchuun isaanii rakkina guddaa akka isaanitti fidu jalqabumaa kaasee beeka ture. Rakkinni kun akka jiraatu heyyamuun isaa inni jalʼaa akka taʼe argisiisaa? Matumaa! Kana fakkeenyaan ibsuuf: Mucaan kee dhukkuba lubbuu isaa balaaf saaxiluun waan qabameef, yaaliin baqaqsanii walʼaanuu isa barbaachise haa jennu. Yaaliin kun mucaa kee baayʼee akka dhukkubsuu fi siinis akka gaddisiisu ni beekta. Taʼus, yaaliin kun mucaa kee akka fayyisus beekta. Haaluma wal fakkaatuun Waaqayyos, ilmaan namootaa ofiin akka of bulchan heyyamuun isaa rakkina guddaaf akka isaan saaxilu beeka, kun akka taʼus dubbateera. (Uumama 3:16-19) Haa taʼu malee, bara baraaf boqonnaa argachuun kan dandaʼamu, isa irratti finciluun buʼaa gadhee akkamii akka fidu ilmaan namootaa hundi akka argan yoo heyyame qofa taʼuu isaas beeka. Gaaffiin kun bara baraaf deebii argachuu kan dandaʼu karaa kanaan qofa dha.

Gaaffii Amanamummaa Namootaa Irratti Kaʼe

12. Akkuma seenaa Iyyoob irratti ibsame, Seexanni ilmaan namootaa irratti himata akkamii dhiheesseera?

12 Gaaffiin kaʼe kan biraanis jira. Seexanni bulchiinsi Waaqayyoo sirrii fi qajeelaa taʼuu isaa mormuudhaan, ol aantummaa Yihowaa irratti qofa utuu hin taʼin, amanamummaa tajaajiltoota isaa irrattis gaaffii kaaseera. Fakkeenyaaf Seexanni, Iyyoob isa nama qajeelaa taʼe ilaalchisee Yihowaadhaan akkas jedheera: “Ati isatti, mana isaattii fi wanta inni qabu hundumaatti naannessitee dallaa eegumsaa hin ijaarree ree? Hojii harka isaa eebbisteetta; horiiwwan isaas lafa irra guutaniiru. Garuu, mee harka kee diriirsiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti; dhugumaan inni ijuma kee duratti si arrabsa.”—Iyyoob 1:10, 11.

13. Seexanni himata Iyyoob irratti dhiheesseen gaaffii akkamii kaaseera? Himanni kun hoo ilmaan namootaa hunda kan ilaallatu akkamitti?

13 Seexanni, Yihowaan humna eeguuf qabutti fayyadamee Iyyoob akka isa jaallatuu fi isa tajaajilu godheera jedhee isa himate. Kun immoo, Iyyoob Waaqayyoon kan waaqeffatu buʼaa argachuuf jedhee akka taʼee fi amanamummaan isaa fakkeessaa akka taʼe kan ibsu ture. Seexanni, Iyyoob eebba Waaqayyoo utuu dhabee Uumaa isaa ni arrabsa jedhee isa himate. Iyyoob ‘nama qajeelaa fi amanamaa, nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu’ akka taʼe garuu beeka ture. a Seexanni utuu amanamummaa Iyyoob laaffiseera taʼee, kun waaʼee namoota kaanii ergaa akkamii dabarsa ture? Seexanni kana gochuudhaan amanamummaa namoota Waaqayyoon tajaajiluu barbaadan hundumaa irratti gaaffii kaaseera. Gaaffii kana balʼisuudhaanis Yihowaadhaan, “Namni lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna” jedheera.—Iyyoob 1:8; 2:4.

14. Himata Seexanni ilmaan namootaa irratti dhiheesse ilaalchisee seenaan maal mirkaneesseera?

14 Himata Seexanni dhiheesse irraa haala adda taʼeen, seenaa ilmaan namootaa keessatti Iyyoobiin dabalatee namoonni hedduun qorumsa adda addaa keessatti amanamoo taʼanii jiraataniiru. Namoonni kun amanamummaadhaan jiraachuudhaan garaa Yihowaa ciibsaniiru; kun immoo, Yihowaan falmii Seexanni ilmaan namootaa rakkinni yoo isaan irra gaʼe Waaqayyoon tajaajiluu ni dhiisu jechuudhaan dhiheesseef deebii akka kennu godha. (Ibroota 11:4-38) Eeyyee, namoonni garaa qajeelaa qaban Waaqayyo irraa garagaluu didaniiru. Namoonni kun haala baayʼee rakkisaa taʼe keessatti illee, Yihowaan jabaatanii dhaabachuuf humna akka isaaniif kennu guutummaatti isatti amanamaniiru.—2 Qorontos 4:7-10.

15. Murtii Yihowaan kanaan dura kennee fi gara fuulduraatti kennu ilaalchisee gaaffii akkamiitu kaʼa?

15 Haqni Yihowaa garuu gaaffii ol aantummaa isaa irrattii fi amanamummaa ilmaan namootaa irratti kaʼe caalaa waan dabalatu qaba. Kitaabni Qulqulluun, seenaawwan murtii Yihowaan namoota dhuunfaa fi saboota irratti dabarse ibsan qabateera. Akkasumas murtii Yihowaa fuulduratti kennu ilaalchisee raajiiwwan dubbataman qabateera. Murtiin Yihowaan kanaan dura kennee fi fuulduraatti kennu qajeelaa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

Haqni Yihowaa Caalmaa Kan Qabu Maaliifi?

Yihowaan matumaa ‘isa qajeelaa isa hamaa wajjin hin balleessu’

16, 17. Haqa ilaalchisee hubannaan namoonni qaban xinnoo akka taʼe fakkeenyonni argisiisan kamfaʼi?

16 Yihowaan, “Daandiiwwan isaa hundi haqa qabeessa dha” jedhamuun isaa sirrii dha. (Keessa Deebii 32:4) Nuti garuu hubannaan keenya daangeffamaa taʼuu isaatiin kan kaʼe, yeroo tokko tokko wanta sirrii taʼe addaan baasnee beekuun waan nu rakkisuuf, waaʼee ofii keenyaa akkas jechuu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf mee Abrahaamiin haa ilaalu. Abrahaam magaalaa Sodoom keessatti hamminni kan babalʼate taʼus magaalattiin akka hin balleeffamne Yihowaa kadhatee ture. “Ati dhuguma isa qajeelaa isa hamaa wajjin ni balleessitaa?” jedhee Yihowaa gaafateera. (Uumama 18:23-33) Deebiin isaa, lakki kan jedhu akka taʼe beekamaa dha. Yihowaan Sodoom irratti ‘dinyii fi ibidda kan roobse’ Loox inni nama qajeelaa taʼee fi ijoolleen isaa nagaadhaan magaalaa Zoʼaar erga gaʼanii booda ture. (Uumama 19:22-24) Faallaa kanaatiin, Yoonaas yommuu Waaqayyo namoota Nanawweetiif dhiifama godhu ‘baayʼee aaree’ ture. Namoonni kun akka balleeffaman waan lallabeef, yaada isaanii yoo geddaratan iyyuu yommuu balleeffaman arguu barbaadee ture.—Yoonaas 3:10–4:1.

17 Yihowaan haqni isaa, hamoota balleessuu qofa utuu hin taʼin, qajeeloota fayyisuus akka dabalatu Abrahaamiif mirkaneesseera. Abrahaam irraa haala adda taʼeen, Yoonaas Yihowaan araara qabeessa taʼuu isaa barachuun isa barbaachiseera. Hamoonni daandii isaanii yoo jijjiiran, Waaqayyo ‘dhiifama gochuuf qophaaʼaa dha.’ (Faarfannaa 86:5) Namoota aangoo isaanii akka hin dhabne sodaatan tokko tokko irraa haala adda taʼeen, Yihowaan aangoo isaa argisiisuuf qofa murtoo hin dabarsu ykn akka dadhabaatti akka hin ilaalamne sodaatee gara laafina argisiisuu irraa duubatti hin jedhu. Inni sababii gaʼaan yeroo jiraatu hundatti araara ni argisiisa.—Isaayyaas 55:7; Hisqiʼel 18:23.

18. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu Yihowaan miira qofa irratti hundaaʼee akka hin murteessine argisiisan kamfaʼi?

18 Taʼus, Yihowaan miiraan hin geggeeffamu. Yommuu sabni isaa waaqayyolii tolfaman waaqeffachuu itti fufanitti, “akka daandiiwwan keetti sitti nan murteessa; wantoota jibbisiisoo raawwatte hundumaatiifis sin adaba. Ijji koo siif hin gaddu; anis gara laafina sitti hin argisiisu; sababiin isaas, ani akka daandiiwwan keetti siif nan deebisa” jechuudhaan murtii cimaa isaan irratti dabarseera. (Hisqiʼel 7:3, 4) Kanaaf, namoonni yommuu mataa jabaatan Yihowaan akka hojii isaaniitti isaanitti murteessa. Murtiin isaa garuu ragaa qabatamaa irratti kan hundaaʼe dha. Fakkeenyaaf, Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee iyya guddaa yeroo dhagaʼetti Yihowaan, “Ani isaan akkuma iyya isa na bira gaʼe sanaa gochuu fi dhiisuu isaanii ilaaluuf gad nan buʼa” jechuun isaa kana argisiisa. (Uumama 18:20, 21) Yihowaan akka namoota utuu dhimma tokko sirriitti hin dhagaʼin murteessuuf ariifatanii waan hin taaneef baayʼee isa galateeffanna. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu, dhuguma Yihowaan “Waaqa amanamaa matumaa haqa hin jalʼisne dha.”—Keessa Deebii 32:4.

Haqa Yihowaa Irratti Amantii Qabaadhu

19. Akkaataa Yihowaan haqa isaa itti argisiisu ilaalchisee wanti nuu hin galle yoo jiraate maal gochuu dandeenya?

19 Kitaabni Qulqulluun wantoota Yihowaan kanaan dura raawwate ilaalchisee gaaffiiwwan kaʼan hundaaf deebii hin kennu; gara fuulduraattis dhuunfaadhaanis taʼe tuutaan akkamitti namootaaf murtii akka kennu balʼinaan hin ibsu. Kanaafuu, seenaawwan ykn raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu ibsa balʼaa hin qabne yommuu nu mudatan, akkuma Miikiyaas raajichi, “Waaqa fayyinaa koo obsaan nan eeggadha” jedhee barreessee amanamoo taʼuu keenya argisiisuu dandeenya.—Miikiyaas 7:7.

20, 21. Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

20 Yihowaan haala akkamii keessatti iyyuu wanta sirrii taʼe akka raawwatu amanuu qabna. Namoonni jalʼina raawwatamu callisanii yoo bira darban illee Yihowaan, “Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala” jechuudhaan tarkaanfii akka fudhatu waadaa galeera. (Roomaa 12:19) Obsaan Yihowaa kan eeggannu yoo taʼe, akkuma Phaawulos ergamaa isa, “Waaqayyo haqa ni jalʼisa jechuu dhaa? Matumaa!” jedhee dubbatee amantii cimaa akka qabnu argisiisuu dandeenya.—Roomaa 9:14.

21 Hammasitti garuu ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa jiraanna. (2 Ximotewos 3:1) Jalʼinnii fi ‘gochi hacuuccaa’ gochi gara jabinaa hedduun akka raawwatamu godheera. (Lallaba 4:1) Haa taʼu malee, Yihowaan hin jijjiiramne. Amma iyyuu jalʼina ni jibba, namoota jalʼinni irratti raawwatameefis garaadhaa yaada. Yihowaafis taʼe ol aantummaa isaatiif amanamoo yoo taane, Yihowaan hanga inni bulchiinsa Mootummaa isaa jalatti jalʼina hunda balleessutti jabaannee akka dhaabannu nu gargaara.—1 Pheexiros 5:6, 7.

a Yihowaan Iyyoobiin ilaalchisee, “Lafa irra namni akka isaa tokko iyyuu hin jiru” jedheera. (Iyyoob 1:8) Kanaafuu Iyyoob kan jiraate, Yoseef erga duʼee boodaa fi Museen Israaʼelota geggeessuuf muudamuu isaa dura taʼuu hin oolu. Kanaaf, yeroo sanatti namni akka Iyyoob amanamaa taʼe tokko illee hin jiru ture jedhamuu dandaʼa.