Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 13

“Seerri Yihowaa Mudaa hin Qabu”

“Seerri Yihowaa Mudaa hin Qabu”

1, 2. Namoonni hedduun seeraaf kabaja kan hin qabne maaliifi? Taʼus seera Waaqayyoof ilaalcha akkamii qabaachuu dandeenya?

 “SEERRI boolla dhuma hin qabne dha . . . wanta hunda liqimsa.” Yaanni kun kitaaba bara 1712 maxxanfame tokko irratti argama. Namni kitaaba kana barreesse, lafa irra harkifamuu falmiiwwan seeraa mana murtiitti godhamanii fi namoota haqa barbaadan kasaarsan mormeera. Biyyoota hedduutti, seerrii fi hojmaanni mana murtii wal xaxaa, jalʼaa fi loogiidhaan kan guutame, akkasumas kan gegeddaramu taʼuun isaa namoonni seera akka tuffatan godheera.

2 Faallaa kanaatiin, gara waggoota 2,700 dura faarfatichi, “Seera kee baayʼee nan jaalladha!” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 119:97) Faarfatichi seera Waaqayyootiif jaalala akkasii qabaachuu kan dandaʼe maaliifi? Seera inni jaallate kana kan tume, mootummaa addunyaa kanaa utuu hin taʼin, Yihowaa waan taʼeefi. Atis seera Yihowaa qoʼachaa yommuu deemtu, akkuma faarfatichaa sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Qoʼannaan akkasii, uumama cufa keessatti qaamni seera kennuu fi abbaa murtii taʼe akkamitti akka yaadu si hubachiisa.

Seera Tumtuu Ol Aanaa

3, 4. Yihowaan Seera Tumtuu taʼuu isaa kan argisiise karaawwan kamiini?

3 Kitaabni Qulqulluun, “Seera kan tumuu fi Abbaan Murtii tokko qofa dha” jedha. (Yaaqoob 4:12) Dhuguma iyyuu waaqni seera tumuuf mirga qabu Yihowaa qofa dha. Qaamonni samii illee ‘Seerawwan samii’ inni baaseen bulu. (Iyyoob 38:33) Raayyaan maleekota qulqulluu Yihowaas, sadarkaa adda addaatiin waan gurmaaʼanii fi ajaja isaa jalatti waan isa tajaajilaniif seera inni baaseen bulu.—Faarfannaa 104:4; Ibroota 1:7, 14.

4 Yihowaan ilmaan namootaafis seera kenneera. Hundi keenya qalbii isa haqa Yihowaa calaqqisu qabna. Qalbiin seera keessa keenyatti barreeffame yeroo taʼu, wanta sirrii fi dogoggora taʼe addaan baasnee beekuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Roomaa 2:14) Addaamii fi Hewaan qalbii mudaa hin qabne waan qabaniif, seera muraasa qofatu isaan barbaachisa ture. (Uumama 2:15-17) Namoonni cubbuu dhaalan garuu, fedha Waaqayyoo raawwachuuf seerri dabalataa isaan barbaachisa. Yihowaan mataawwan maatii kan akka Noh, Abrahaamii fi Yaaqoobiif seera kenneera; isaanis seera kana maatii isaaniitti dabarsaniiru. (Uumama 6:22; 9:3-6; 18:19; 26:4, 5) Yihowaan karaa Musee saba Israaʼeliif Seera yeroo kennetti, Seera Tumtuu hunda caalu taʼuu isaa argisiiseera. Seerri kun, haqa Yihowaa ilaalchisee hubannaa guddaa nuu kenna.

Yaada Ijoo Seera Musee

5. Seerri Musee ulfaataa fi baayʼee turee? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?

5 Namoonni hedduun Seerri Musee walxaxaa, ulfaataa fi baayʼee akka taʼetti yaadu. Ilaalchi akkasii garuu dhugaa irraa kan fagaate dha. Guutummaan seerichaa seerota 600 ol taʼan kan qabate dha. Kun baayʼee fakkaata; taʼus dhuma jaarraa 20​ffaatti seerri fedaraalaa Yuunaayitid Isteetis kitaabota seeraa, fuula 150,000 qaban guuta ture. Waggaa lama lamatti immoo seerawwan 600 taʼan seera kanatti dabalamu! Kanaaf, seera hedduu namoonni baasanii wajjin yeroo wal bira qabamu, seerri Musee baayʼee muraasa dha. Haa taʼu malee, Seerri Waaqayyo Israaʼelotaaf kenne, wantoota seerri yeroo amma jiru hin eerre illee kan of keessatti qabate ture. Mee fakkeenyota tokko tokko ilaali.

6, 7. (a) Seera Musee seera kaan irraa adda kan godhu maali dha? Seericha keessaa inni hunda irra caalu isa kami? (b) Israaʼelonni ol aantummaa Yihowaa akka deggeran akkamitti argisiisuu dandaʼu turan?

6 Seerichi ol aantummaa Yihowaatiif iddoo guddaa kenna. Kanaaf, Seerri Musee seera kam irra iyyuu ni caala. Seera kana keessaa inni hunda irra caalu, “Yaa Israaʼel dhagaʼi: Waaqni keenya Yihowaan, Yihowaa tokkicha dha. Atis Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu” jedha. Sabni Waaqayyoo jaalala Yihowaaf qaban ibsuu kan dandaʼan akkamitti ture? Ol aantummaa isaatiif bitamuudhaan isa tajaajiluudhaani.—Keessa Deebii 6:4, 5; 11:13.

7 Israaʼelonni hundi warra isaan irratti aangoo qabaniif bitamuudhaan, ol aantummaa Yihowaa akka deggeran argisiisu. Warri, geggeessitoonni, abbootiin murtii, luboonnii fi booda immoo mootonni, aangoo Waaqayyoo bakka buʼu turan. Yihowaan, namoota aangoo qaban kana irratti finciluun isa irratti finciluu akka taʼetti ilaala. Karaa kan biraa immoo namoonni aangoo qaban saba isaa irratti jalʼina yoo raawwatan ykn yoo isaan cunqursan Yihowaan isaanitti dheekkama. (Baʼuu 20:12; 22:28; Keessa Deebii 1:16, 17; 17:8-20; 19:16, 17) Kanaaf, sabichis taʼe namoonni aangoo qaban, ol aantummaa Yihowaa deggeruu qabu turan.

8. Seerichi ulaagaa qulqullinaa Yihowaa kan ibse akkamitti?

8 Seerichi ulaagaa qulqullinaa Yihowaa ibsa. Jechi “qulqulluu” fi “qulqullummaa” jedhu Seera Musee keessatti al 280 ol argama. Seerichi gama waaqeffannaatiin wantoota Israaʼelota xureessan adda addaa 70 ibsuudhaan sabni Waaqayyoo wanta qulqulluu fi xuraaʼaa taʼe addaan baasanii akka beekan gargaareera. Seerichi waaʼee qulqullina qaamaa fi nyaataa dabalatee waaʼee balfa ofirraa fageessuu illee ni ibsa ture. Seerawwan kun gama fayyaatiin faayidaa guddaa isaaniif argamsiisaniiru. a Haa taʼu malee, kaayyoon seerawwan kanaa inni guddaan, sabicha gochawwan gadhee saboonni naannoo isaanii turan raawwatan irraa eeguudhaan Yihowaa biratti fudhatama argachuu isaanii akka itti fufan gochuu ture. Mee fakkeenya tokko ilaali.

9, 10. Seerichi, saalqunnamtii fi daʼumsa ilaalchisee ajaja akkamii kenneera? Seerawwan kun faayidaa kan biraa akkamii qabu turan?

9 Seerichi saalqunnamtiin hiriyoota gaaʼelaa gidduutti raawwatamuu illee akka nama xureessu ibsa; dubartiin tokkos erga deessee booda yeroo muraasaaf xuraaʼaa taati. (Leewwota 12:2-4; 15: 16-18) Seerawwan akkasii, kennaawwan qulqulluu Waaqayyo biraa argaman kana kan salphisan hin turre. (Uumama 1:28; 2:18-25) Kanaa mannaa, seerawwan kun waaqeffattoonni isaa akka hin faalamne waan godhaniif, qulqullummaa Yihowaatiif iddoo guddaa kennu. Saboonni naannoo Israaʼel turan waaqeffannaa, saalqunnamtii fi sirna wal hormaataa wajjin walitti maku turan. Amantii warra Kanaʼaan keessa ejjitoonni dhiiraa fi dubartootaa jiru turan. Kanaan kan kaʼes, gochi jibbisiisaan babalʼachuu dandaʼeera. Seerichi garuu, waaqeffannaan Yihowaa dhimmawwan saalqunnamtii wajjin wal qabatan irraa guutummaatti walaba akka taʼu godheera. b Seerichi faayidaa kan biraas qaba ture.

10 Seerawwan kun barumsa guddaa tokko nu barsiisu. c Cubbuun Addaam raawwate dhalootaa dhalootatti darbuu kan dandaʼe akkamitti? Karaa saalqunnamtii fi daʼumsaa mitii? (Roomaa 5:12) Eeyyee, Seerri Waaqayyoo sabni isaa cubbamoota akka taʼan isaan yaadachiiseera. Hundi keenya cubbuu dhaallee dhalanneerra. (Faarfannaa 51:5) Waaqa keenya isa qulqulluutti dhihaachuuf, dhiifama argachuu fi cubbuu irraa furamuun nu barbaachisa.

11, 12. (a) Seerichi dhugaa iddoo guddaa qabu kam barsiisa? (b) Seerichi wantoota haqa jalʼisan akkamii dhowwa?

11 Seerichi haqni Yihowaa mudaa akka hin qabne argisiisa. Seerri Musee haqaa ilaalchisee, murtoo sirriin balleessaa raawwatamee wajjin wal gitu akka kennamu ajaja. Seerichi, “Bakka lubbuu lubbuun, bakka ijaa ijji, bakka ilkaanii ilkaan, bakka harkaa harki, bakka miilaa miilli haa kaffalamu” kan jedhe kanaafi. (Keessa Deebii 19:21) Kanaafuu, yakka ilaalchisee adabni kennamu yakka raawwatamee wajjin qixxe taʼuu qaba ture. Haqni Waaqayyoo kun, Seericha keessatti bakka guddaa kan qabu yeroo taʼu, akkuma Boqonnaa 14 irratti ilaallu, aarsaa furii Kiristoos Yesuus hubachuuf nu gargaara.—1 Ximotewos 2:5, 6.

12 Seerichi haqa jalʼisuus ni dhowwa. Fakkeenyaaf, himanni tokko fudhatama akka qabaatuuf yoo xinnaate ragaa baatonni lama ni barbaachisu. Namni sobaan ragaa baʼu adaba cimaa adabama. (Keessa Deebii 19:15, 18, 19) Malaanmaltummaa fi mattaʼaa fudhachuun dhowwamaa dha. (Baʼuu 23:8; Keessa Deebii 27:25) Sabni Waaqayyoo hojii daldalaa irratti illee, haqa Yihowaa isa hunda irra caalu hordofuu qabu turan. (Leewwota 19:35, 36; Keessa Deebii 23:19, 20) Seerri guddaan namoota wal hin caalchisne kun immoo Israaʼelotaaf eebba guddaa argamsiiseera.

Seera Araaraa fi Loogii Irra Bilisa Taʼuu Jajjabeessu

13, 14. Seerichi nama hateefis taʼe nama jalaa hatameef murtoon haqa irratti hundaaʼe akka kennamu kan godhu akkamitti?

13 Seerri Musee goggogaa fi araara kan hin qabne turee? Matumaa akkas hin turre! Daawit Mootichi hafuuraan geggeeffamee, “Seerri Yihowaa mudaa hin qabu” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 19:7) Daawit, Seerichi araara argisiisuu fi loogii irraa walaba taʼuu akka jajjabeessu beeka. Seerichi kana kan godhu akkamitti?

14 Yeroo ammaatti seerri biyyoota tokko tokkoo laafaa fi namoota yakki irratti raawwatame caalaa namoota yakka raawwataniif kan dhaabate fakkaata. Fakkeenyaaf, namoonni hatan mana hidhaa galuu dandaʼu. Namoonni miini jalaa hatame garuu, wanta jalaa hatame deebisanii kan hin arganne taʼuu isaa irra iyyuu, mana hidhaa yakkamtoonni sun keessa jiraataniifis taʼe nyaata isaaniif gibira kan kaffalu namootuma miidhaman kana dha. Israaʼel durii keessa akka yeroo ammaa manni hidhaa hin jiru. Seerichi adaba cimaa kennamuu qabu ilaalchisee daangaa qaba ture. (Keessa Deebii 25:1-3) Hattuun tokko, nama jalaa hate sanaaf wanta hatame bakka buusuu qaba. Kaffaltii dabalataas kennuu qaba. Hammam? Kun haala isaa irratti hundaaʼa. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, abbootiin murtii namni cubbuu hojjete tokko qalbii geddarachuu isaa dabalatee wantoota baayʼee tilmaama keessa akka galchan mirgi isaanii kennamee ture. Wanta hattuun tokko akka bakka buusu irraa eegamu ilaalchisee, adabni Leewwota 6:1-7 irratti ibsame, adaba Baʼuu 22:7 irratti ibsame irra salphaa kan taʼe kanaafi.

15. Nama akka tasaa nama ajjeese ilaalchisee, Seerichi araarri akka argisiifamuu fi haqni akka raawwatamu kan godhu akkamitti?

15 Seerichi namoonni dogoggora kan raawwatan yeroo hunda itti yaadanii akka hin taane ibsuudhaan qophii araara irratti hundaaʼe godheera. Fakkeenyaaf, namni tokko akka tasaa yoo nama ajjeesee fi magaalota Israaʼel warra kooluu itti galan keessaa isa tokkotti baqachuudhaan tarkaanfii sirrii taʼe yoo fudhate, bakka lubbuu lubbuu isaa kaffaluun isa hin barbaachisu. Kanaa mannaa, abbootiin murtii gaʼumsa qaban dhimma isaa erga qoratanii booda, hanga lubni ol aanaan duʼutti magaalaa sana keessa jiraachuu qaba. Sana booda garuu bakka fedhe jiraachuu dandaʼa. Akka kanaan araara Waaqayyoo irraa faayidaa argata. Seerri kun lubbuun ilmaan namootaa bakka guddaa akka qabus kan argisiisu ture.—Lakkoofsa 15:30, 31; 35:12-25.

16. Seerichi mirga namootaa kan eegsise akkamitti?

16 Seerichi, mirgi namootaa akka hin sarbamnes qophii godheera. Namoota liqiin irra jiruuf akkamitti eegumsa akka godhu ilaali. Seerichi mana nama liqiin irra jiru tokkoo seenanii miʼa isaa akka qabsiisaatti fudhachuu hin heyyamu ture. Kanaa mannaa, namni liqeesse sun ala dhaabatee namni isa irraa liqeeffate miʼicha alatti akka isaaf kennu eeguu qaba. Kun immoo, manni nama liqiin irra jiru sanaa akka kabajamu godha. Namni liqeesse isa liqeeffate irraa uffata irraan uffatamu qabsiisa yoo fudhate, halkan akka itti hin qorrinetti yeroo aduun dhiitu deebisuufii qaba ture.—Keessa Deebii 24:10-14.

17, 18. Israaʼelonni dhimmawwan waraanaa wajjin wal qabatan irratti saboota kaan irraa adda kan taʼan akkamitti? Maaliifi?

17 Waraanni illee akka Seerichi ajajutti geggeeffama ture. Sabni Waaqayyoo waraana irratti kan bobbaʼan, ol aantummaa isaanii argisiifachuuf ykn warra kaan weeraruuf utuu hin taʼin, Yihowaa bakka buʼanii “Waraanawwan Yihowaa” irratti hirmaachuuf ture. (Lakkoofsa 21:14) Yeroo baayʼee Israaʼelonni dura diinonni isaanii akka harka kennan isaan gaafachuu qabu. Magaalaan tokko gaaffii kana yoo fudhachuu didde, akka seera Waaqayyootti ishiitti marsuu dandaʼu. Loltoota hedduu irraa haala adda taʼeen, dubartoota gudeeduunis taʼe gara jabinaan nama ajjeesuun loltoota Israaʼeliif hin heyyamamu. Kana malees, mukeetii diinota isaanii warra firii godhatan muranii balleessuu irraa of qusachuudhaan, uumama kabajuu qabu turan. d Loltoonni saboota kaanii garuu kana akka hin goone hin dhowwaman turan.—Keessa Deebii 20:10-15, 19, 20; 21:10-13.

18 Biyyoota tokko tokkotti ijoolleen loltoota taʼuuf akka leenjifaman yommuu dhageessu si hin suukanneessuu? Israaʼel durii keessatti, namni umuriin isaa waggaa 20 hin guunne kam iyyuu loltuu taʼuu hin dandaʼu. (Lakkoofsa 1:2, 3) Namni gaʼeessi illee garmalee yoo sodaate lola dhaquuf hin dirqamu. Namni dhiheenyatti fuudhes, hanga mucaa godhatutti waggaa tokkoof tajaajila lubbuu isaa balaaf saaxilu kana irratti hin hirmaatu. Akka kanaan, Seerichi namni dhiheenya fuudhe sun ‘mana isaa taaʼuudhaan haadha manaa isaa akka gammachiisu’ carraa kennaaf ture.—Keessa Deebii 20:5, 6, 8; 24:5.

19. Seerichi, dubartoota, ijoollee, maatiiwwan, dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi ijoollee warri irraa duʼaniif eegumsa gochuuf qophii akkamii godheera?

19 Seerichi Israaʼelonni wanta dubartootaaf, daaʼimmanii fi maatiiwwaniif barbaachisu akka guutan qophii gochuudhaan eegumsa akka argatan godheera. Seerichi warri ijoollee isaaniif xiyyeeffannaa akka kennanii fi waaʼee Yihowaa akka barsiisan ajaja. (Keessa Deebii 6:6, 7) Fira dhihoo wajjin saalqunnamtii raawwachuun duʼaan nama adabsiisa. (Leewwota, boqonnaa 18) Seerichi ejja isa yeroo baayʼee maatii diigu, akkasumas nageenya isaanii fi ulfina isaanii balaaf saaxilus ni dhowwa. Dubartoonni abbaan manaa irraa duʼee fi ijoolleen warri irraa duʼan wanta isaan barbaachisu akka argatan ni ajaja; isaan cunqursuus cimsee balaaleffata.—Baʼuu 20:14; 22:22-24.

20, 21. (a) Seerri Musee, Israaʼelonni haadha manaa tokkoo ol akka fuudhan kan heyyame maaliifi? (b) Wal hiikuu ilaalchisee, Seerichi ulaagaa Yihowaa isa Yesuus iddootti deebisee wajjin garaagarummaa qabaachuu kan dandaʼe maaliifi?

20 Haa taʼu malee, kanaa ilaalchisee namoonni tokko tokko, ‘Seerichi haadha manaa tokkoo ol fuudhuu kan heyyamu maaliifi?’ jedhanii gaafatu taʼa. (Keessa Deebii 21:15-17) Seerawwan akkasii hubachuuf, haala yeroo sana ture tilmaama keessa galchuu qabna. Kana hubachuu kan dandeenyu aadaa fi akkaataan jireenyaa Israaʼelotaa isa yeroo ammaa irraa adda akka taʼe yoo hubanne qofa dha. (Fakkeenya 18:13) Ulaagaan Yihowaan iddoo biqiltuu Eedan keessatti kenne, abbaan manaa fi haati manaa tokko yeroo hundumaaf akka waliin jiraatan kan ajaju ture. (Uumama 2:18, 20-24) Bara Yihowaan Seericha Israaʼelotaaf kennetti garuu, haadha manaa tokkoo ol fuudhuun jaarraawwan hedduuf kan barame ture. Yihowaan ‘Sabni didaa’ taʼe sun, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuu dabalatee ajajawwan guguddaa taʼan illee irra deddeebiʼee akka cabsu beeka. (Baʼuu 32:9) Kanaan kan kaʼes, dhimmawwan gaaʼelaa wajjin wal qabatan hunda irratti jijjiirama gochuun yeroo isaa akka hin taane itti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. Haa taʼu malee, haadha manaa tokkoo ol fuudhuun akka jalqabamu kan godhe Yihowaa akka hin taane yaadadhu. Taʼus, Yihowaan Israaʼelonni barsiifata kanatti fayyadamanii haadha manaa isaanii akka hin hacuucne Seera Musee keessatti daangaa tokko tokko kaaʼeera.

21 Seerri Musee, namni tokko sababii guguddaa yoo qabaate haadha manaa isaa hiikuu akka dandaʼus ni heyyama. (Keessa Deebii 24:1-4) Yesuus, Waaqayyo Yihudootaaf gocha kana kan heyyame, “sababii mata jabina [isaaniitiif]” akka taʼe ibseera. Kana kan heyyame garuu yeroo muraasaaf qofa dha. Yesuus duuka buutota isaatiif seera Yihowaan jalqaba gaaʼelaaf baase iddootti deebiseera.—Maatewos 19:8.

Seerichi Jaalala Argisiisuu Jajjabeessa

22. Seerri Musee jaalala argisiisuu jajjabeessa kan jennu maaliifi? Jaalala argisiisuu kan qaban eenyufaatti?

22 Yeroo ammaatti seerri jaalala argisiisuu jajjabeessu waan jiru sitti fakkaataa? Seerri Musee waan hunda caalaa jaalala jajjabeessa. Fakkeenyaaf, kitaaba Keessa Deebii irratti qofa jechi “jaalala” jedhu al 20 ol karaa adda addaatiin ibsameera. Seericha keessatti ajajawwan hunda irra caalan keessaa inni lammaffaan, “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedha. (Leewwota 19:18; Maatewos 22:37-40) Israaʼelonni sana dura nama biyya ormaa akka turan yaadachuudhaan, walii isaanitti qofa utuu hin taʼin namoota biyya ormaa isaan gidduu jiraatanittis jaalala argisiisuu qabu turan. Hiyyeessotaa fi namoota rakkataniif gargaarsa gochuu, akkasumas karaa sirrii hin taaneen isaan irraa faayidaa argachuu dhiisuudhaan, akka isaan jaallatan argisiisuu qabu turan. Horiiwwan feʼumsaa illee gaarummaadhaan akka qaban ajajamaniiru.—Baʼuu 23:6; Leewwota 19:14, 33, 34; Keessa Deebii 22:4, 10; 24:17, 18.

23. Namni Faarfannaa 119 barreesse maal gochuuf kakaʼeera? Nuti hoo maal gochuuf murteessuu qabna?

23 Sabni seera gaarii akkasii qabu kan biraan jiraa? Faarfatichi, “Seera kee baayʼee nan jaalladha!” jedhee barreessuun isaa nama hin dinqisiisu. Haa taʼu malee, jaalalli isaa miira qofa hin turre. Kanaa mannaa garaadhaa seera kanaaf ajajamuu fi jireenya isaa keessatti hojii irra oolchuuf carraaqqii akka godhu isa kakaaseera. Itti dabaluudhaanis, “Guyyaa guutuu isa irratti nan yaada” jedheera. (Faarfannaa 119:11, 97) Eeyyee, faarfatichi yeroo hunda seera Yihowaa ni qoʼata ture. Kana gochuu isaattis jaalalli seerawwan kanaaf qabu akka guddate hin shakkisiisu. Jaalalli inni Yihowaa isa Seera Tumtuu taʼeef qabus guddateera. Atis seera Waaqayyoo qoʼachuu kee itti fufuudhaan, Yihowaa isa Seera Tumtuu Guddaa fi haqa qabeessa taʼetti caalaatti dhihaachuu dandeessa.

a Fakkeenyaaf, seerichi yeroo sanatti bobbaa namaa akka awwaalan, dhukkubsattoota warra kaan irraa akka adda baasan, akkasumas namni reeffa tuqe akka dhiqatu ajajuun isaa qaroomina guddaa ture.—Leewwota 13:4-8; Lakkoofsa 19:11-13, 17-19; Keessa Deebii 23:13, 14.

b Manni qulqullummaa Kanaʼaanotaa kutaawwan saalqunnamtiin itti raawwatamu kan qaban yommuu taʼu, Seerri Musee garuu namoonni xuraaʼan mana qulqullummaa illee akka hin seenne ni dhowwa ture. Kanaafuu, saalqunnamtiin yeroo murtaaʼeef waan nama xureessuu erga taʼee, namni mana Yihowaan waaqeffatamu keessatti gocha akkasii raawwatu kam iyyuu matumaa fudhatama argachuu hin dandaʼu.

c Kaayyoon Seerichaa inni guddaan barsiisuu ture. Insaaykilooppiidiyaa Judaayikaan, jechi afaan Ibrootaa “seera” ykn tooraah jedhu “barumsa” jechuu akka taʼe ibseera.

d Seerichi, “Akka nama balleessitutti muka balleessuu hin qabdu” jedha. (Keessa Deebii 20:19) Jaarraa jalqabaatti hayyuu Yihudootaa kan ture Fiiloon, seera kana erga caqasee booda, Waaqayyo “namoonni aarii diinota isaaniif qaban wantoota yakka raawwachuu hin dandeenye irratti baʼuun isaanii sirrii akka hin taane” yaada jedheera.