Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 14

Yihowaan “Bakka Namoota Hedduu Furii” Qopheesse

Yihowaan “Bakka Namoota Hedduu Furii” Qopheesse

1, 2. Kitaabni Qulqulluun haala ilmaan namootaa keessatti argaman kan ibsu akkamitti? Kana keessaa baʼuuf kan nu gargaaru hoo maal qofa dha?

 ‘UUMAMNI hundi walii wajjin aadaa fi dhiphachaa jira.’ (Roomaa 8:22) Phaawulos ergamaan, yaada kanatti fayyadamee haala gaddisiisaa keessa jirru ibseera. Akka ilaalcha namaatti, karaan rakkina, cubbuu fi duʼa jalaa walaba itti baanu waan jiru hin fakkaatu. Haa taʼu malee, Yihowaan akka namootaa humni isaa kan daangeffame miti. (Lakkoofsa 23:19) Waaqni haqa qabeessa taʼe, rakkina keenya jalaa akka baanu qophii nuu godheera. Qophiin kun furii jedhama.

2 Furiin kennaa Yihowaan ilmaan namootaaf kenne hunda irra ni caala. Cubbuu fi duʼa jalaa bilisa nu baasa. (Efesoon 1:7) Furichi, abdii namoonni samii irrattis taʼe lafa irratti jireenya bara baraa argachuuf qabaniif buʼuura dha. (Luqaas 23:43; Yohaannis 3:16; 1 Pheexiros 1:4) Haa taʼu malee, furiin maali dha? Waaʼee haqa Yihowaa isa hunda irra caalu kan nu barsiisu hoo akkamitti?

Furiin Kan Barbaachise Maaliifi?

3. (a) Furiin kan barbaachise maaliifi? (b) Waaqayyo murtoo duʼaa ijoollee Addaam irratti dabarse akkasumaan dhiisuu kan hin dandeenye maaliifi?

3 Furiin kan barbaachise Addaam cubbuu waan hojjeteefi. Addaam Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan, dhukkuba, gadda, dhiphinaa fi duʼa sanyii isaatti dabarseera. (Uumama 2:17; Roomaa 8:20) Waaqayyo sanyii Addaamiif gadduudhaan, murtoo duʼaa isaan irratti dabarse akkasumaan dhiisuu hin dandaʼu. Yoo akkas godhe seera isaa isa, “Mindaan cubbuun kaffalu duʼa dha” jedhu cabsuu isatti taʼa. (Roomaa 6:23) Yihowaan ulaagaa haqaa ofuma isaatii baase utuu cabseera taʼee, uumama cufa keessatti jeequmsii fi seeraa alummaan ni babalʼata ture!

4, 5. (a) Seexanni Waaqayyoon kan arrabse akkamitti? Yihowaan hoo arrabsoo kanaaf deebii kennuuf kan dirqame maaliifi? (b) Seexanni tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan irratti himata akkamii dhiheesse?

4 Akkuma Boqonnaa 12 irratti ilaalle, fincilli Eedan keessatti kaʼe gaaffiiwwan guguddaa kaaseera. Seexanni maqaa Waaqayyoo isa gaarii taʼe balleesseera. Yihowaan sobduu fi bulchaa uumamawwan isaa cunqursu akka taʼetti isa himateera. (Uumama 3:1-5) Seexanni, kaayyoon Waaqayyo lafa kana namoota qajeeloo taʼaniin guutuuf qabu akka hin milkoofne gochuuf yaaluudhaan, Waaqayyo kaayyoo isaa raawwachuu waan hin dandeenye fakkeesseera. (Uumama 1:28; Isaayyaas 55:10, 11) Yihowaan gaaffiiwwan kanaaf utuu deebii kennuu baatee, uumamawwan isaa yaaduu dandaʼan hedduun amanannaa isa irratti dhabu turan.

5 Kana malees, Seexanni tajaajiltoonni Waaqayyoo ofittummaadhaan kakaʼanii akka isa tajaajilanii fi rakkinni yoo isaan irra gaʼe tokkoon isaanii iyyuu isaaf amanamoo akka hin taane ibsuudhaan, tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan maqaa balleesseera. (Iyyoob 1:9-11) Dhimmoonni kun rakkina ilmaan namootaa caalaa bakka guddaa qabu. Yihowaan himatawwan Seexanaa kanaaf deebii kennuu akka qabu itti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. Haa taʼu malee, Waaqayyo gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuu fi ilmaan namootaa fayyisuu kan dandaʼu akkamitti?

Furiin Maali Dha?

6. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechoonni qophii Waaqayyo ilmaan namootaa oolchuuf godhe ibsan tokko tokko maalfaʼi?

6 Furmaanni Yihowaan qopheesse kun araaraa isaa isa guddaa fi haqa isaa irratti kan hundaaʼe yeroo taʼu, ilmaan namootaa qophii akkasii gochuu hin dandaʼan. Yihowaan garuu furmaata ogummaa irratti hundaaʼee fi salphaa taʼe akkasii qopheessuu dandaʼa. Furiin bituu, araaraa fi dhiifama jedhamee ibsameera. (Faarfannaa 49:8; Daaniʼel 9:24; Galaatiyaa 3:13; Qolosaayis 1:20; Ibroota 2:17) Haa taʼu malee, jechi hunda caalaa yaada kana ibsu, jecha Yesuus itti fayyadame taʼuu hin oolu. Yesuus, “Ilmi namaas kan dhufe warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii [Giriikii, liitroon] godhee kennuufi malee, akka isa tajaajilaniif miti” jedheera.—Maatewos 20:28.

7, 8. (a) Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “furii” jedhu hiika maalii qaba? (b) Furiin, wanta wal gitu kan argisiisu karaa kamiini?

7 Maarree furiin maali dha? Jechi afaan Giriikii as irratti itti hojjetame, gochima hiikni isaa “gadhiisuu, hiikuu” jedhu irraa kan argame dha. Jechi kun, maallaqa loltoota boojiʼaman gadhiisisuuf kaffalamu ibsuuf itti hojjetama ture. Kanaaf, furiin gatii wanta tokko bitanii deebifachuuf kaffalamu jedhamuu dandaʼa. Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa keessatti jechi “furii” (koofer) jedhu, jecha hiika “uwwisuu” jedhu qabu irraa kan argame dha. Fakkeenyaaf, Waaqayyo Noh doonicha leelee akka dibu (akka “uwwisuu”) itti himee ture. (Uumama 6:14) Kun immoo, furuu jechuun cubbuu uwwisuu jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaara.—Faarfannaa 65:3.

8 Akka Tiʼooloojikaal Dikshinarii oov za Niiwu Teestaamant jedhutti, jechi koofer jedhu kun “wal qixxaachuu” ykn wal gituu argisiisa. Haaluma wal fakkaatuun, gatiin cubbuu raawwatame tokko furuuf ykn uwwisuuf kaffalamu, badiin sababii cubbuu sanaatiin gaʼe akka hin mulʼanne kan godhu taʼuu qaba. Seerri Waaqayyo Israaʼelotaaf kenne, “Bakka lubbuu lubbuun, bakka ijaa ijji, bakka ilkaanii ilkaan, bakka harkaa harki, bakka miilaa miilli haa kaffalamu” kan jedhu kanaafi.—Keessa Deebii 19:21.

9. Namoonni amantii qaban aarsaa horii kan dhiheessan maaliif ture? Yihowaan hoo aarsaawwan kanaaf ilaalcha akkamii qaba ture?

9 Abeel irraa jalqabee namoonni Waaqayyo irratti amantii qaban Waaqayyoof aarsaa horii dhiheessaa turaniiru. Kana gochuudhaan, cubbamoota taʼuu isaanii akka hubatanii fi furiin isaan barbaachisuu isaa akka amanan, akkasumas abdii Waaqayyo karaa ‘sanyichaa’ bilisa isaan baasuuf kenne irratti amantii akka qaban argisiisaniiru. (Uumama 3:15; 4:1-4; Leewwota 17:11; Ibroota 11:4) Yihowaan aarsaawwan kanatti kan gammade taʼuu isaa irra iyyuu, namoonni kun isa biratti fudhatama akka argatan godheera. Haa taʼu malee, horiin namaa gad waan taʼeef, cubbuu namootaa uwwisuu hin dandaʼu. (Faarfannaa 8:4-8) Kanaan kan kaʼes Kitaabni Qulqulluun, “dhiigni jibootaa fi dhiigni reʼootaa cubbuu balleessuu hin dandaʼu” jedha. (Ibroota 10:1-4) Aarsaawwan akkasii, aarsaa furii isa dhugaa gara fuulduraatti dhufuuf fakkeenya turan.

“Furii Wal Gitu”

10. (a) Qaamni furii taʼu eenyuu wajjin kan wal gitu taʼuu qaba? Maaliifi? (b) Aarsaa taʼuu kan qabu nama tokko qofa kan taʼe maaliifi?

10 Phaawulos ergamaan, “hundi isaanii karaa Addaam duʼan” jedheera. (1 Qorontos 15:22) Kanaafuu, namni furii taʼuu dandaʼu nama Addaamii wajjin wal gitu, jechuunis nama mudaa hin qabne taʼuu qaba. (Roomaa 5:14) Uumamni madaallii haqaa sirreessuu dandaʼu kan biraan hin jiru. Namni “namoota hundumaatiif furii wal gitu” taʼuu dandaʼu nama Addaamii wajjin guutummaatti qixxee taʼe, jechuunis nama murtiin duʼaa Addaam irratti dabarfame isa hin tuqne qofa dha. (1 Ximotewos 2:6) Tokkoon tokkoon sanyii Addaamiif aarsaa wal gitu dhiheessuuf, namoonni miliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman aarsaa taʼuun isaan hin barbaachisu. Phaawulos ergamaan, “cubbuun karaa nama tokkoo [Addaam] addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe” jechuudhaan ibseera. (Roomaa 5:12) Akkasumas “akkuma duuti karaa nama tokkoo dhufe,” Waaqayyo “karaa nama tokkoo” ilmaan namootaatiif furii qopheesse. (1 Qorontos 15:21) Akkamitti?

“Namoota hundumaatiif furii wal gitu”

11. (a) Namni furii taʼu, “tokkoon tokkoon namaatiif duʼa . . . dhandhamuu” kan qabu maaliifi? (b) Addaamii fi Hewaan furicha irraa fayyadamuu kan hin dandeenye maaliifi? (Miiljalee ilaali.)

11 Yihowaan, namni mudaa hin qabne tokko fedhii isaatiin aarsaa akka taʼu qophii godhe. Akka Roomaan 6:23 jedhutti, “Mindaan cubbuun kaffalu duʼa dha.” Namni furii taʼu sun, lubbuu isaa aarsaa gochuudhaan, “tokkoon tokkoon namaatiif duʼa . . . dhandhamuu” qaba. Jecha biraatiin, cubbuu Addaamiif gatii kaffaluu qaba. (Ibroota 2:9; 2 Qorontos 5:21; 1 Pheexiros 2:24) Kana gochuun isaa gama seeraatiin buʼaa guddaa qaba. Furichi, murtoo duʼaa ijoollee Addaam warra ajajamoo taʼan irratti dabarfame hambisuudhaan, humna cubbuun balleessuuf qabu hundee isaatii buqqisuu dandaʼa. aRoomaa 5:16.

12. Idaan tokko kaffalamuun isaa, namoota hedduu kan fayyadu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

12 Kana fakkeenyaan ibsuuf, magaalaa namoonni hedduun warshaa guddaa tokko keessatti qacaramanii hojjetan keessa jiraatta haa jennu. Atis taate namoonni kaan mindaa gaarii waan argattaniif, jireenya gaarii jiraattu. Haa taʼu malee, warshaan sun ni cufame. Maaliifi? Hogganaan warshaa sanaa sababii malaanmaltummaatiin warshicha waan kasaarseefi. Atii fi namoonni kaan akkuma tasaa hojii keessan waan dhabdaniif waan ittiin jiraattan dhabdan. Hiriyoonni gaaʼelaa fi ijoolleen keessan, akkasumas namoonni warshicha irraa qarshii qaban sababii nama kanaatiin rakkina irra buʼan. Karaan rakkina kana keessaa itti baatan jiraa laata? Eeyyee jira! Sooressi arjaan tokko warshaan kun deebisee hojii isaa akka jalqabu gochuuf murteesse. Namni kun warshichi namoota akka fayyadu beeka. Hojjettoota hedduu fi maatii isaaniitiifis gaddeera. Kanaaf, idaa sana kaffalee warshicha banuuf qophii godhe. Idaan tokkichi sun kaffalamuun isaa hojjettoota hedduu, maatii isaanii fi namoota warshicha irraa qarshii qabaniif boqonnaa guddaa argamsiise. Idaan Addaam kaffalamuun isaas, namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamaniif faayidaa argamsiisa.

Furicha Kan Qopheesse Eenyu?

13, 14. (a) Yihowaan ilmaan namootaaf furii kan qopheesse akkamitti? (b) Furichi eenyuuf kaffalame? Kaffaltiin akkasii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

13 “Hoolicha . . . isa cubbuu addunyaa balleessu!” qopheessuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. (Yohaannis 1:29) Haa taʼu malee, Waaqayyo ilmaan namootaa oolchuuf akkasumaan maleekaadhuma tokko hin ergine. Kanaa mannaa, maleekaa himata Seexanni tajaajiltoota Yihowaa irratti dhiheesseef deebii dhumaa kennu ergeera. Eeyyee, Yihowaan tokkicha Ilma isaa isa ‘haala adda taʼeen itti gammadu’ erguudhaan aarsaa hunda irra caalu kaffaleera. (Fakkeenya 8:30) Ilmi Waaqayyoo fedhiidhaan jireenya hafuuraa isaa dhiisuudhaan, “duwwaa of godhe.” (Filiphisiyus 2:7) Yihowaan dinqiidhaan jireenya Ilma isaa isa angafaa isa samii, gara gadameessa durba Maariyaam jedhamtutti naannesse. (Luqaas 1:27, 35) Yeroo nama taʼee dhalatetti maqaan isaa Yesuus jedhame. Taʼus, akkuma Addaam mudaa kan hin qabne waan taʼeef, Addaam isa lammaffaa jedhamuu dandaʼa. (1 Qorontos 15:45, 47) Kanaan kan kaʼes, Yesuus ilmaan namootaa cubbamoota taʼaniif aarsaa furii godhee of kennuu dandaʼa.

14 Furichi eenyuuf kaffalama? Faarfannaan 49:7, furichi “Waaqayyoof” akka kaffalamu ifatti dubbata. Haa taʼu malee, jalqabuma iyyuu furicha kan qopheesse Yihowaa hin turree? Eeyyee, kana jechuun garuu, akka qarshii kiisii tokkoo baasanii kiisii kaan keessa kaaʼaniitti furichi gatii kan hin qabnee fi maqumaaf kan dhihaate dha jechuu miti. Furichi kan kaffalame wanta seerri gaafatu guutuuf malee akka bittaa fi gurgurtaatti wanta tokko wanta biraatti jijjiiruuf jedhamee miti. Yihowaan aarsaa guddaa kaffalee furicha qopheessuudhaan, haqa isaa isa mudaa hin qabne yeroo kamitti iyyuu akka hojii irra oolchu argisiiseera.—Uumama 22:7, 8, 11-13; Ibroota 11:17; Yaaqoob 1:17.

15. Yesuus dhiphachuu fi duʼuun isaa barbaachisaa kan ture maaliifi?

15 Yesuus Kiristoos, Dh.K.B. bara 33​tti fedhii isaatiin furii kana kaffaluuf dhiphina guddaa dhiphateera. Sobaan himatanii akka isa hidhan, balleessaa raawwatteetta jedhanii akka isatti murteessanii fi muka irratti fannisanii akka isa ajjeesan heyyameera. Yesuus hamma kana dhiphachuun isaa barbaachisaa turee? Gaaffiin amanamummaa tajaajiltoota Waaqayyoo irratti kaʼe deebii argachuu waan qabuuf, kun taʼuun isaa barbaachisaa ture. Waaqayyo, Yesuus yeroo daaʼima turetti Heroodis akka isa ajjeesu hin heyyamne. (Maatewos 2:13-18) Haa taʼu malee, Yesuus yommuu gaʼeessa taʼetti waaʼee gaaffii kaʼe sanaa guutummaatti waan beekuuf, dhiibbaa Seexanaa moʼuu dandaʼa. b Yesuus qorumsi guddaan isa irra gaʼus, ‘amanamaa, qulqulluu, xurii kan hin qabnee fi cubbamoota irraa adda’ taʼuudhaan, Yihowaan namoota haala rakkisaa keessatti isaaf amanamoo taʼan akka qabu mirkaneesseera. (Ibroota 7:26) Kanaan kan kaʼes, Yesuus yommuu duʼuuf jedhutti, “Ni raawwatame!” jechuudhaan akka injifate dubbachuun isaa nama hin dinqisiisu.—Yohaannis 19:30.

Hojii Furii Taʼuudhaan Raawwatu Xumuruu

16, 17. (a) Yesuus hojii furii taʼuudhaan raawwatu kan itti fufe akkamitti? (b) Yesuus ‘nuuf jedhee Waaqayyo duratti mulʼachuun’ kan isa barbaachise maaliifi?

16 Yesuus, hojii furii taʼuudhaan raawwatu hin xumurre. Duʼee guyyaa sadaffaatti Yihowaan duʼaa isa kaaseera. (Hojii Ergamootaa 3:15; 10:40) Yihowaan gocha guddaa kana kan raawwate, Ilmi isaa amanamummaadhaan waan isa tajaajileef isa kiisuuf qofa utuu hin taʼin, Luba Ol Aanaa taʼee hojii furii taʼuudhaan raawwatu akka xumuru carraa isaaf kennuufi. (Roomaa 1:4; 1 Qorontos 15:3-8) Phaawulos ergamaan akkas jedheera: “Kiristoos . . . luba ol aanaa taʼee yeroo dhufe . . . inni dhiiga reʼootaa fi dhiiga jibootaa utuu hin taʼin, dhiiga ofii isaa qabatee yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha iddoo qulqulluutti seenuudhaan fayyina bara baraa nuuf argamsiise. Sababiin isaas, Kiristoos iddoo qulqulluu isa harkaan hojjetame, isa fakkeenya isa dhugaa sanaa taʼetti hin seenne; kanaa mannaa, amma nuuf jedhee Waaqayyo duratti mulʼachuuf kallattiidhaan gara samiitti seene.”—Ibroota 9:11, 12, 24.

17 Kiristoos kallattiidhaan dhiiga isaa gara samiitti fudhatee deemuu hin dandaʼu. (1 Qorontos 15:50) Kanaa mannaa, wanta dhiigni isaa bakka buʼu, jechuunis gatii lubbuu isaa isa mudaa hin qabnee fi aarsaa godhame sanaa fudhatee deemeera. Achiis Waaqayyo duratti dhihaachuudhaan, gatii lubbuu isaa isa ilmaan namootaa cubbamoota taʼaniif furii taʼe dhiheesseera. Yihowaan hoo aarsaa sana fudhateeraa? Eeyyee; bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti Yerusaalem keessatti barattoota 120 irratti hafuurri qulqulluun yommuu dhangalaʼe kun ifa taʼeera. (Hojii Ergamootaa 2:1-4) Wanti raawwatame kun baayʼee kan nama gammachiisu taʼus, faayidaawwan guguddaan karaa furichaa argaman reefuu jalqabuu isaanii ture.

Faayidaawwan Furichaa

18, 19. (a) Gareewwan lamaan araara karaa dhiiga Kiristoosiin argamu irraa fayyadaman eenyufaʼi? (b) “Tuutni uummataa guddaan” ammas taʼe fuulduraatti furicha irraa faayidaa akkamii argatu?

18 Phaawulos ergaa warra Qolosaayisiif erge irratti, Waaqayyo dhiiga Yesuus isa muka dhiphinaa irratti dhangalaʼeen waan hundumaa karaa Kiristoos ofitti araarsuu akka barbaade ibseera. Phaawulos araarri kun, gareewwan adda addaa lama, jechuunis “wantoota samii keessa jiran” fi “wantoota lafa irra jiran” akka dabalatu ibseera. (Qolosaayis 1:19, 20; Efesoon 1:10) Warri wantoota samii keessa jiran jedhaman, Kiristiyaanota 144,000 samii irratti luboota taʼanii tajaajilanii fi Yesuus Kiristoosii wajjin mootota taʼuudhaan lafa bulchuuf abdii qabani dha. (Mulʼata 5:9, 10; 7:4; 14:1-3) Ilmaan namootaa ajajamoo taʼan immoo bulchiinsa waggaa kumaa keessatti karaa dibamtoota kanaa suutuma suutaan furicha irraa faayidaa argatu.—1 Qorontos 15:24-26; Mulʼata 20:6; 21:3, 4.

19 “Wantoota lafa irra jiran” kan jedhaman, namoota lafa Jannata taatu irratti jireenya mudaa hin qabne jiraachuuf abdatani dha. Mulʼanni 7:9-17, namoonni kun ‘tuuta uummataa guddaa’ “rakkina guddaa” dhufu jalaa oolan akka taʼan ibsa. Haa taʼu malee, ammuma iyyuu faayidaa furichi argamsiisu irraa buʼaa argachaa jiru. “Uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.” Furichatti waan amananiif, qophii jaalalaa kana irraa ammuma iyyuu karaa hafuuraa faayidaa argachaa jiru. Michoota Waaqayyoo waan taʼaniif qajeelota jedhamaniiru! (Yaaqoob 2:23) Aarsaa Yesuus kaffaleen kan kaʼe, ‘bilisummaadhaan gara teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti dhihaachuu’ dandaʼu. (Ibroota 4:14-16) Cubbuu yeroo hojjetan dhiifama ni argatu. (Efesoon 1:7) Mudaa kan qaban taʼus, qalbii qulqulluu qabu. (Ibroota 9:9; 10:22; 1 Pheexiros 3:21) Kanaafuu, Waaqayyotti araaramuu jechuun wanta gara fuulduraatti abdatamu utuu hin taʼin, wanta yeroo ammaatti argamuu dandaʼu dha! (2 Qorontos 5:19, 20) Bulchiinsa Barkumee keessatti suutuma suuta, ‘garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼu,’ dhuma irratti immoo ‘bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa taʼe argatu.’—Roomaa 8:21.

20. Furicha irratti xiinxaluun kee maal akka gootu si kakaasa?

20 Furicha waan nuu qopheesseef, “Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoof galanni haa taʼu!” (Roomaa 7:25) Qophiin furichaa wal xaxaa taʼuu baatus, baayʼee ajaaʼibsiisaa dha. (Roomaa 11:33) Gad fageenyaan furicha irratti xiinxaluun keenya, garaan keenya akka tuqamuu fi Waaqa isa haqa qabeessa taʼetti caalaatti akka dhihaannu nu gargaara. Nutis akkuma faarfatichaa, Yihowaa isa ‘qajeelummaa fi haqa jaallatu’ jajachuuf sababii gaʼaa qabna.—Faarfannaa 33:5.

a Addaamii fi Hewaan furicha irraa fayyadamuu hin dandaʼan. Seerri Musee nama itti yaadee nama ajjeesu ilaalchisee qajeelfama, ‘Nama lubbuu balleessee duʼuu qabuuf furii hin fudhatinaa’ jedhu qabateera. (Lakkoofsa 35:31) Addaamii fi Hewaan, itti yaadanii fedha isaaniitiin Waaqayyoof utuu hin ajajamin waan hafaniif, duuni isaaniif mala. Kanaan kan kaʼes, abdii jireenya bara baraa dhabaniiru.

b Yesuus cubbuu Addaam hambisuuf, daaʼima mudaa hin qabne utuu hin taʼin, gaʼeessa mudaa hin qabne taʼee duʼuu qaba ture. Addaam cubbuu kan hojjete itti yaadee yeroo taʼu, kana kan godhes cubbuun sunii fi miidhaan isaa hammam ulfaataa akka taʼe utuu beekuu taʼuu isaa yaadadhu. Kanaaf Yesuus ‘Addaam isa boodaa’ taʼuu fi cubbuu sana uwwisuuf, nama gaʼeessa filannaa isaatiin Yihowaaf amanamu taʼuu qaba ture. (1 Qorontos 15:45, 47) Akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame Yesuus jireenya isaa aarsaa gochuu fi waan hundumaan amanamaa taʼuun isaa Yihowaan namoota qajeelota taasisuuf gocha qajeelinaa tokko akka argatu godheera.—Roomaa 5:18, 19.