BOQONNAA 6
Humna Balleessu—“Yihowaan Loltuu Humna Qabeessa” Dha
1-3. (a) Israaʼelonni haala rakkisaa akkamii keessa galanii turan? (b) Yihowaan saba isaatiif kan lole akkamitti?
ISRAAʼELONNI iddoo tulluu fi galaana gidduu jiru tokkotti danqamaniiru. Loltoonni Gibxii warri gara jabeeyyii taʼan isaan balleessuuf waan murteessaniif isaan ariʼaa jiru. a Haa taʼu malee Museen, “Yihowaan iyyuu ofuma isaatiin isiniif ni lola” jechuudhaan abdii akka hin kutanne isaan jajjabeesse.—Baʼuu 14:14.
2 Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, yeroo kanatti Museen gara Yihowaatti kan iyye yeroo taʼu Yihowaanis, “Gara kootti kan iyyitu maaliifi? . . . Ulee kee isa harka kee irra jiru galaanicha irratti diriirsiitii galaanicha gargar hiri” isaan jedhe. (Baʼuu 14:15, 16) Sana booda wanta raawwatame ilaali. Yihowaan yeruma sana maleekaa isaa kan ajaje yeroo taʼu, utubaan duumessaa fuuldura isaanii ture Israaʼelota duubatti naannaʼuudhaan tarii akka girgiddaatti dhaabatee warri Gibxii akka isaan hin haleelle dhowwe. (Baʼuu 14:19, 20; Faarfannaa 105:39) Museen harka isaa diriirse. Galaanichis qilleensa cimaadhaan gargar hirame. Bishaanichi akka girgiddaatti garasii fi garanaan waan dhaabateef, karaan guutummaa sabichaa dabarsu ni baname!—Baʼuu 14:21; 15:8.
3 Faraʼoon dinqii kana erga argee booda, loltoonni isaa duubatti akka deebiʼan ajajuu qaba ture. Mootiin of tuultuun kun garuu loltoonni isaa Israaʼelota akka haleelan ajaje. (Baʼuu 14:23) Warri Gibxii Israaʼelota dhaqqabuuf isaan duukaa galaana hirame sana gidduu kan galan taʼus, geengoon gaarii fardaa isaanii waan bubuqqaʼeef yeruma sana jeequmsa keessa galan. Israaʼelonni galaanicha erga ceʼanii booda, Yihowaan, “Bishaanichi, warra Gibxii irratti, gaariiwwan fardaa isaanii warra waraanaaf tajaajilan irrattii fi abbootii fardeenii isaanii irratti akka deebiʼuuf, harka kee galaanicha irratti diriirsi!” jedhee Musee ajaje. Bishaan akka girgiddaatti dhaabate sunis walitti deebiʼee Faraʼoonii fi loltoota isaa nyaate!—Baʼuu 14:24-28; Faarfannaa 136:15.
4. (a) Yihowaan Galaana Diimaa biratti Waaqa akkamii taʼuu isaa argisiise? (b) Namoonni tokko tokko Yihowaan Waaqa akkasii taʼuu isaatti maaltu isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa?
4 Eegumsi Israaʼelonni Galaana Diimaa biratti argatan, taateewwan dinqisiisoo Waaqayyo seenaa ilmaan namootaa keessatti raawwate keessaa isa tokko dha. Yeroo kanatti Yihowaan, “loltuu humna qabeessa” taʼuu isaa argisiiseera. (Baʼuu 15:3) Yihowaan Waaqa akkasii taʼuu isaa beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama? Waraanni ilmaan namootaa irratti balaa fi miidhaa guddaa akka geessise beekamaa dha. Maarree Waaqayyo humna balleessuuf qabutti fayyadamuun isaa, akka isatti dhihaattu utuu hin taʼin akka isa irraa fagaattu si godhaa?
Galaana Diimaa biratti Yihowaan “loltuu humna qabeessa” taʼuu isaa argisiiseera
Waraana Waaqayyoo fi Waraana Namootaa
5, 6. (a) Waaqayyo, “gooftaa raayyaa” jedhamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi? (b) Waraanni Waaqayyoo, waraana namootaa irraa adda kan taʼe akkamitti?
5 Kitaabota Qulqulluu afaan Ibrootaa keessatti al dhibba lamaa fi jaatama, Kitaabota Qulqulluu afaan Giriikii keessatti immoo al lama Yihowaan “gooftaa raayyaa” jedhamee waamameera. (1 Saamuʼel 1:11) Yihowaan Bulchaa Ol Aanaa waan taʼeef, raayyaa maleekotaa hedduu ni ajaja. (Iyyaasuu 5:13-15; 1 Mootota 22:19) Raayyaan maleekotaa kun balleessuuf humna guddaa qabu. (Isaayyaas 37:36) Badiisa namoonni geessisan yaaduun akka nama hin gammachiisne beekamaa dha. Haa taʼu malee, waraanni Waaqayyoo, waraana namootaa isa jibbisiisaa taʼe irraa adda akka taʼe yaadachuu qabna. Geggeessitoonni waraanaa fi siyaasaa, waraana godhaniif sababii gaʼaa akka qaban dubbatu. Taʼus, waraanni namootaa yeroo hunda sassataa fi ofittummaa irratti kan hundaaʼe dha.
6 Yihowaan garuu matumaa miiraan hin oofamu. Keessa Deebiin 32:4, “Inni Qarsaa dha, wanti inni godhu mudaa hin qabu; daandiiwwan isaa hundi haqa qabeessa dha. Inni Waaqa amanamaa matumaa haqa hin jalʼisne dha; inni qajeelaa fi sirrii dha” jedha. Dubbiin Waaqayyoo, dheekkamsa toʼannaa hin qabne, gara jabinaa fi hammina ni balaaleffata. (Uumama 49:7; Faarfannaa 11:5) Kanaaf, Yihowaan matumaa sababii malee tarkaanfii hin fudhatu. Humna balleessuuf qabu, darbee darbee akka filannoo dhumaatti itti fayyadama. Yihowaan, karaa Hisqiʼel akkas jechuudhaan ibseera: “‘Ani namni hamaan duʼuu isaatti nan gammadaa? Inni daandii isaa irraa deebiʼee lubbuudhaan akka jiraatun filadha mitii?’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”—Hisqiʼel 18:23.
7, 8. (a) Iyyoob rakkina isa irra gaʼe ilaalchisee dogoggoraan maal jedhee yaadee ture? (b) Eliihuun gama kanaan ilaalcha Iyyoob kan sirreesse akkamitti? (c) Wanta Iyyoob irra gaʼe irraa maal barachuu dandeenya?
7 Maarree Yihowaan humna balleessuuf qabutti kan fayyadamu maaliifi? Gaaffii kana deebisuu keenya dura, waaʼee Iyyoob isa nama qajeelaa ture haa yaannu. Seexanni, Iyyoobiin dabalatee namni kam iyyuu rakkinni yoo isa irra gaʼe amanamaa akka hin taane falmeera. Yihowaanis Seexanni amanamummaa Iyyoob akka qoru heyyamuudhaan falmii kanaaf deebii kenne. Kanaan kan kaʼes, Iyyoob dhukkubsateera, akkasumas qabeenya isaa fi ijoollee isaa dhabeera. (Iyyoob 1:1–2:8) Iyyoob falmii kaʼe waan hin beekneef, rakkinni kan isa irra gaʼe Waaqayyo haqa malee isa adabaa waan jiruuf akka taʼe dogoggoraan yaadee ture. Kanaan kan kaʼes Iyyoob, Waaqayyo maaliif ‘akeekaa’ fi “diina” akka isa godhate gaafateera.—Iyyoob 7:20; 13:24.
8 Dargaggeessi Eliihuu jedhamu Iyyoobiin, “Ati sirrii akka taate mirkanaaʼaa taʼuudhaan, ‘Ani Waaqayyo caalaa qajeelaa dha’ jettaa?” jechuudhaan akka dogoggore itti himeera. (Iyyoob 35:2) Eeyyee, Waaqayyo caalaa nuti akka beeknu ykn inni wanta sirrii hin taane akka godhu yaaduun gowwummaa dha. Eliihuun, “‘Waaqni dhugaan jalʼina raawwata, inni Hundumaa Dandaʼus dogoggora raawwata’ jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanne dha!” jedheera. Boodas akkana jedheera: “Isa Hundumaa Dandaʼu hubachuun humna keenyaa oli; inni humni isaa guddaa dha, haqa isaa fi qajeelummaa isaa isa hedduu taʼes matumaa hin jalʼisu.” (Iyyoob 34:10; 36:22, 23; 37:23) Kanaaf, Waaqayyo kan lolu yeroo sababii gaʼaa qabaatutti akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yaada kana sammuutti qabachuudhaan, Waaqni nagaa al tokko tokko kan lolu maaliif akka taʼe sababiiwwan muraasa haa ilaallu.—1 Qorontos 14:33.
Waaqni Nagaa Loluuf Kan Dirqamu Maaliifi?
9. Waaqni qulqulluun kan lolu maaliifi?
9 Museen, Waaqayyo “loltuu humna qabeessa” taʼuu isaatti erga isa jajatee booda, “Yaa Yihowaa, waaqolii gidduudhaa kan akka keetii eenyu? Akka kee qulqullummaadhaan hundumaa irra kan caalu eenyu?” jedheera. (Baʼuu 15:11) Anbaaqom raajichis, “Ijji kee baayʼee qulqulluu waan taʼeef wanta hamaa hin ilaalu, ati hammina callistee hin ilaaltu” jedhee barreesseera. (Anbaaqom 1:13) Yihowaan Waaqa jaalalaa qofa utuu hin taʼin, Waaqa qulqullinaa, Waaqa qajeelinaa fi Waaqa haqaa ti. Yeroo tokko tokko, amalawwan isaa kun humna balleessuuf qabutti akka fayyadamu isa dirqisiisu. (Isaayyaas 59:15-19; Luqaas 18:7) Kanaaf, Waaqayyo loluun isaa qulqullummaa isaa wajjin wal hin faallessu. Kanaa mannaa, kan lolu qulqulluu waan taʼeefi.—Baʼuu 39:30.
10. Diinummaan Uumama 3:15 irratti ibsame, furmaata kan argatu karaa kamiin qofa? Kun hoo namoota qajeeloo taʼaniif faayidaa akkamii argamsiisa?
10 Addaamii fi Hewaan Waaqayyo irratti erga fincilanii booda wanta raawwatame ilaali. (Uumama 3:1-6) Yihowaan jalʼina isaanii callisee bira darbeera utuu taʼee, mirga Uumama Cufa irratti Bulchaa Ol Aanaa taʼuuf qabuuf bakka guddaa akka hin kennine argisiisa ture. Waaqa qajeelaa taʼuun isaa duʼaan akka isaan adabu isa dirqisiiseera. (Roomaa 6:23) Raajii Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa irratti, tajaajiltoota isaa fi duuka buutota Seexanaa isa ‘bofa’ jedhame gidduutti diinummaan akka uumamu dubbateera. (Mulʼata 12:9; Uumama 3:15) Diinummaan kun furmaata kan argatu Seexana buruqsuudhaan qofa. (Roomaa 16:20) Tarkaanfiin kun dhiibbaa Seexanaa lafaa irraa balleessuu fi guutummaan lafaa jannata akka taatu karaa banuudhaan, ilmaan namootaa warra qajeelota taʼaniif eebba guddaa argamsiisa. (Maatewos 19:28) Hammasitti garuu, warri Seexana cinaa hiriiran karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa saba Waaqayyoo miidhuuf carraaqqii gochuu isaanii itti fufu. Yeroo tokko tokko garuu Yihowaan gidduu galee tarkaanfii fudhata.
Waaqayyo Hammina Balleessuuf Tarkaanfii Fudhata
11. Waaqayyo bishaan badiisaa fiduuf kan dirqame maaliifi?
11 Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼe Waaqayyo tarkaanfii akka fudhatu argisiisa. Uumamni 6:11, 12, “Lafti garuu Waaqa dhugaa duratti mancaatee turte; jeequmsaanis guutamtee turte. Waaqayyo gara lafaa ni ilaale; kunoo, ishiin mancaatee turte; foon kan taʼe hundis lafa irratti daandii isaa mancaasee ture” jedha. Waaqayyo, hamoonni amala gaarii guutummaatti lafa irraa akka balleessan ni heyyamaa? Matumaa. Yihowaan, namoota hamoo fi halalummaa raawwatan lafa irraa balleessuuf, bishaan badiisaa fiduu akka qabu itti dhagaʼameera.
12. (a) Yihowaan “sanyii” Abrahaam ilaalchisee raajii akkamii dubbateera? (b) Amooronni kan balleeffaman maaliifi?
12 Murtoon Waaqayyo Kanaʼaanota irratti dabarses kanaa wajjin wal fakkaata. Yihowaan, ilmaan namootaa hundi karaa sanyii Abrahaam akka eebbifaman ibseera. Kaayyoo kanaa wajjin haala walsimuun, Waaqayyo biyyi Kanaʼaan ishiin Amooronni keessa jiraatan sanyii Abrahaamiif akka kennamtu murteesse. Waaqayyo namoonni kun dirqamaan biyya isaaniitii akka baafaman gochuun isaa sirrii kan taʼu akkamitti? Yihowaan Amooronni hanga waggaa 400tti, jechuunis hamma, ‘cubbuun isaanii safarri isaa guututti’ biyya isaaniitii akka hin baafamne raajii dubbateera. b (Uumama 12:1-3; 13:14, 15; 15:13, 16; 22:18) Hamma yeroo sanaatti Amooronni gama naamusaatiin caalaatti mancaʼanii turan. Kanaʼaan, bakka waaqayyolii tolfamoon itti waaqeffataman, dhiigni namaa itti dhangalaʼuu fi saalqunnamtiin seeraan ala taʼe itti raawwatamu taate. (Baʼuu 23:24; 34:12, 13; Lakkoofsa 33:52) Namoonni biyyattii, ijoollee xixinnoo illee ibiddaan gubanii aarsaa godhu turan. Waaqni qulqulluun, sabni isaa namoota akkasii gidduu akka jiraatan ni godhaa? Hin godhu! Innumti iyyuu, “Biyyattiin xuroofteetti; anis sababii balleessaa ishiitiin ishii nan adaba; biyyattiinis namoota ishii keessa jiraatan ni tufti” jedheera. (Leewwota 18:21-25) Taʼus, Yihowaan namoota sana walumatti qabee hin balleessine. Kanaʼaanonni akka Rahaabii fi Gibeʼonotaa, qajeelina jaallatan badiisa irraa oolaniiru.—Iyyaasuu 6:25; 9:3-27.
Maqaa Isaatiif ni Lola
13, 14. (a) Yihowaan maqaa isaa qulqulleessuuf kan dirqame maaliifi? (b) Yihowaan maqaa isaa arrabsoo irraa kan qulqulleesse akkamitti?
13 Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, maqaan isaas qulqulluu dha. (Leewwota 22:32) Yesuus bartoonni isaa, “Maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedhanii akka kadhatan isaan barsiiseera. (Maatewos 6:9) Fincilli Eedan keessatti kaʼe, Waaqayyo irrattii fi bulchiinsa isaa irratti gaaffii kaasuudhaan, maqaa isaa xureesseera. Yihowaan arrabsoo fi fincila kana callisee bira darbuu hin dandaʼu. Maqaa isaa arrabsoo irraa qulqulleessuuf dirqameera.—Isaayyaas 48:11.
14 Mee ammas seenaa Israaʼelotaa ilaali. Israaʼelonni garbummaa biyya Gibxii jalaa hin baʼan yoo taʼe, sabni lafa irraa hundinuu sanyii isaatiin akka eebbifaman abdiin Waaqayyo Abrahaamiif kenne waan raawwatamu hin fakkaatu. Yihowaan garuu garbummaa jalaa isaan baasuu fi akka sabaatti isaan gurmeessuudhaan maqaa isaa arrabsoo irraa qulqulleesseera. Kanaan kan kaʼes Daaniʼel raajichi, “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati irree kee isa jabaadhaan biyya Gibxii keessaa saba kee baasuudhaan ofii keetiif maqaa hamma harʼaatti beekamaa taʼe qabaatteetta” jedhee kadhannaa dhiheesseera.—Daaniʼel 9:15.
15. Yihowaan Yihudoota boojuu Baabilon jalaa kan baase maaliifi?
15 Daaniʼel kadhannaa kana kan dhiheesse yeroo Yihudoonni Yihowaan maqaa isaatiif jedhee tarkaanfii akka fudhatu barbaadanitti ture. Yihudoonni ajajamoo hin taane yeroo kanatti boojuudhaan Baabilon keessa turan. Yerusaalem magaalaan isaanii ishiin guddittiin balleeffamteetti. Daaniʼel, Yihowaan Yihudoota biyya isaaniitti deebisuun isaa maqaa isaatiif ulfina akka fidu beeka ture. Kanaafuu akkas jedhee kadhateera: “Yaa Yihowaa, dhiifama nuuf godhi. Yaa Yihowaa, xiyyeeffannaa nuuf kenni, tarkaanfiis fudhadhu! Yaa Waaqa koo, ofii keetiif jedhiitii hin turin; sababiin isaas, magaalaan kee fi sabni kee maqaa keetiin waamamaniiru.”—Daaniʼel 9:18, 19.
Saba Isaatiif ni Lola
16. Yihowaan maqaa isaatiif ni lola jechuun, waaqa miira hin qabnee fi ofittoo dha jechuu kan hin taane maaliif akka taʼe ibsi.
16 Yihowaan maqaa isaatiif ni lola jechuun, Waaqa miira hin qabnee fi ofittoo taʼe dha jechuudhaa? Lakki. Yihowaan qulqullummaa isaa fi jaalala haqaaf qabuu wajjin haala walsimuun tarkaanfii fudhachuudhaan saba isaa ni eega. Mee yaada Uumama boqonnaa 14 irra jiru ilaali. Seenaa kana irratti, mootonni afur dhufanii ilma obboleessa Abrahaam kan taʼe Looxii fi maatii isaa boojiʼanii akka deeman dubbisna. Abrahaam gargaarsa Waaqayyootiin loltoota humna guddaa qaban sana injifateera! Seenaan waaʼee injifannoo kanaa ibsu, seenaawwan ‘Kitaabota waaʼee Waraanawwan Yihowaa’ galmeeffaman keessaa isa jalqabaa taʼuu hin oolu; kitaabni kun, seenaawwan lolaa Kitaaba Qulqulluu keessatti hin galmeeffamne tokko tokkos kan qabate taʼuu hin oolu. (Lakkoofsa 21:14) Sana boodas injifannoo hedduun argameera.
17. Israaʼelonni biyya Kanaʼaanitti erga galanii booda, Yihowaan akka isaaniif lole wanti argisiisu maali dha? Fakkeenya kenni.
17 Israaʼelonni biyya Kanaʼaanitti galuu isaanii yeroo muraasa dura Museen, “Waaqni keessan Yihowaan akkuma biyya Gibxii keessatti ija keessan duratti godhe, isin dura ni deema; isiniifis ni lola.” jechuudhaan isaanii mirkaneesseera. (Keessa Deebii 1:30; 20:1) Iyyaasuu isa bakka Musee buʼe irraa jalqabee, hanga bara Abbootii Murtiitti, achiis hanga bara mootota Yihudaa warra amanamoo turaniitti, Yihowaan saba isaatiif loluudhaan haala nama ajaaʼibsiisuun diinota isaanii akka injifatan godheera.—Iyyaasuu 10:1-14; Abbootii Murtii 4:12-17; 2 Saamuʼel 5:17-21.
18. (a) Yihowaan akka hin jijjiiramne beekuun keenya kan nu gammachiisu maaliifi? (b) Diinummaa Uumama 3:15 irratti ibsameen kan kaʼe dhiheenyatti maaltu taʼa?
18 Yihowaanis taʼe kaayyoon inni lafa kana jannata nagaa qabdu gochuuf baase hin jijjiiramne. (Uumama 1:27, 28) Waaqayyo amma iyyuu hammina ni jibba. Saba isaa baayʼee waan jaallatuuf, isaaniif jedhee dhiheenyatti tarkaanfii ni fudhata. (Faarfannaa 11:7) Diinummaa Uumama 3:15 irratti ibsameen kan kaʼe dhiheenyatti saba Waaqayyoo irra haleellaan guddaan ni gaʼa. Yihowaan maqaa isaa qulqulleessuu fi saba isaa eeguuf, gara fuulduraattis “loltuu humna qabeessa” ni taʼa!—Zakkaariyaas 14:3; Mulʼata 16:14, 16.
19. (a) Waaqayyo humna balleessuuf qabutti fayyadamuun isaa kan isatti nu dhiheessu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi. (b) Waaqayyo akka nuuf lolu beekuun keenya maal gochuuf nu kakaasa?
19 Fakkeenyaaf, namni tokko bineensa hamaa maatii isaa miidhaa jiru tokko ajjeese haa jennu. Haati manaa fi ijoolleen isaa gocha isaa kana akka waan gadheetti kan ilaalan sitti fakkaataa? Matumaa! Kanaa mannaa, jaalala guddaa isaaniif qabuun kakaʼee isaan oolchuu isaatti akka gammadan beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis Waaqayyo humna balleessuuf qabutti fayyadamuun isaa akka isa irraa fagaannu nu gochuu hin qabu. Kanaa mannaa, nu eeguuf jecha loluuf fedhii qabaachuun isaa jaalala isaaf qabnu nuu guddisuu qaba. Kabajni humna isaa isa daangaa hin qabneef qabnus guddachuu qaba. Kana yoo goone, “sodaa fi ulfina guddaadhaan tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessuu” ni dandeenya.—Ibroota 12:28.
“Loltuu Humna Qabeessa” Taʼetti Dhihaadhu
20. Seenaa Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo akka lole ibsu hubachuun yoo nutti ulfaate maal gochuun barbaachisaa dha? Maaliifi?
20 Kitaabni Qulqulluun sababii Yihowaan loluuf itti murteesse hunda tokko tokkoon hin ibsu. Taʼus, Yihowaan karaa sirrii hin taanee fi gara jabinaan, humna balleessuuf qabutti akka hin fayyadamne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yeroo baayʼee, yaada naannoo seenaa Kitaaba Qulqulluu tokkoo qorachuun ykn waaʼee dhimma sanaa odeeffannoo dabalataa argachuun keenya sababii tarkaanfii tokko itti fudhate hubachuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Fakkeenya 18:13) Waaʼee dhimma tokkoo gadi fageenyaan yoo beekuu baanne illee, waaʼee Yihowaa caalaatti barachuu fi amalawwan isaa irratti xiinxaluun qofti, shakkii qabnu hundumaatiif furmaata akka argannu nu gargaaruu dandaʼa. Kana yoo goone, Waaqa keenya Yihowaatti amanamuuf sababii gaʼaa akka qabnu hubanna.—Iyyoob 34:12.
21. Yihowaan yeroo tokko tokko “loltuu humna qabeessa” taʼus, Waaqa akkamiiti?
21 Yihowaan yeroo barbaachisaa taʼutti “loltuu humna qabeessa” taʼus, lola jaallata jechuu miti. Saragallaa samii Hisqiʼel mulʼataan arge irratti, Yihowaan diinota isaa loluuf qophaaʼaa akka taʼe ibsameera. Haa taʼu malee Hisqiʼel, Yihowaan sabbata Waaqaa isa mallattoo nagaa taʼeen akka marfames argeera. (Uumama 9:13; Hisqiʼel 1:28; Mulʼata 4:3) Yihowaan Waaqa tasgabbii fi nagaa qabu akka taʼe ifa dha. Yohaannis ergamaan, “Waaqayyo jaalala” jedhee barreesseera. (1 Yohaannis 4:8) Yihowaan amalawwan isaa hunda karaa wal hin faallessineen argisiisa. Waaqa humna guddaa qabaatus jaalala qabeessa taʼe kanatti dhihaachuu dandaʼuun keenya mirga guddaa mitii?
a Barreessaa seenaa Yihudootaa kan ture Joseefas akka jedhetti, Israaʼelota “ariʼaa kan turan gaariiwwan fardaa 600, abbootii fardeenii 50,000 fi loltoota lafoo ciccimoo 200,000” turan.—Juwish Antiiquyiitiis, II, 324 [xv, 3].
b Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti as irratti jechi “Amoorota” jedhu namoota Kanaʼaan hunda kan argisiisu dha.—Keessa Deebii 1:6-8, 19-21, 27; Iyyaasuu 24:15, 18.