BOQONNAA 9
‘Kiristoos Humna Waaqayyoo Ti’
1-3. (a) Barattoonni Yesuus Galaana Galiilaa irratti haala sodaachisaa akkamiitu isaan mudate? Yeroo kanatti Yesuus maal godhe? (b) Phaawulos ‘Kiristoos humna Waaqayyoo ti’ jechuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?
BARATTOONNI Yesuus baayʼee sodaataniiru. Bidiruudhaan Galaana Galiilaa utuu ceʼaa jiranii akka tasaa obomboleettii cimaan ni kaʼe. Sana duras, galaana kana irratti obomboleettii arganii akka beekan hin shakkisiisu; kana malees isaan keessaa tokko tokko qurxummii qabuu irratti muuxannoo qabu. a (Maatewos 4:18, 19) Haa taʼu malee, kun “obomboleettii hamaa” waan taʼeef, yeruma sana galaanicha jeequu jalqabe. Namoonni kun bidiruu sana toʼachuuf kan carraaqan taʼus obomboleettichi humnaa ol isaanitti taʼe. “Dambaliin bishaanii bidiruu sanatti rukutamuu waan jalqabeef” bidirichi bishaaniin guutamuu jalqabe. Yesuus guyyaa guutuu namoota hedduu barsiisaa waan ooleef dadhabee kutaa duuba bidiruu sanaa keessa rafee ture; kanaafuu, waca isaanii hin dhageenye. Barattoonni lubbuu isaaniitiif waan sodaataniif, hirribaa isa kaasanii, “Yaa Gooftaa, dhumuuf jenna, nu oolchi!” jedhanii isa kadhatan.—Maarqos 4:35-38; Maatewos 8:23-25.
2 Yesuus garuu hin sodaanne. Kanaa mannaa amanannaa guddaadhaan, “Cal jedhi! Gab jedhi!” jedhee bubbee sanaa fi galaanicha ifate. Yeruma sana bubbeen sunii fi galaanichi Yesuusiif ajajamuudhaan cal jedhan; “tasgabbii guddaanis ni taʼe.” Yeroo kanatti barattoonni isaa baayʼee sodaatan. “Kun dhuguma eenyu?” waliin jedhan. Dhuguma iyyuu, akka nama mucaa amala hin qabne ifatuutti bubbee fi galaana ifachuu kan dandaʼu nama akkamiiti?—Maarqos 4:39-41; Maatewos 8:26, 27.
3 Haa taʼu malee Yesuus nama addaa ture. Humni Yihowaa karaa adda taʼeen isa irrattii fi karaa isaa mulʼateera. Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee, ‘Kiristoos humna Waaqayyoo ti’ jechuun isaa sirriidha. (1 Qorontos 1:24) Humni Waaqayyoo karaa Yesuus kan mulʼate haala akkamiitiini? Akkaataan Yesuus humna kanatti fayyadamu hiika maalii nuuf qaba?
Humna Ilma Waaqayyoo Isa Tokkichaa
4, 5. (a) Yihowaan Ilma isaa tokkichaaf humnaa fi aangoo akkamii kenneera? (b) Ilmi kun kaayyoo Abbaan isaa uumuuf baase raawwachuuf humna kan argate akkamitti?
4 Yesuus nama taʼuu isaa dura humna akkamii akka qabu mee yaadi. Yihowaan, Ilma isaa tokkicha isa yeroo booda Yesuus Kiristoos jedhame yommuu uume, “humna isaa isa bara baraa” fayyadameera. (Roomaa 1:20; Qolosaayis 1:15) Sana booda, Yihowaan Ilma isaatiif humnaa fi aangoo hammana hin jedhamne kennuudhaan, hojii uumuu irratti akka hirmaatu godheera. Ilma isaa kana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Wanti hundi karaa isaa taʼe; wanta taʼe keessaas isa malee wanti taʼe tokko illee hin jiru” jedha.—Yohaannis 1:3.
5 Hojiin kun hangam guddaa akka ture guutummaatti hubachuu hin dandeenyu. Maleekota jajjaboo miliyoonaan lakkaaʼaman, uumama cufa gaalaaksiiwwan biliyoonaan lakkaaʼaman qabate, akkasumas lafaa fi lubbu qabeeyyii gosa hedduu ishii irratti argaman uumuuf humni hammamii akka barbaachise mee yaadi. Ilmi Waaqayyoo inni Tokkichi wantoota kana raawwachuuf humna uumama cufa keessatti hunda irra caalu, jechuunis hafuura qulqulluu qaba ture. Ilmi kun, Hojjetaa Dandeettii Qabu isa Yihowaan wantoota hunda uumuuf itti fayyadamu taʼuuf mirga argachuu isaatti ni gammada ture.—Fakkeenya 8:22-31.
6. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, humnaa fi aangoo akkamiitu kennameef?
6 Ilmi Waaqayyoo tokkichi, sana booda humnaa fi aangoo dabalataa argateeraa? Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera” jedheera. (Maatewos 28:18) Eeyyee, Yesuus aangoo uumama cufa irratti qabu akka fayyadamuuf dandeettii fi mirgi isaaf kennameera. “Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa” waan taʼeef, “bulchiinsa hunda, akkasumas aangoo fi humna hundumaa,” jechuunis qaamota ijaan argamanis taʼe ijaan hin argamnee fi Abbaa isaa morman hunda akka balleessu aangoon isaaf kennameera. (Mulʼata 19:16; 1 Qorontos 15:24-26) Yihowaan ofii isaa irraan kan hafe, “wanti isaaf hin bitamne tokko illee akka hin jiraanne godheera.”—Ibroota 2:8; 1 Qorontos 15:27.
7. Yesuus humna Yihowaan isaaf kennetti karaa sirrii hin taaneen akka hin fayyadamne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
7 Yesuus humna qabutti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu dandaʼa jennee sodaachuu qabnaa? Matumaa sodaachuu hin qabnu! Yesuus Abbaa isaa garaadhaa waan jaallatuuf, gonkumaa wanta isa gaddisiisu hin raawwatu. (Yohaannis 8:29; 14:31) Yesuus, Yihowaan humna isaa isa hunda irra caalu karaa sirrii hin taaneen akka hin fayyadamne beeka. Yesuus, Yihowaan “warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef jabina isaa argisiisuuf” carraa akka barbaadu argeera. (2 Seenaa Baraa 16:9) Akkuma Abbaa isaa ilmaan namootaa waan jaallatuuf, yeroo hunda humna isaatti kan fayyadamu waan gaarii gochuuf akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Yohaannis 13:1) Yesuus gama kanaan seenaa gaarii galmeessiseera. Mee amma yommuu lafa irra ture humna akkamii akka qabuu fi humna isaa kana akkamitti akka fayyadame haa ilaallu.
“Dubbiidhaan . . . Aango Qabeessa”
8. Yesuus erga dibamee booda maal gochuuf humna argate? Humna isaatti kan fayyadame hoo akkamitti?
8 Yesuus yeroo mucaa xinnoo taʼee Naazireet keessa turetti dinqii akka hin raawwanne haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Haa taʼu malee, Dh.K.B. bara 29tti umurii isaa gara waggaa 30tti erga cuuphamee kaasee dinqii raawwachuu jalqabeera. (Luqaas 3:21-23) Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo hafuura qulqulluu fi humnaan . . . akka isa dibe, akkasumas . . . wanta gaarii hojjechaa fi namoota Diyaabilosiin cunqurfaman hundumaa fayyisaa biyyattii keessa akka naannaʼe” ni ibsa. (Hojii Ergamootaa 10:38) Yesuus “wanta gaarii hojjechaa” akka ture ibsamuun isaa, humna isaatti karaa sirrii taʼeen akka fayyadamu kan argisiisu mitii? Yesuus erga dibamee booda, “hojii fi dubbiidhaan raajii aango qabeessa” taʼeera.—Luqaas 24:19.
9-11. (a) Yesuus yeroo baayʼee eessatti barsiisa ture? Haala akkamiitiin barsiisuu qaba ture? (b) Namoonni barumsa Yesuus kan dinqisiifatan maaliifi?
9 Yesuus dubbiidhaan aango qabeessa kan taʼe akkamitti? Yeroo baayʼee namoota kan barsiisu alatti, jechuunis qarqara galaanaatti, gaara biratti, karaa irrattii fi bakka gabaatti ture. (Maarqos 6:53-56; Luqaas 5:1-3; 13:26) Dubbiin isaa yoo isaanitti toluu baate dhaggeeffattoonni isaa isa dhiisanii deemuu dandaʼu turan. Bara kitaabonni maxxanfaman hin jirre sanatti, dhaggeeffattoonni isaa warri dinqisiifannaa qaban barumsa isaa sammuu fi garaa isaaniitti qabachuu qabu turan. Kanaaf, barumsi Yesuus xiyyeeffannaa namaa kan harkisu, akka gaariitti kan hubatamuu fi salphaatti kan yaadatamu taʼuu qaba. Kana gochuun garuu Yesuusiif ulfaataa hin turre. Mee Lallaba isaa Isa Gaaraa akka fakkeenyaatti ilaali.
10 Jalqaba Dh.K.B. bara 31tti gaaf tokko ganama, namoonni hedduun gaara Galaana Galiilaa bira jiru tokko jalatti wal gaʼan. Isaan keessaa tokko tokko magaalota Yihudaa fi Yerusaalem kiilomeetira 100 hanga 110 fagaatan irraa kan dhufan turan. Warri kaan immoo naannoo qarqara galaanaa Xiirosii fi Siidoon warra kallattii kaabaatti argaman irraa dhufan. Namoonni dhukkubsatan hedduun Yesuusiin tuquuf isatti dhihaatu turan, innis hunda isaanii fayyiseera. Namoonni hundi erga fayyanii booda isaan barsiisuu jalqabe. (Luqaas 6:17-19) Achiis yeroo muraasa booda yommuu inni barsiisee xumuru, namoonni sun wanta dhagaʼan ni ajaaʼibsiifatan. Maaliifi?
11 Namni lallaba sana dhagaʼe tokko waggoota muraasa booda, “Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan; sababiin isaas, inni . . . akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisaa ture” jedhee barreesseera. (Maatewos 7:28, 29) Yesuus dubbiidhaan aango qabeessa akka taʼe warri kaan hubachuu dandaʼaniiru. Waaqayyoon bakka buʼee dubbata, barumsi isaas Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe ture. (Yohaannis 7:16) Wanti inni dubbatu ifaa, gorsi isaa kan nama amansiisuu fi ragaan inni dhiheessus kan hin haalamne ture. Dhaggeeffattoonni isaa madda rakkina isaanii akka hubatan isaan gargaareera, akkasumas akka of gamaaggaman isaan jajjabeesseera. Gammachuu argachuu, kadhannaa dhiheessuu, Mootummaa Waaqayyoo barbaaduu fi egeree amansiisaa qabaachuu akkamitti akka dandaʼan isaan barsiiseera. (Maatewos 5:3–7:27) Dubbiin isaa namoota dhugaa fi qajeelummaa dheebotan dammaqseera. Namoonni kun isa duukaa buʼuuf jecha ‘of ganuu’ fi waan hundumaa dhiisuuf fedhii qabu turan. (Maatewos 16:24; Luqaas 5:10, 11) Kun dubbiin Yesuus humna guddaa akka qabu kan argisiisu mitii?
‘Hojiidhaan Aango Qabeessa’
12, 13. Yesuus ‘hojiidhaan aango qabeessa’ kan ture akkamitti? Dinqiiwwan gara garaa akkamii raawwate?
12 Yesuus ‘hojiidhaanis aango qabeessa’ ture. (Luqaas 24:19) Wangeelonni, Yesuus dinqiiwwan 30 ol akka raawwate ibsu; hundi isaanii iyyuu ‘humna Yihowaatiin’ raawwataman. b (Luqaas 5:17) Dinqiiwwan Yesuus raawwate namoota kumaan lakkaaʼaman fayyadaniiru. Mee dinqiiwwan inni raawwate lama haa ilaallu; takka dhiirota 5,000 booda immoo dhiirota 4,000 sooreera. Dubartoonnii fi ijoolleen yoo itti dabalaman immoo namoonni kun kuma hedduu taʼu.—Maatewos 14:13-21; 15:32-38.
13 Yesuus dinqiiwwan adda addaa hedduu raawwateera. Jinniiwwan irratti aangoo waan qabuuf, salphumatti isaan baaseera. (Luqaas 9:37-43) Qaamota lubbu dhabeeyyii irratti aangoo waan qabuuf bishaan daadhii wayiniitti jijjiireera. (Yohaannis 2:1-11) Barattoonni isaa ‘Yesuus galaana irra utuu deemuu’ yeroo argan hangam akka gammadan mee yaadi. (Yohaannis 6:18, 19) Namoota hirʼina qaamaa qabanii fi dhukkuba ciccimoo gara garaa hunda fayyisuudhaan, dhukkuba irratti aangoo akka qabu argisiiseera. (Maarqos 3:1-5; Yohaannis 4:46-54) Dinqiiwwan fayyisuu kana kan raawwate karaa adda addaatiin ture. Namoota tokko tokko fagoo taaʼee fayyise; kaan immoo harkaan qaqqabee fayyise. (Maatewos 8:2, 3, 5-13) Namoonni tokko tokko takkumaan fayyan; kaan immoo suuta suuta fayyan.—Maarqos 8:22-25; Luqaas 8:43, 44.
‘Yesuus galaana irra utuu deemuu argan’
14. Yesuus, namoota duʼaa kaasuuf humna akka qabu kan argisiise haalawwan adda addaa akkamii keessatti ture?
14 Hunda caalaa kan nama dinqisiisu immoo, Yesuus duʼa irratti aangoo qaba. Haala adda addaa sadii keessatti namoota duʼaa kaaseera; intala umurii waggaa 12 tokko kaasee warra ishiitiif kenneera, ilma tokkicha dubartii abbaan mana irraa duʼee kaaseera, akkasumas obboleessa isaanii jaallatan tokko obboleettota isaatiif kaaseera. (Luqaas 7:11-15; 8:49-56; Yohaannis 11:38-44) Wanti isatti ulfaate tokko illee hin turre. Intala waggaa 12 sana, duutee utuma baayʼee hin turin, utuu siree ishii irra jirtu duʼaa kaaseera. Ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼe sanaa, tarii guyyuma duʼe sanatti taʼuu dandaʼa, utuu awwaaluuf baatanii deemanii kaaseera. Alaazaariin immoo erga duʼee guyyaa afur booda awwaala keessaa isa kaaseera.
Yeroo Hundumaa Humna Isaa Karaa Sirrii Taʼeen Wanta Sirrii Taʼe Raawwachuuf Fayyadama
15, 16. Yesuus faayidaa isaatiif humna isaatti akka hin fayyadamne wanti argisiisu maali dha?
15 Humni Yesuus qabu, bulchaa cubbamaa taʼe tokkoof utuu kennamee rakkinni hammamii uumamuu akka dandaʼu mee yaadi. Yesuus garuu cubbuu irraa bilisa dha. (1 Pheexiros 2:22) Amaloota akka ofittummaa, kooraa fi sassataa warra namoonni cubbamoo taʼan humna isaaniitti fayyadamanii warra kaan akka miidhan godhaniin hin moʼamne.
16 Yesuus faayidaa isaatiif humna isaatti fayyadamuu irraa of qusachuudhaan ofittoo akka hin taane argisiiseera. Yeroo beelaʼetti, dhagaa gara daabbootti jijjiiree nyaachuu irraa of qusateera. (Maatewos 4:1-4) Sooressa kan hin turre taʼuun isaa, humna isaatti fayyadamee qabeenya argachuuf akka hin yaalle argisiisa. (Maatewos 8:20) Hojii aango qabeessa kan raawwate fedhii ofittummaatiin kakaʼee akka hin taane ragaawwan argisiisan kan biroonis jiru. Yesuus yommuu dinqii raawwatu hamma tokko aarsaa ni kaffala ture. Namoota dhukkubsatan yommuu fayyisu, humni isa keessaa ni baʼa ture. Yeroo nama tokko fayyisetti illee humni akka isa keessaa baʼe hubateera. (Maarqos 5:25-34) Taʼus, namoonni hedduun akka isa tuqan heyyameera; yeroo kanatti hundi isaanii fayyaniiru. (Luqaas 6:19) Kun amala ofittummaa irraa walaba taʼe mitii?
17. Yesuus yeroo humna isaatti fayyadamu amanamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?
17 Yesuus amanamummaadhaan humna isaatti fayyadamaa ture. Warri kaan akka isaaf argan jedhee ykn kaayyoo malee dinqii raawwatee hin beeku. (Maatewos 4:5-7) Yesuus hawwii dogoggoraa Heroodis qabu guutuuf jecha dinqii raawwachuu dideera. (Luqaas 23:8, 9) Aangoo isaa beeksifachuu mannaa, yeroo baayʼee namoonni inni fayyise wanta isaaniif godhe warra kaanitti akka hin dubbanne isaan ajaja ture. (Maarqos 5:43; 7:36) Namoonni, oduu dinqii akka raawwate dubbatamu qofa irratti hundaaʼanii Masiihii taʼuu isaa akka amanan hin barbaanne.—Maatewos 12:15-19.
18-20. (a) Yesuus karaa namoota fayyaduun humna isaatti kan fayyadame maaliifi? (b) Akkaataa Yesuus nama gurri isaa hin dhageenye tokko itti fayyise ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
18 Yesuus inni humna qabeessa taʼe, bulchitoota humna isaanii karaa warra kaaniif akka hin yaanne ykn rakkina isaaniitiif dantaa akka hin qabne argisiisuun fayyadaman irraa adda ture. Yesuus namootaaf ni yaada ture. Namoota rakkatan yommuu argetti illee baayʼee gaddeera, kun immoo rakkina isaanii irraa isaan furuuf isa kakaasa ture. (Maatewos 14:14) Miira isaanii fi wanta isaan barbaachisuuf waan yaaduuf, karaa isaan fayyaduun humna isaatti fayyadameera. Yaanni Maarqos 7:31-37 irratti argamu kanaaf fakkeenya gaarii taʼa.
19 Yeroo kanatti namoonni baayʼeen Yesuusiin arganii namoota dhukkubsatan hedduu gara isaatti fidan, innis hunda isaanii ni fayyise. (Maatewos 15:29, 30) Haa taʼu malee, Yesuus isaan keessaa nama tokkoof xiyyeeffannaa addaa kenne. Namichi gurri isaa hin dhagaʼu, arrabni isaas hidhamaa ture. Yesuus namni kun akka sodaate ykn akka qaanaʼe kan hubate fakkaata. Waan isaaf yaadeef, namicha tuuta sana keessaa kophaatti baase. Achiis, Yesuus wanta isaaf gochuuf jedhu mallattoodhaan ibseef. Sana booda, “quba isaa gurra namichaa keessa galche; erga tufee boodas arraba namichaa tuqe.” c (Maarqos 7:33) Sana booda, Yesuus gara samii ilaalaa kadhate. Akkas gochuun isaa namichaaf, ‘Wantan sii gochuuf jedhu kana kanan godhu humna Waaqayyootiini’ ergaa jedhu dabarsa ture. Dhuma irrattis Yesuus, “Banami” jedhe. (Maarqos 7:34) Yeroo kanatti gurri namichaa ni baname; akkasumas akka gaariitti dubbachuu jalqabe.
20 Yesuus namoota dhukkubsatan fayyisuuf humna Waaqayyo isaaf kennetti yommuu fayyadamu illee, miira isaaniitiif akka yaadu beekuun baayʼee nama hin gammachiisuu? Yihowaan, Mootummaa Masiihichaa, Bulchaa gara laafessaa fi namaaf yaadu kanatti akka kenne beekuun nama hin jajjabeessuu?
Wantoota Gara Fuulduraatti Raawwataman Kan Argisiisu
21, 22. (a) Dinqiiwwan Yesuus raawwate maal argisiisu? (b) Yesuus humnoota uumamaa toʼachuu dandaʼuun isaa, bulchiinsa Mootummaa isaa jalatti maal akka raawwatu argisiisa?
21 Hojiiwwan aango qabeessi Yesuus lafa irratti hojjete, wantoota guguddaa yommuu mootii taʼee bulchu raawwatu argisiisu. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti, Yesuus guutummaa lafaa irratti dinqii raawwata! Mee wantoota dinqisiisoo gara fuulduraatti raawwataman tokko tokko ilaali.
22 Yesuus lafa miidhaan irra gaʼe deebisee haaromsa. Obomboleettii cimaa cal jechisiisuudhaan humnoota uumamaa toʼachuu akka dandaʼu argisiisee akka ture yaadadhu. Kanaaf, bulchiinsa Mootummaa Kiristoos jalatti ilmaan namootaa obomboleettiin, kirkirri lafaa, dhoʼiinsi volkaanoo ykn balaan uumamaa kan biraan nu irra gaʼa jedhanii hin sodaatan. Yesuus Hojjetaa Dandeettii Qabu isa Yihowaan lafaa fi lubbu qabeeyyii lafa irratti argaman hunda uumuuf itti fayyadame waan taʼeef, uumama lafaa akka gaariitti beeka. Qabeenya ishiitti karaa sirrii taʼeen fayyadamuun akkamitti akka dandaʼamu beeka. Bulchiinsa isaa jalatti guutummaan lafaa gara Jannataatti ni jijjiiramti.—Luqaas 23:43.
23. Yesuus aangoo Mootii taʼuudhaan qabu fayyadamee fedhii ilmaan namootaa kan guutu akkamitti?
23 Wantoota namootaaf barbaachisan hoo guutuu ni dandaʼaa? Yesuus nyaata xinnootti fayyadamee namoota kumaan lakkaaʼaman quubsuuf dandeettii qabaachuun isaa, bulchiinsi isaa beela akka balleessu nuu mirkaneessa. Eeyyee, nyaanni hedduun wal qixa waan raabsamuuf bara baraaf beelli hin jiraatu. (Faarfannaa 72:16) Yesuus dhukkuba irratti aangoo qabaachuun isaa, namoonni dhukkubsatan, warri qaro hin qabne, warri gurri isaanii hin dhageenye, warri qaamni isaanii hirʼatee fi warri naafti bara baraaf guutummaatti akka fayyan argisiisa. (Isaayyaas 33:24; 35:5, 6) Kana malees, namoota duʼaa kaaseera, kanaafuu Mootii samii aangoo guddaa qabu waan taʼeef, namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi Abbaan isaa isaan yaadatu duʼaa ni kaasa.—Yohaannis 5:28, 29.
24. Humna Yesuus irratti yommuu xiinxallu maal yaadachuu qabna? Maaliifi?
24 Humna Yesuus irratti yommuu xiinxallu, Ilmi kun fakkeenya Abbaa isaa guutummaatti akka calaqqise yaadachuu qabna. (Yohaannis 14:9) Kanaaf, akkaataan Yesuus humna isaatti fayyadamu, Yihowaan humna isaatti akkamitti akka fayyadamu nuu ibsa. Fakkeenyaaf, Yesuus nama dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko yommuu fayyise gara laafina akkamii akka argisiise ilaali. Yesuus baayʼee isaaf gaddee namicha erga qaqqabee booda, “Nan fedha!” jedheen. (Maarqos 1:40-42) Yihowaan seenaawwan akkasiitti fayyadamee, ‘Humna kootti akkasittan fayyadama!’ nuun jechaa jira. Waaqni keenya inni hundumaa dandaʼu humna isaatti jaalalaan kan fayyadamu taʼuun isaa akka isa jajattuu fi akka isa galateeffattu si hin kakaasuu?
a Galaana Galiilaa irratti yeroo baayʼee obomboleettiin ni kaʼa. Galaanichi (sirrii galaanaa gaditti meetira 200) gad buʼaa waan taʼeef qilleensi isaa qilleensa naannoo sanaa caalaa hoʼaadha; kun immoo haalli qilleensaa akka jeeqamu godha. Qilleensi cimaan Gaara Hermoon isa kallattii kaabaatti argamu irraa gara Sulula Yordaanositti ni qilleensaʼa. Kanaan kan kaʼes qilleensi tasgabbaaʼaan aluma takkaatti gara obomboleettii jabaatti jijjiirama.
b Kana malees, yeroo tokko tokko Yesuus dinqiiwwan hedduu kan raawwate taʼus, wangeelonni dinqii tokko qofa akka raawwate gabaasu. Fakkeenyaaf, yeroo tokko “namoonni magaalattii hundi” isa ilaaluuf kan dhufan yeroo taʼu, innis namoota dhukkubsatan “hedduu” fayyiseera.—Maarqos 1:32-34.
c Yihudootaa fi saboota kaan biratti hancufa tufuun mallattoo fayyisuu akka taʼetti beekama; akkasumas barreeffamoonni warra rabbii waaʼee hancufaan fayyisuu ni dubbatu. Yesuus hancufa kan tufe, namichi fayyifamuuf akka jedhu isaaf ibsuu waan barbaadeef taʼuu dandaʼa. Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, Yesuus namicha fayyisuuf hancufa isaa akka qorichaatti hin fayyadamne.