Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Xiinxalla

Ni Xiinxalla

Buufadhu:

  1. 1. Ibidda bira taaʼee urjiilee ilaalaa,

    Harʼaaf yaaddoo dhiisee maatii koo wajjin wanta hedduun xiinxala.

    Walumaa wajjin taanee arjummaasaa hundaaf,

    Kennaa ʼnni nuu kenneef, jaalalasaa maraaf, Waaqayyoon jajanna.

    (BUUSAA)

    Amma dhiphachuu dhiisnee, yeroo ramannee,

    Xiinxaluuf yaalii gochaa jirra.

    Wanti arginu kun gammachuu nuu kenna,

    Xinnoo dhaabbannee,

    Ni xiinxalla.

  2. 2. Bosona gobbuu gidduudhaan addeessa nan arga,

    Baayʼeema gammanne, kennaa gaarii ʼkkanaa ol gubbaadhaa arganne.

    Qorumsi hedduun jiraatus waaʼee Waaqaa yaannaan,

    Jabaannee dhaabbanna, eeyyee ni cimna, Yihowaan nu gargaara.

    (BUUSAA)

    Amma dhiphachuu dhiisnee yeroo ramannee,

    Xiinxaluuf yaalii gochaa jirra.

    Wanti arginu kun gammachuu nuu kenna,

    Xinnoo dhaabbannee,

    Ni xiinxalla.

    Ni xiinxalla,

    Ni xiinxalla.

    (BUUSAA)

    Amma dhiphachuu dhiisnee, yeroo ramannee,

    Xiinxaluuf yaalii gochaa jirra.

    Wanti arginu kun gammachuu nuu kenna,

    Xinnoo dhaabbannee,

    Ni xiinxalla.

    (XUMURA)

    Yeroo ramannee, ni xiinxalla.

    Xinnoo dhaabbannee,

    Yeroo ramannee, ni xiinxalla.

    Xinnoo dhaabbannee,

    Ni xiinxalla.