Jaalala Dhugaa
Buufadhu:
1. Ol gubbaadhaa Waaqarraa madda,
Jaalaladha, miirrisaa addaa.
Ilaalcha addaa waliif qabna,
Wal faana hariiroo jalqabna.
(BUUSAA)
Ni milkoofna, beekna. Eeyyee nuuf salphaadha.
Foʼaansaa sadii,
Cimaadha.
Yihowaan nu qajeelcha karaa hundumaa.
Jaallatamuun na gammachiisa
Nama akka keetiin,
Nama ʼkka keen.
2. Yoo qoramneyyuu,
Nutoo wal jaallanna yoomiyyuu.
Tokkummaa keenya kan diigu eenyu?
Jaalala qabnu kan haqu eenyu?
Eenyu? Eenyuyyuu!
(BUUSAA)
Ni milkoofna, beekna. Eeyyee nuuf salphaadha.
Foʼaansaa sadii,
Cimaadha.
Yihowaan nu qajeelcha karaa hundumaa.
Jaallatamuun na gammachiisa
Nama akka keetiin,
Nama ʼkka keen.
(CEESISA)
Jaalala cimaa qabna.
Kennaa ajaaʼibaa olii arganna.
Jaalalli cimaan sirraa na qabate,
Ati lafeewwan koo, foon koorraas argamte,
Hunduu sirraa bareeda, dadhabeʼn jettuu.
Sirraa adda nan baasu homtuu.
3. Akka naaf hubattun fedha
An garaa koorraan si jaalladha.
Si argachuun anaaf ajaaʼiba.
Gargaartuu koo jedheen si waama.
Sin waama.
(BUUSAA)
Ni milkoofna, beekna. Eeyyee nuuf salphaadha.
Foʼaansaa sadii,
Cimaadha.
Yihowaan nu qajeelcha karaa hundumaa.
Jaallatamuun na gammachiisa
Nama akka keetiin,
Nama ʼkka keen.
Jaallatamuun na gammachiisa
Nama ʼkka keen.