FAARFANNAA 102
‘Warra Dadhaboo Gargaaraa’
-
1. Nu hundi dadhabina
Hedduu ni qabna.
Taʼus Waaqni nuuf yaada,
Jaalalas qaba.
Gara laafessa dha,
Jaalala qaba nuuf.
Nus jaalala qabaanna,
Kan dhiphataniif.
-
2. Namni jabaa fakkaatee
Amantiin laafe,
Isa jajjabeessinaan
Ni cima dafee.
Waaqnʼ isa kunuunsa;
Hafuuraan ni cimsa.
Nus garaa ʼsaaf haa laafnu,
Haa jabeessinu.
-
3. Dadhaboo komachuurra,
Gaarii haa taanu,
Isaan jajjabeessina
Yeroo ʼkkas goonu.
Isaan jajjabeessuuf,
Carraaqqii haa goonu.
Gargaarree isaan dhaabuuf,
Harka haa qabnu.
(Dabalataan, Isa. 35:3, 4; 2 Qor. 11:29; Gal. 6:2 ilaali.)