FAARFANNAA 114
“Obsaa”
-
1. Gooftaan keenya Yihowaan,
Maqaasaatiif ni hinaafa.
Arrabsoo ʼrra tuulame
Yeroon ittʼ haqu ni dhufa.
Obsa argisiiseera,
Waaqni waggoota hedduuf
Obsuutti hin nuffine,
Jaalalaan waan taʼeef.
Akaakuun namaa hundi
Yoo fayyan fedha Waaqaa ti.
Yeroo dheeraaf obsuunsaa
Gatii kan hin qabne miti.
-
2. Daandiisaarra yoo deemnu
Obsa qabaachuun dirqama.
Obsi nu tasgabbeessa,
Nama oolcha aarii hamaa.
Cimina namaa arga,
Abdii ittiʼn kutatu.
Madaallii nu eegsisa
Yoo rakkoon mudatu.
Obsii fi amalawwan
Firii hafuuraa taʼan kaan,
Akka nuuf dandaʼamu
Godhu Yihowaa fakkaachuun.
(Dabalataan, Bau. 34:14; Isa. 40:28; 1 Qor. 13:4, 7; 1 Xim. 2:4 ilaali.)