Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 115

Obsa Yihowaatiif Galateeffachuu

Obsa Yihowaatiif Galateeffachuu

(2 Pheexiros 3:15)

  1. 1. Waaqa guddaa irreen kee jabaa,

    Waan sirrii taʼe jaallatta.

    Hamminni lafarra guute,

    Nu dhiphisaa jira beekta.

    Hin turtu tarkaanfii fudhatta;

    Dhiheenyattʼ obsa kee fixatta.

    (BUUSAA)

    Abdii guddaadhaan eegganna,

    Galataan maqaa kee jajanna.

  2. 2. Waggaa kumni ilaalcha keetti,

    Akka guyyaa tokkittii ti.

    Guyyaan kee guddaan hin turu;

    Waaqnʼ yeroosaa hin jijjiiru.

    Kan jibbitu taʼullee cubbuu,

    Ni gammadda yoo namni gaabbu.

    (BUUSAA)

    Abdii guddaadhaan eegganna,

    Galataan maqaa kee jajanna.

(Dabalataan, Nah. 9:30; Luq. 15:7; 2 Phe. 3:8, 9 ilaali.)