FAARFANNAA 128
Hamma Dhumaatti Jabaachuu
-
1. Dubbiin Waaqaa fi abdiinsaa
Akka cimnu godha.
Wanti baratteef jaallatte
Mirkanaaʼaaf dhugaa dha.
Guyyicha dhiheessii ʼlaali,
Amantiin kee haa cimu.
Amanamummaa kee eegi;
Si qulleessa qoramuun.
-
2. Jaalala kee durii eegi,
Baduu ni dandaʼa.
Maaliyyuu taanaan dandaʼi,
Qorumsi sirra gaʼa.
Hammam cimaa yoo taʼeyyuu,
Hin shakkin, hin sodaatin.
Badiisni sirra hin gaʼu,
Waaqni jira sii wajjin.
-
3. Hamma dhumaatti kan obsan,
Fayyina argatu.
Kitaaba jireenyaarratti,
Maqaa galmeessifatu.
Hojiisaa haa baasu fiixaan
Jabaatanii dhaabbachuun.
Surraa Yihowaa argatta;
Gammachuudhaan guutamta.
(Dabalataan, Ibr. 6:19; Yaq. 1:4; 2 Phe. 3:12; Mul. 2:4 ilaali.)