FAARFANNAA 139
Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali
-
1. Sirna haaraa keessa galtee
Sittʼ haa mulʼatu nu waliin taatee.
Yeroo nagaadhaan jiraattu,
Yaadi miira ati qabaattu.
Hin geessisu hamaan miidhaa;
Bittaan Waaqaa amansiisaa dha.
Yeroon lafti haareffamtu dhihoo dha,
Faarfannaa galataa
faarfanna garaadhaa:
(BUUSAA)
“Yaa Yihowaa galatoomi guddaa.
Ilmi kee haaraa godha waa hunda.
Miira garaa keenyaa faarfannaan ibsina;
Argachuun siif mala galataaf ulfina.”
-
2. Ofis anas ilaali mee;
Addunyaa haaraa keessatt’ argamnee.
Waan naasisaa, sodaachisaa
Hin dhageenyuʼn arginu tasa.
Akka jedhe duraan dursee
Dunkaanasaa nurra diriirse.
Kan duʼan kaasuudhaan dinqii raawwata;
Nuu wajjin faarfatu
faarfannaa galataa:
(BUUSAA)
“Yaa Yihowaa galatoomi guddaa.
Ilmi kee haaraa godha waa hunda.
Miira garaa keenyaa faarfannaan ibsina;
Argachuun siif mala galataaf ulfina.”
(Dabalataan, Far. 37:10, 11; Isa. 65:17; Yoh. 5:28; 2 Phe. 3:13 ilaali.)