FAARFANNAA 3
Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya
-
1. Yaa Yihowaa abdii nuu laatte,
abdii dinqisiisaa.
Namni hundi abdii kana
akka beeku feena.
Garuu dhiphinni nurra gaʼu
sodaa galcha nu keessa.
Kunimmoo abdii nuu laatte
nutti dukkaneessa.
(BUUSAA)
Abdiif, amanannaa,
jabina keenya.
Waan hirʼate kan nuu guuttu.
Lallabnus, barsiisnus,
sitt’ amanamna;
Eeyyee sumatti hirkanna.
-
2. Egaa Yihowaa nu gargaari
akka hin daganne,
Jabina keenya taʼuu kee,
yoo rakkoorra buune.
Yaanni nama jajjabeessu kun
lubbuu keenya haaromsa;
Maqaa kee akka lallabnu
ija nu jabeessa.
(BUUSAA)
Abdiif, amanannaa,
jabina keenya.
Waan hirʼate kan nuu guuttu.
Lallabnus, barsiisnus,
sitt’ amanamna;
Eeyyee sumatti hirkanna.
(Dabalataan, Far. 72:13, 14; Fak. 3:5, 6, 26; Er. 17:7 ilaali.)