FAARFANNAA 33
Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi
-
1. Yaa Yihowaa kadhaa kootti
‘Gurra kee naa jalʼisi.’
Dhiphina koo naaf hubadhu,
Sodaa na keessaa baasi.
(BUUSAA)
Yaaddoo kee Waaqatti gati;
Amanami gargaarsasaatti.
Yeroo hundumaa si eega.
Amanamaa dha, dhugaa.
-
2. Utuun baallee qaba taʼee,
Balaarraa nan baqadha,
Warra ana miidhan jalaa,
Lubbuu koo nan oolfadha.
(BUUSAA)
Yaaddoo kee Waaqatti gati;
Amanami gargaarsasaatti.
Yeroo hundumaa si eega.
Amanamaa dha, dhugaa.
-
3. Yihowaan nu jajjabeessa,
Nagaa sammuu nuu kenna.
Baʼaa keenya nu gargaara,
Jaalala qabeessa dha.
(BUUSAA)
Yaaddoo kee Waaqatti gati;
Amanami gargaarsasaatti.
Yeroo hundumaa si eega.
Amanamaa dha, dhugaa.
(Dabalataan, Far. 22:5; 31:1-24 ilaali.)