FAARFANNAA 35
‘Wantoota Caalaatti Barbaachisan Beekaa’
-
1. Baayʼee barbaachisaa dha hubannaan,
Waan dhugaa addaan baasuun,
Wanta caalaatti barbaachisu
Kam akka raawwannu beekuun!
(BUUSAA)
Hamaa jibbi; gaarii jaallu.
Yihowaatti
Akka tolu; wanta barbaachisaa
Hubachuu fi beekuun,
Raawwachuun nama kiisa!
-
2. Misiraachoo himuu maaltu caala,
Kan dheebotan waamuurra?
Daandii Waaqaa akka filatan
Gargaarra isaan affeerra.
(BUUSAA)
Hamaa jibbi; gaarii jaallu.
Yihowaatti
Akka tolu; wanta barbaachisaa
Hubachuu fi beekuun,
Raawwachuun nama kiisa!
-
3. Wanta barbaachisuuf ni dhimmina,
Gammachuu dhugaa ʼrganna.
Nagaan hin dandeenye hubatamuu
Nuuf eega garaaf sammuu.
(BUUSAA)
Hamaa jibbi; gaarii jaallu.
Yihowaatti
Akka tolu; wanta barbaachisaa
Hubachuu fi beekuun,
Raawwachuun nama kiisa!
(Dabalataan, Far. 97:10; Yoh. 21:15-17; Filp. 4:7 ilaali.)