Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 40

Ati Eenyuuf Jiraatta?

Ati Eenyuuf Jiraatta?

(Roomaa 14:8)

  1. 1. At’ eenyuuf jiraatta?

    Waaqa kamiif bitamta?

    Isa sagadduuf tajaajilta.

    Gooftaa kee ti; isaaf bulta.

    Waaqa tokkoof malee,

    Lamaaf buluuʼn dandeessu.

    Haala garaa keetii argisiisa

    Murtoon ati ʼrra geessu.

  2. 2. At’ eenyuuf jiraatta?

    Waaqa kamiif sarmita?

    Tokko dhugaa dha, tokko soba;

    Kan feetu situ filata.

    Mootota lafaatiif

    Guutummaatti of laattaa?

    Moo fedha Waaqa dhugaa ammuma

    Raawwachuun ajajamta?

  3. 3. Eenyuufan jiraadha?

    Yihowaafan jiraadha.

    Abbaa koo samiin tajaajila;

    Waadaan gale nan raawwadha.

    Gatiidhaan na bite;

    Isaafan of murteessa.

    Daqiiqaan jiraadhu hundan kennaaf.

    Maqaasaa nan guddisa.