FAARFANNAA 53
Lallabuuf Qophaaʼuu
-
1. Bariʼe.
Deemuu qabna,
Misiraachoo lallabuuf.
Garuu dukkana,
Roobuus jalqabeera.
Haguuggannee deebinee rafuu
Hawwina.
(BUUSAA)
Ilaalcha gaarii yoo qabaanne,
Sirriittʼ yoo qophoofne,
Akka milkoofnu yoo kadhanne,
Ni jabaanna.
Yasuus maleekota nuu erga.
Miti kophaa keenya.
Hirʼyaa gaariis of biraa qabna,
Ni milkoofna.
-
2. Gammachuu
Ni arganna,
Dagachuu baannaan kana.
Carraaqqii goonu
Yihowaan ni arga;
Jaalala keenya ni yaadata
Ni beekna.
(BUUSAA)
Ilaalcha gaarii yoo qabaanne,
Sirriittʼ yoo qophoofne,
Akka milkoofnu yoo kadhanne,
Ni jabaanna.
Yasuus maleekota nuu erga.
Miti kophaa keenya.
Hirʼyaa gaariis of biraa qabna,
Ni milkoofna.
(Dabalataan, Lal. 11:4; Mat. 10:5, 7; Luq. 10:1; Tit. 2:14 ilaali.)