FAARFANNAA 55
Isaan hin Sodaatinaa!
-
1. Yaa saba koo, jedhaa cimaa,
Misiraachicha himaa.
Diina hin sodaatinaa.
Yesuus aangoo qabatee
Diina akka gad darbate,
Garraamotatti himaa;
Dhiheenyattis isa hidhee
Akka furu miidhamaa.
(BUUSAA)
Jaallatamoo yaa saba koo,
Diinotaʼn sodaatinaa.
Akka agartuu kiyyaattan
Eegumsa ʼsiniif godha.
-
2. Diinonni yoo baayʼatanis,
Yoo isin doorsisanis,
Isin gowwoomsuuf jecha
Yoo isin sossobanis,
Matumaa hin sodaatinaa,
Cimus ariʼatamni,
Hamma moʼichʼ argamutti
ʼsin faanan jira ani.
(BUUSAA)
Jaallatamoo yaa saba koo,
Diinotaʼn sodaatinaa.
Akka agartuu kiyyaattan
Eegumsa ʼsiniif godha.
-
3. Matumaa isin hin dhiisu,
Ammas dawoo keessani.
Utuma duutaniillee,
Duʼa nan moʼa ani.
Warra lubbuu hin ajjeesne
Tasa hin sodaatinaa.
Amanamaa hamma dhumaa!
Ni milkooftuʼn shakkinaa.
(BUUSAA)
Jaallatamoo yaa saba koo,
Diinotaʼn sodaatinaa.
Akka agartuu kiyyaattan
Eegumsa ʼsiniif godha.
(Dabalataan, Kes. 32:10; Nah. 4:14; Far. 59:1; 83:2, 3 ilaali.)