FAARFANNAA 60
Lubbuu Isaanii ni Oolchina
-
1. Guyyaan dheekkamsaa
akka dhufu dhiheenyatti
Ni lallabna yeroo
heyyamame kanatti.
(BUUSAA)
Lubbuu namaa ni oolchina;
Nutis ittiin fayyina.
Ajajamnaan ni jiraatu;
Kanaaf hundumaatt’ haa himnu;
Haa himnu.
-
2. Ergaa himnu qabna;
namoota hundaan geenya.
Dhufanii Waaqaa wajjin
haa araaramani.
(BUUSAA)
Lubbuu namaa ni oolchina;
Nutis ittiin fayyina.
Ajajamnaan ni jiraatu;
Kanaaf hundumaatt’ haa himnu;
Haa himnu.
(CEESISA)
Daddafnee haa lallabnu;
Baratanii haa fayyani.
Itt’ himna, ni barsiisna;
Bishaan jireenyaa obaasna.
(BUUSAA)
Lubbuu namaa ni oolchina;
Nutis ittiin fayyina.
Ajajamnaan ni jiraatu;
Kanaaf hundumaatt’ haa himnu;
Haa himnu.
(Dabalataan, 2 Sen. 36:15; Isa. 61:2; His. 33:6; 2 Tas. 1:8 ilaali.)