FAARFANNAA 64
Hojii Makaraa Irratti Gammachuudhaan Hirmaachuu
-
1. Yeroo makarri gaʼe keessa,
Jiraachuun mirga guddaa dha.
Qamadiin haamaadhaaf qophaaʼe,
Hawwiidhaan irrattʼ hirmaanna.
Yesuus nuuf fakkeenya keenya dha,
Ni geggeessa hojii haamaa;
Ulfina guddaa dha nutti tola;
Gammachuun midhaan sassaabna.
-
2. Yihowaa fi nama jaallanna
Miira ariitii qabaanna.
Lallabuuf barsiisuu dursina,
Waan dhihaateef guyyaan dhumaa.
Eebba dha gammachuun argannu,
Kennaa Yihowaan nuu kennu.
Obsaaf amantiidhaan itti fufna,
Ni hojjenna isa faana.
(Dabalataan, Mat. 24:13; 1 Qor. 3:9; 2 Xim. 4:2 ilaali.)