Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 65

Gaʼeessummaatti Guddadhu!

Gaʼeessummaatti Guddadhu!

(Ibroota 6:1)

  1. 1. Saffisaan guddadhu gaʼeessummaatti!

    Ifa dhugaa haa argan namoonni salphaatti.

    Fooyyessuuf carraaqi tajaajila kee;

    Si eebbisa Waaqni kee.

    Atis lallabuu ni dandeessa.

    Beekta Yesuus kana gochuusaa.

    Waaqa amanadhu gargaarsa ʼrgachuuf,

    Dhaabbadhu qajeelummaaf.

  2. 2. Sodaa hin qabaatin dubbicha labsi!

    Misiraachicha nama hundatti beeksisi.

    Manaa gara manaa dhaqii barsiisi,

    Nuu wajjin Waaqa faarsi.

    Nu doorsisanis mormitoonni,

    Lallabi duubattiʼn jedhini.

    Mootummaan Waaqayyoo dhufuusaa labsi.

    Dhugaa hunda barsiisi.

  3. 3. Jabaadhu, yoomiyyuu miira kee cimsi,

    Hojii baayʼeen jira

    Dandeettii kee fooyyessi.

    Hafuura Waaqayyootiin geggeeffami.

    Gammachuusaa dhandhami.

    Namoota argattu jaalladhu.

    Garaa tuquuf dhaqii gaafadhu.

    Isaan gargaari guddina ʼkka godhan,

    Sirriitʼ haa ifu dhugaan.

(Dabalataan, Filp. 1:27; 3:16; Ibr. 10:39 ilaali.)