Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 73

Sodaa Keenya Nuu Balleessi

Sodaa Keenya Nuu Balleessi

(Hojii Ergamootaa 4:29)

  1. 1. Waaʼee kee yeroo dubbannu,

    Maqaa kee yeroo himnu,

    Namoonni hedduun nu mormu;

    Nu salphisuus ni yaalu.

    Nama sodaachuu mannaa,

    Yihowaa siif ajajamna.

    Hafuura kee nuu laadhu maaloo;

    Nu dhagaʼi si kadhanna.

    (BUUSAA)

    Sodaa keenya nuu balleessi;

    Yeroo siif dhugaa baanu.

    Hundinuu akka dhagaʼan

    Ija jaboo haa taanu.

    Armaagedoon dhihaateera,

    Hammasitti ni lallabna,

    Sodaa keenya nuu balleessi.

    Si kadhanna.

  2. 2. Biyyoo akka taane beekta,

    Kanaafuu ni sodaanna.

    Waadaa nu gargaaruuf galte

    Guutummaatti amanna.

    Ariʼatamaaf ceephoo

    Doorsisa namaas ilaali.

    Maqaa keetiin yeroo lallabnu

    Haa jabaannu nu gargaari.

    (BUUSAA)

    Sodaa keenya nuu balleessi;

    Yeroo siif dhugaa baanu.

    Hundinuu akka dhagaʼan

    Ija jaboo haa taanu.

    Armaagedoon dhihaateera,

    Hammasitti ni lallabna,

    Sodaa keenya nuu balleessi.

    Si kadhanna.

(Dabalataan, 1 Tas. 2:2; Ibr. 10:35 ilaali.)