Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 89

Dhagaʼi, Ajajami, ni Eebbifamta

Dhagaʼi, Ajajami, ni Eebbifamta

(Luqaas 11:28)

  1. 1. Yesuusiif hojiidhaan ni ajajamna;

    Barumsasaatiin ifaan jiraanna.

    Dhagaʼuuf beekuun nama gammachiisa,

    Ajajamuun eebba argamsiisa.

    (BUUSAA)

    Wanta Yihowaan jedhu

    Dhagaʼi eebba ʼrgadhu.

    Iddoo boqonnaa Waaqaatti galuuf,

    Dhagaʼi eebba ʼrgadhu.

  2. 2. Daandiin keenya dawoo akka manaa ti

    Ni ʼjaarama taanaan dhagaarratti.

    Qajeelfama Yesuus kenne hordofnaan,

    Jireenya amansiisaa qabaanna.

    (BUUSAA)

    Wanta Yihowaan jedhu

    Dhagaʼi eebba ʼrgadhu.

    Iddoo boqonnaa Waaqaatti galuuf,

    Dhagaʼi eebba ʼrgadhu.

  3. 3. Akka muka bishaan bira dhaabbamee

    Waqtii eegee firii argamsiisuu,

    Ijoollee ajajamoo taanaan Waaqaaf,

    Gammannee jiraanna bara baraaf.

    (BUUSAA)

    Wanta Yihowaan jedhu

    Dhagaʼi eebba ʼrgadhu.

    Iddoo boqonnaa Waaqaatti galuuf,

    Dhagaʼi eebba ʼrgadhu.