FAARFANNAA 97
Jireenyi Dubbii Waaqayyoo Irratti Hundaaʼa
-
1. Dubbii Yihowaa irratti
Hundaaʼa jireenyi.
Dubbichaan jiraachuu qabna;
Hin gaʼu buddeenni.
Nagaa fi gammachuu qabna,
Eebba guddaa ʼrganna.
(BUUSAA)
Buddeeniin qofa hin taʼu,
Dubbichaan jiraanna.
Waan barbaachisu arganna,
Dubbichaan jiraanna.
-
2. Dubbichi waaʼee namoota
Amanamoo durii,
Waaʼee cimina isaaniis
Dubbata waan sirrii.
Waaʼee ʼsaanii yoo dubbisnu
Jabina arganna.
(BUUSAA)
Buddeeniin qofa hin taʼu,
Dubbichaan jiraanna.
Waan barbaachisu arganna,
Dubbichaan jiraanna.
-
3. Guyyaa guyyaadhaan dubbisnaan,
Nu cimsa Yihowaan.
Yeroo rakkoon nurra gaʼu,
Ogummaa nuu kenna.
Waan dubbisnuuf waan dhageenyu
Ni dinqisiifanna.
(BUUSAA)
Buddeeniin qofa hin taʼu,
Dubbichaan jiraanna.
Waan barbaachisu arganna,
Dubbichaan jiraanna.