Viidiyoowwan Kitaabota Kitaaba Qulqulluu Beeksisan
Beeksisa Kitaaba Qulqulluu
Kitaabonni xixiqqoon kitaaba kana keessatti argaman, ergaa walii galaa kitaabichaatiif gumaacha akkamii akka godhan, jechuunis akkaataa bulchiinsi Yesuus maqaa Yihowaa itti qulqulleessu kan ibsan akkamitti akka taʼe ilaali.
Beeksisa Kitaaba Uumamaa
Kitaabni Uumamaa waaʼee jalqaba seenaa dhala namootaa fi rakkinnii fi duuti akkamitti akka jalqaban nutti hima.
Beeksisa Kitaaba Baʼuu
Waaqayyo Israaʼelota garbummaa Gibxii jalaa bilisa baasee sabaa isaaf adda baʼan godhee isaan gurmeesseera.
Beeksisa Kitaaba Leewwotaa
Qulqullummaa Waaqayyoo fi nuti qulqulluu taʼuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe Kitaabni Leewwotaa kan ibsu akkamitti akka taʼe ilaali.
Beeksisa Kitaaba Lakkoofsaa
Yihowaadhaaf ajajamuu fi warra inni sabaa isaa gidduutti dura buutota akka taʼan muude kabajuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubadhu.
Beeksisa Kitaaba Keessa Deebii
Seerri Yihowaan Israaʼelotaaf kenne jaalala cimaa inni saba isaatiif qabu kan argisiisu akkamitti akka taʼe hubadhu.
Beeksisa Kitaaba Iyyaasuu
Israʼelonni lafa Waaqayyo isaaniif kenne injifatanii kan qabatanii fi kan hihhiratan akkamitti akka taʼe hubadhu.
Beeksisa Kitaaba Abbootii Murtii
Kitaabni taateewwaniin guutame kun kan moggaafame namoota amantii onnatoo taʼanii fi Waaqayyo saba Israaʼel cunqursaa jalaa oolchuuf itti fayyadameeni dha.
Beeksisa Kitaaba Ruut
Ruut amaatii ishii ishii abbaan manaa irraa duʼetti jaalala fedhii ofii aarsaa godhu argisiisuuf jetti, Yihowaan lamaan isaanii iyyuu kan badhaase akkamitti.
Beeksisa Kitaaba 1 Saamuʼel
Israaʼelonni abbootii murtiidhaan geggeeffamuu dhiisanii moototaan buluu kan jalqaban akkamitti akka taʼe ilaali.
Beeksisa Kitaaba 2 Saamuʼel
Gad of qabuu fi amantiin Daawit argisiise nama baayʼee jaalatamaa fi beekama Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame akka taʼu kan isa gargaare akkamitti akka taʼe hubadhu.
Beeksisa Kitaaba 1 Mootota
Badhaadhinaa fi ulfinaa Israaʼelonni bara bulchiinsa mootummaa Solomoonitti argatan booda mootummaan isaanii inni mootummaa Israaʼelii fi mootummaa Yihudaa jedhamee bakka lamatti qoodame jeequmsaan hunkuramuu jalqabe.
Beeksisa Kitaaba 2 Mootota
Yihowaan warra garaa guutuudhaan isa tajaajilan eebbisaa yeroo turetti, gantummaan mootummaa Israaʼel isa kaabaa akkamitti akka miidhe hubadhu.
Beeksisa Kitaaba 1 Seenaa Baraa
Seenaa jireenyaa Daawit Mootichaa isa Yihowaa sodaatu sanaa erga mootii taʼee kaasee hanga duʼa isaatti jiruu ilaali.
Beeksisa Kitaaba 2 Seenaa Baraa
Seenaan mootota Yihudaa faayidaa Waaqayyoof amanamaa taʼun qabu akkamitti akka argisiisu ilaali.
Beeksisa Kitaaba Izraa
Yihowaan saba isaa boojuu Baabilon jalaa bilisa baasuu fi waaqeffannaa dhugaa Yerusaalem keessatti deebisuuf waadaa gale eegeera.
Beeksisa Kitaaba Nahimiyaa
Kitaabni Nahimiyaa waaqeffattoota dhugaa yeroo harʼaa jiraniif barumsa guddaa dabarsa.
Beeksisa Kitaaba Asteer
Seenaa dinqisiisaan bara Asteeritti raawwatame, Yihowaan saba isaa qorumsa keessaa baasuuf dandeettii akka qabu amantii cimaa qabaachuuf si gargaara.
Beeksisa Kitaaba Iyoob
Namoonni Yihowaa jaallatan hundi qorumsi isaan irra ni gaʼa. Seenaan waaʼee Iyoob ibsu amanamummaa keenya eegnee jiraachuu fi olaantummaa Yihowaa degeruu akka dandeenyu mirkanaaʼoo akka taanu godha.
Beeksisa Kitaaba Faarfannaa
Kitaabni faarfannaa ol aantummaa Yihowaa deggera, warra isa jaallatan jajjabeessa, akkasumas Mootummaan isaa addunyaa kan jijjiiru akkamitti akka taʼe ibsa.
Beeksisa Kitaaba Fakkeenyaa
Kitaabni Fakkeenyaa hojii fi dhimmoota maatii dabalatee, akkaataa jireenyaa hundaaf qajeelfama kan qabate dha.
Beeksisa Kitaaba Lallabaa
Solomoon mootichi wantoota jireenya keessatti dursi kennamuufii qabu kan ibse siʼa taʼu, wantoota ogummaa waaqayyoo wajjin wal falleessanis caqaseera.
Beeksisa Kitaaba Weedduu Weedduu Caaluu
Jaalalli cimaan shamarreen Shulaam tiksichaaf qabdu “labooba Yaah” jedhameera. Maaliif?
Beeksisa Kitaaba Isaayaas
Kitaabni Isaayaas inni raajiiwwan sirrii taʼan qabate Yihowaan Waaqa waadaawwan isaa galmaan gaʼuu fi nu fayyisu taʼuu isaa ibsuudhaan amantii isa irratti qabdu siif jabeessa.
Beeksisa Kitaaba Ermiyaas
Ermiyaas ariʼatamni isa irra gaʼus, amanamummaadhaan hoji isaa hojjeteera. Fakkeenyi isaa Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiran kan gargaaru akkamitti akka taʼe hubadhu.
Beeksisa Kitaaba Faaruu Ermiyaas
Ermiyaas raajichaan kan barreeffame, gadda badiisa Yerusaalem ilaalchisee ibsamee fi yaada geddarachuun gara laafina Waaqayyoo akka namaaf argamsiisu ibsu.
Beeksisa Kitaaba Hisqiʼel
Hisqiʼel ulfaataa taʼu iyyuu hojii Waaqayyoo isaaf kenne hunda gad of qabuu fi ija jabinaan raawwateera. Fakkeenyi isaa yeroo ammaatti nuufis ni hojjeta.
Beeksisa Kitaaba Daaniʼel
Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa haalawwan hunda keessatti Yihowaadhaaf amanamoo taʼaniiru. Fakkeenyi isaanii fi raawwiin raajii kitaaba kanaa warra guyyoota dhumaa keessa jiraannuuf baayʼee nu fayyada.
Beeksisa Kitaaba Hoseʼaa
Raajiin Hoseʼaa gara laafina Yihowaan namoota qalbii geddaratanitti argisiisee fi waaqeffannaa inni barbaadu ilaalchisee barumsa guddaa qabateera.
Beeksisa Kitaaba Yoʼel
Yoʼel waaʼee guyyaa Yihowaa isa dhihaachaa jiruu fi guyyaa sana irraa ooluuf wanta murteessaa raawwachuu qabnu dubbateera. Raajiin isaa amma iyyuu yeroo kam iyyuu caalaa ariifachiisaa dha.
Beeksisa Kitaaba Amos
Yihowaan nama gad of qabu kanatti fayyadamee hojii guddaa akka raawwatu godheera. Fakkeenya Amos irraa barumsa guddaa akkamii argachuu dandeenya?
Beeksisa Kitaaba Obaadiyaa
Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessaa isa hunduma irra gabaabaa taʼe dha. Raajichi mootummaan Yihowaa akkamitti bara baraaf jabaatee akka dhaabatu ibsa.
Beeksisa Kitaaba Yoonaas
Raajichi akkamitti sirreeffama akka fudhate, hojii isaa akka raawwate, jaalala amanamaa fi gara laafina Waaqayyoo irraa barumsa akka argate barreesseera. Muuxannoon isaa sitti dubbachaa jira.
Beeksisa Kitaaba Miikiyaas
Raajiin geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kun Yihowaan hammuma humna keenyaa fi wanta nu fayyadu qofa akka goonu akka nu irraa barbaadu amanannaa qabnu nuuf cimsuu danda’a.
Beeksisa Kitaaba Naahom
Raajiin kun amanannaa Yihowaan wanta dubbate akka raawwatu qabnu nuuf cimsa; kun immoo namoota nagaa fi fayyina mootummaa isaatiin argamu barbaaddatan hundaaf jajjabina kenna.
Beeksisa Kitaaba Anbaaqom
Yihowaan yeroo hunda saba isaa oolchuuf karaa gaariin isa kam akka taʼee fi yeroon gaariin yoom akka taʼe akka beeku mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.
Beeksisa Kitaaba Sefaaniyaa
Guyyaan murtii Yihowaa fagoodha jennee yaaduu kan hin qabne maaliifi?
Beeksisa Kitaaba Haagee
Raajii barbaachisummaa fedhii dhuunfaa caalaa waaqeffannaa dhugaadhaaf dursa kennuun qabu ibsu.
Beeksisa Kitaaba Zakaariyaas
Baroota darbanitti mulʼatawwanii fi raajiiwwan hedduun saba Waaqayyoo jajjabeessaniiru. Raajiiwwan kunneen yeroo harʼaas deggarsa Yihowaa akka qabnu nuuf mirkaneessuu isaanii itti fufaniiru.
Beeksisa Kitaaba Miilkiyaas
Kitaabni kun raajiiwwan waaʼee dhugaawwan buʼuuraa, gara laafinaa fi jaalala Yihowaa hin jijjiiramnee dubbataman qabateera. Akkasumas raajiin kun barumsa barbaachisaa yeroo harʼaatiif taʼu qabateera.
Beeksisa Kitaaba Maatewos
Dhugaawwan ijoo Kitaaba Maatewos isa Wangeelota arfan keessaa isa jalqabaa taʼee baradhu.
Beeksisa Kitaaba Maarqos
Wangeelota keessaa isa gabaabaa si’a taʼu, wanta Yesuus gara fuulduraatti mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee raawwatu akka fakkeenyaatti argisiise qabateera.
Beeksisa Kitaaba Luqaas
Wangeelli Luqaas odeeffannoo adda taʼe akkamii qabateera?
Beeksisa Kitaaba Yohaannis
Seenaan Yohaannis barreesse jaalala Yesuus ilmaan namootaatiif qabu, fakkeenya gad of qabuudhaan nuuf dhiisee fi Masiihicha jechuunis, Mootii Mootummaa Waaqayyoo gara fuulduraa taʼuu isaa ibsa.
Beeksisa Kitaaba Hojii Ergamootaa
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa namoota saba hundumaa keessa jiran barattoota gochuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Kitaabni Hojii Ergamoota hinaaffaa fi siʼaayina tajaajilaaf qabdu siif dabala.
Beeksisa Kitaaba Roomaa
Yihowaan kan hin loogne taʼuu isaa fi Yesuus Kiristoositti amanuun barbaachisaa taʼuu isaa ilaalchisee qajeelfama geggeessaa hafuura qulqulluutiin kenname dha.
Beeksisa Kitaaba 1 Qorontos
Xalayaan Phaawulos barreesse gorsa geggeessaa hafuuraatiin waaʼee tokkummaa, qulqullina naamusaa, jaalalaa fi duʼaa kaʼuutti amanuu kenname kan dabalatu dha.
Beeksisa Kitaaba 2 Qorontos
Yihowaan ‘inni Waaqa jajjabina hundaa taʼe’ tajaajiltoonni isaa akka cimanii fi akka jabaatanii dhaabbatan ni gargaara.
Beeksisa Kitaaba Galaatiyaa
Xalayaan Phaawulos warra Galaatiyaatiif barreesse akkuma yeroo sanaa harʼas faayidaa guddaa qaba. Kiristiyaanonni dhugaa hundi amanamoo taʼanii akka itti fufan isaan gargaaruu dandaʼa.
Beeksisa Kitaaba Efesoon
Xalayaan geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kun kaayyoo Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoosiin nagaa fi tokkummaa fiduuf qabu ibsa.
Beeksisa Kitaaba Filiphisiyus
Qorumsa keessatti jabaannee dhaabbachuun keenya, warri kaaniis jabaatanii akka dhaabbatan isaan jajjabeessa.
Beeksisa Kitaaba Qolosaayis
Wanta baranne hojii irra oolchuudhaan, warra kaaniif tola dhiifama gochuudhaanii fi iddoo fi aangoo Yesuus qabu amannee fudhachuudhaan Yihowaa gammachiisuu ni dandeenya.
Beeksisa Kitaaba 1 Tasalonqee
Karaa hafuuraa dammaqoo taʼuu, ‘waan hundumaa qoruu,’ ‘utuu gargar hin kutin kadhachuu’ fi wal jajjabeessuu qabna.
Beeksisa Kitaaba 2 Tasalonqee
Phaawulos dhufaatii guyyaa Yihowaa ilaalchisee ilaalcha sirrii hin taane sirreesseera; akkasumas obboloonni amantiitti cimanii akka dhaabbatan isaan jajjabeesseera.
Beeksisa Kitaaba 1 Ximotewos
Phaawulos 1 Ximotewos kan barreesse akkaataa gumiin itti gurmaa’uu qabu hubachiisuu fi barumsa sobaa fi jaalala qarshii irraa akka fagaatan akeekkachiisuuf ture.
Beeksisa Kitaaba 2 Ximotewos
Phaawulos, Ximotewos tajaajila isaa guutummaatti akka raawwatu isa jajjabeesseera.
Beeksisa Kitaaba Tiitoo
Xalayaan Phaawulos Tiitoodhaaf barreesse waaʼee rakkoowwan gumii Qarxees keessa turanii fi ulaagaalee hafuuraa namoonni jaarsolii gumii taʼan guutuu qaban qabaateera.
Beeksisa Kitaaba Fiilmoon
Xalayaan gabaabaa taʼe kun gad of qabuu, gaarummaa fi dhiifama gochuu ilaalchisee barumsawwan hojiirraa oolan qabateera.
Beeksisa Kitaaba Ibrootaa
Waaqeffannaan Kiristiyaanotaa wantoota manaa qulqullummaa fi aarsaa bineeldotaa isa ijaan mulʼatu irra caalan irratti kaan hundaaʼedha.
Beeksisa Kitaaba Yaaqoob
Yaaqoob dhugaawwan buʼuuraa Kiristiyaanonni ittiin gaggeeffaman barsiisuuf fakkeenyota ifa taʼanitti fayyadameera
Beeksisa Kitaaba 1 Pheexiros
Xalayaan Pheexiros inni jalqabaa dammaqoo akka taanuu fi yaaddoo keenya hundumaa Waaqayyotti gannee dhiisuu akka qabnu nu jajjabeessa.
Beeksisa Kitaaba 2 Pheexiros
Xalayaan Pheexiros inni lammaffaan samiiwwan haaraa fi lafa haaraa yeroo eeggannutti amanamoo akka taanu nu jajjabeessa.
Beeksisa Kitaaba Yihudaa
Yihudaan, namoota barumsa sobaa barsiisanii fi gocha dogoggoraa raawwatan adda baasanii akka beekan Kiristiyaanota gargaaruuf fakkeenyota ifa taʼanitti fayyadameera.
Beeksisa Kitaaba Mulʼataa
Mulʼatawwan dinqisiisoon Kitaaba Mulʼataa keessatti argaman Mootummaan Waaqayyoo kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaa fi lafaaf qabu kan raawwatu akkamitti akka taʼe ibsu.