Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi—Viidiyoowwan

Dandeettii barbaachisoo namoota duratti dubbisuu fi barsiisuuf si fayyadan horadhu.

QOʼANNAA 1

Ittiin Lixa Gaarii

Dhaggeeffattoonni wanta dubbachaa jirtu akka dhaggeeffatan gochuu kan dandeessu akkamitti?

QOʼANNAA 2

Bifa Mariitiin Dhiheessuu

Yommuu haasaa kennitu dhageeffatoota keetti miirri gaariin akka dhagaʼamu gochuu kan dandeessu akkamitti?

QOʼANNAA 3

Gaaffiitti Fayyadamuu

Namoonni si dhaggeeffatan barumsicha irratti akka yaadan gochuuf, fedhii isaanii kakaasuu fi qabxiiwwan barbaachisoo taʼan jabeessitee ibsuuf gaaffiiwwanitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

QOʼANNAA 4

Caqasoota Sirriitti Beeksisuu

Dhaggeeffattoonni kee caqasoota Kitaaba Qulqulluu ati dubbistu irraa caalaatti akka fayyadaman isaan qopheessuu kan dandeessu akkamitti?

QOʼANNAA 5

Sirriitti Dubbisuu

Wanta barreeffamicha irra jiru sagalee kee ol kaastee dubbisuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

QOʼANNAA 6

Walitti Dhufeenya Caqasaa fi Barumsichaa Ifa Gochuu

Caqasa tokko yommuu dubbistuu fi erga dubbistee booda sababa caqasicha itti dubbiste dhaggeeffattoonni kee akka hubatan isaan gargaaruuf maal gochuu qabda?

QOʼANNAA 7

Sirrii fi Amansiisaa

Dhugaa jiru irra dhaggeeffattoota akka hin maqsine beekuu kan dandeessu akkamitti?

QOʼANNAA 8

Fakkeenyota Barumsa Dabarsan

Akkuma Barsiisaa Keenya Isa Guddichaa fakkeenyotatti karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

QOʼANNAA 9

Viidiyoo fi Fakkiidhaan Barsiisuu

Karaa dhaggeeffattoonni keessan qabxicha caalaatti akka hubatan godhuun fakkiitti ykn wanta ilaalamuu kaanitti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti?

QOʼANNAA 10

Sagalee Jijijjiiruu

Sagalee keessan jijjiiruun keessan ergaa isaa karaa caalaatti ifa taʼeen dabarsuu fi miira dhaggeeffattoota keessanii kakaasuuf kan isin gargaaru akkamitti?

QO’ANNAA 11

Miira Hoʼaa Qabaachuu

Miira ho’aadhaan dubbachuudhaan dhaggeeffattoota kee hojiidhaaf kakaasuu kan dandeessu akkamitti?

QOʼANNAA 12

Jaalala Qabaachuu fi Miira Namootaa Hubachuu

Karaa dhaggeeffattoota keetiif jaalala akka qabduu fi miira isaanii akka hubattu argisiisuun dubbachuu kan dandeessu akkamitti?

QOʼANNAA 13

Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu

Mata duree tokko yommuu barsiistan dhaggeeffattoonni keessan faayidaa barumsichaa hubatanii hojiidhaaf akka kakaʼan gochuu kan dandeessan akkamitti?

QOʼANNAA 14

Qabxiiwwan Guguddaa Adda Baasuu

Qabxiiwwan guguddaa adda baasuudhaan dhaggeeffattoonni kee wanta barsiistuuf xiyyeeffannaa akka kennan, akka hubatanii fi akka yaadatan isaan gargaari.

QOʼANNAA 15

Amantii Guutuudhaan Dubbachuu

Yommuu haasaa kenninuu fi tajaajila irratti hirmaannu karaa amantii guutuu akka qabnu argisiisuun dubbachuu kan dandeenyu akkamitti?

QOʼANNAA 16

Kan Nama Ijaaruu fi Nama Jajjabeessu

Karaa namoota kaan fayyaduu fi abdii akka qabaatan godhuun dubbachuu akka dandeenyuuf wantoonni gochuu qabnu sadii kam faʼi?

QOʼANNAA 17

Salphaatti kan Namaa Galu

Dhaggeeffattonni kee salphaatti akka hubatan yeroo gargaaruuf yaaltu wantoota akkamii irraa fagaachuu qabda?

QOʼANNAA 18

Barumsa Dabalataa kan Kennu

Dhaggeeffattonni kee wanta buʼaa qabu akka baratan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu fi wanta isaan fayyadu isaan barsiisuu kan dandeessu akkamitti?

QOʼANNAA 19

Garaa Tuquuf Carraaquu

Dhaggeeffattoonni kee wanta gaarii gochuuf akka kakaʼan gochuu kan dandeessu akkamitti?

QOʼANNAA 20

Yaada Xumuraa Buʼa Qabeessa

Yeroo kutaa dhiheessitu ykn tajaajila irratti, yaanni xumura irratti dubbattu buʼaa akkamii argamsiisuu qaba?

Kanneen Armaan Gadiis ni Jaallatta Taʼa

KITAABOTAA FI BIROOSHUROOTA

Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi

Barreeffamni kun dandeettii uummataaf dubbisuuf, dubbachuu fi barsiisuuf qabdu akka guddifattu si gargaaruuf yaadamee kan qophaaʼe dha.