Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Carraaqqii Guddaa Fiilmii Seenaa Tajaajila Yesuus Jedhamu Qopheessuuf Godhame

Carraaqqii Guddaa Fiilmii Seenaa Tajaajila Yesuus Jedhamu Qopheessuuf Godhame

ONKOLOOLESSA 1, 2024

 Waggaa kana wantoota Dhugaa Baatonni Yihowaa hawwii guddaadhaan eegaa turan keessaa tokko, Kutaa 1​ffaa fiilmii Seenaa Tajaajila Yesuus baʼuu isaati. Hanga ammaatti namoonni miliyoona hedduutti lakkaaʼaman fiilmii kana ilaalaniiru. Fiilmiin kun kutaa 18 kan qabu yommuu taʼu kun kutaa isa jalqabaati. Obboloonnii fi obboleettonni fiilmii kutaa 18 qabu kana qopheessuuf carraaqqii guddaa akkamii godhaniiru? Hojii kana akka raawwataniif hoo isin deggersa akkamii gootaniittu?

Taatotaa fi Obboloota Fiilmicha Waraaban Kunuunsuu

 Irra caalaan fiilmiiwwan kanaa waajjira damee Awustiraaliyaatti kan waraabame yommuu taʼu, tokkoon tokkoon fiilmichaa yeroo waraabamu namoota 50 hanga 80tu irratti hirmaata ture. a Namoota fiilmii kana qopheessuu irratti hirmaatan hundaaf laaqanni, irbaanni, akkasumas yeroo boqonnaatti nyaanni salphaan isaaniif dhihaata ture. Nyaata isaaniif dhihaachuu qabu ilaalchisee dursee karoorfama ture. Eestar ishiin Dippaartimantii Tajaajila Nyaataa keessa hojjettu akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Nyaata madaalamaa gatii rakasaan argachuuf dhaabbilee nyaata dhiheessan garagaraa irraa binna ture. Nyaata akka hin qisaasofneef yeroo hunda nyaata qopheessinu irratti sirreeffama goona ture.” Guyyaa guyyaatti nama tokkoof gara doolaara Ameerikaa afurii nyaataaf baasii goona.

 Namoota fiilmii qopheessuu irratti hirmaataniif nyaata qofa utuu hin taʼin, eegumsis ni barbaachisa ture. Eegumsi kan isaan barbaachisu maal irraati? Awustiraaliyaatti aduun yommuu baʼu yeroo baayʼee ni hoʼa, akkasumas samiin hurrii hin qabu; carallaa biiftuu hamaa taʼes kan qabudha. Balaa carallaan kun geessisuu fi aduu namatti baʼu xiqqeessuuf, namoonni fiilmii kana qopheessuu irratti jabaatanii hojjetan dunkaana dhaabuu, bakka buufataa nama qabbaneessu qopheessu, akkasumas dibata yeroo aduutti baʼan dibatan, dibaabee fi bishaan gaʼaan jiraachuu isaa hordofu turan. Keevan inni Kutaa Oodiyoo fi Viidiyoo keessa hojjetu akkas jedheera: “Namoonni fiilmii kana qopheessuu irratti hirmaatan hedduun mana isaaniitii deddeebiʼanii Beetelitti kan tajaajilani dha. Hojii kanaa fi kanneen biroo hedduu amala gad of qabuu argisiisuu fi gammachuudhaan hojjetu. Gargaarsa isaanii utuu hin arganne taʼee hojii kana galmaan gaʼuun ulfaataa ture.”

Waajjira Damee Irraa Fagaatanii Waraabuu

 Kutaawwan fiilmichaa tokko tokko moonaa ykn istuudiyoo waajjira damee keessatti akka gaariitti waraabuun waan hin dandaʼamnedha. Haala akkasii keessatti waajjira damee irraa fagoo deemanii waraabuun dirqama taʼa. Fiilmii seenaa bara durii argisiisu waraabuuf baadiyyaa bakka dtoora ibsaa, daandii gaarii fi gamoowwan ammayyaa hin qabne deemuu barbaachisa; kanaafuu taatonnii fi namoonni fiilmicha waraaban yeroo baayʼee bakka fagoo deemuuf dirqamu. Uffanni ittiin waraabamanii fi meeshaaleen barbaachisan walitti qabamanii bakka fiilmiin itti waraabamu geeffamuu qabu. Obboloeessi gargaaraa qindeessaa fiilmii kanaa taʼe waraabbiin jalqabuu isaa dura jeeneereetari, bishaan dhugaatii fi manni boolii qophaaʼuu isaa mirkaneeffata. Taatonnii fi namoonni waraaban mana obbolootaa naannoo sana jiranii, gaarii akka manaa konkolaataadhaan harkifamu ykn hoteela keessa buufatu.

Istuudiyoo irraa fagoo deemanii fiilmii waraabuun rakkoo addaa hedduu qaba

 Fiilmiin istuudiyoo irraa fagoo deemanii waraaban baasii guddaa kan gaafatu, yeroo kan fudhatuu fi namoota hojicharratti hirmaatan hunda kan dadhabsiisu dha. Kanaafuu, bara 2023​tti Qaamni Olaanaan iskiriinii guddaa girgiddaa irratti maxxanfamuu fi viidiyoo fagoodhaa waraabuuf tajaajilu bituuf doolaara Ameerikaa miliyoona 2.5 baasii godheera. Teknooloojiin kun iskiriinii suuraa baayʼee qulqulluu taʼe argisiisutti fayyadama, wanta iskiriinii irraa mulʼatu fiilmii sirriidhumatti waraabame godhee argisiisa. Mala kanatti fayyadamuun baasii istuudiyoo irraa fagoo deemanii waraabuun gaafatu akka hafu godheera. Daaran inni Miseensa Koree Waajjira Damee Awustiraaliyaa taʼe akkas jedheera: “Iskiriinii guddaa girgiddaa irratti maxxanfamuun fiilmii waraabuun, dadhabina taatotaa fi namoonni waraaban kutaa fiilmichaa tokko tokko irra deebiʼanii waraabuuf dhamaʼan xiqqeesseera. Fakkeenyaaf, waajjira damee irraa fagaannee fiilmii waraabaa jirra taanaan, aduu lixxu waraabuuf daqiiqaa muraasa qofa qabna. Iskiriinii guddaa girgiddaa irratti maxxanfamuun kan waraabnu taanaan garuu, bifa barbaanne hamma argannutti lixa aduu yeroo baayʼee irra deddeebinee kaasuu dandeenya.”

Fiilmii iskiriinii guddaa haaraan girgiddaa irratti maxxanfamu hojjechuu isaa yaaluu

“Aarsaa Akkan Godhe Matumaa Natti Dhagaʼamee hin Beeku”

 Tokkoon tokkoon kutaa fiilmii Seenaa Tajaajila Yesuus waraabuuf, taatota dhibba hedduu taʼanii fi namoota waraaban dabalataa hedduutu barbaachisa ture. Kunuunsa obboloonnii fi obboleettonni isaaniif godhan hunda ilaalchiseehoo maaltu isaanitti dhagaʼama?

 Ambar ishiin hojii kana irratti hirmaachuuf Meelboorni irraa kiilomeetira 700 fagaattee deemte akkas jettee barreessiteetti: “Yeroon buufata xiyyaaraa gaʼee kaasee, obboloonni Beetel jiraatan kunuunsa guddaa naaf godhaniiru. Miseensonni maatii Beetel hedduun yeroo baayʼee kutaa isaaniitti na affeeraa turaniiru. Bakka fiilmichi waraabamutti immoo namoonni hundi keessummummaan akka natti hin dhagaʼamee fi akka na jaallatan akka natti dhagaʼamu godhu turan. Imalli koo kun eebba hedduu naaf argamsiiseera. Aarsaa akkan godhe matumaa natti dhagaʼamee hin beeku!”

 Deeriik garee kutaa fiilmii qopheessuu keessaa hojjeta. Akkas jedheera: “Jalqabaa kaasee dippaartimentii hedduun hojii kana irratti nu gargaaraniiru. Obbolootaa fi obboleettota yeroo, qabeenyaa fi humna isaanii aarsaa gochuudhaan pirojeektii kanarratti hirmaatanii wajjin asitti argamuu kootti baayʼeen galateeffadha. Kan nama gargaaran, tole kan jedhanii fi gaarummaa kan argisiisanidha. Yihowaan isaaniinis taʼe nuun akka eebbise ifatti hubachuun ni dandaʼama. Wanti Yihowaa yaaddessu buʼaa hojii keenya qofa utuu hin taʼin, akkaataa hojii kana itti raawwanneefis xiyyeeffannaa akka kennu hubadheera.”

 Viidiyoo kutaa hedduu qabu kana qopheessuu akka dandeenyuuf, buusii karaa donate.pr418.com gootan dabalatee, buusii arjummaadhaan gootan hundaaf guddaa isin galateeffanna.

a Waajjirri damee Awustiraaleezyiyaa hojii lallabaa Awustiraaliyaa fi biyyoota hedduu Kibba Paasifiik keessatti argamanitti raawwatamu ol aantummaadhaan toʼata. Waajjirri damee kun qarqara magaalaa Siidnii, Awustiraaliyaatti argama.