Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Faarfannaawwan Caalaatti Waaqayyotti Nu Dhiheessan

Faarfannaawwan Caalaatti Waaqayyotti Nu Dhiheessan

SADAASA 1, 2021

 Muuziqaan kennaa dinqisiisaa Yihowaa biraa argame dha. Yaada keenyaa fi miira keenya irratti jijjiirama fiduu, akkasumas hojiidhaaf nu kakaasuu dandaʼa. Faarfannaawwan addaa keenyas kana akka godhan beekamaa dha. Inumaa iyyuu, farfannaawwan kun faayidaa kana irra caalu qabu: Caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaaru.

 Bara 2014 kaasee, faarfannaawwan addaa 70 ol taʼan qophaaʼaniiru; yeroo ammaatti faarfannaawwan kana keessaa yoo xinnaate faarfannaan tokko afaan 500 oliin argama! Haa taʼu malee, ‘Namoonni faarfannaawwan kana hojjetan eenyufaʼi? Kan qopheessan hoo akkamitti?’ jettanii gaafattu taʼa.

Obboloonni Faarfannaawwan Kana kan Hojjetan Akkamitti?

 Faarfannaawwan addaa kana kan qopheessu, garee muuziqaa Tajaajila Oodiyoo/Viidiyoo, Koree Barumsaa Qaama Ol Aanaa jalatti hojjetu dha. Gareen muuziqaa obbolootaa fi obboleettota faarfannaa qindeessan, meeshaalee muuziqaa qindeessan, sagantaa baasanii fi hojiiwwan barbaachisoo kan biro hojjetan 13 kan of keessatti qabate dha. Kana malees, Koreen Barusmaa obboloota muuziqaa qindeessan, dandeettii meeshaalee muuziqaa taphachuu qabanii fi faarfachuu dandaʼan dabalatee, obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan addunyaa mara irraa bakkuma jiran taaʼanii hojii kana irratti gargaarsa akka godhan heyyama kenneera. Obboloonnii fi obboleettonni kun gad of qabuudhaan dandeetti isaaniitti fayyadamu; hojii isaanii kanaafis jajamuu ykn dinqisiifamuu hin barbaadan.

 Maarree faarfannaan addaa kan qopheeffamu akkamitti? Jalqaba irratti, Koreen barumsaa caqasa faarfannaan sun irratti hundaaʼuu qabuu fi miira faarfannaan sun obboloota irratti uumu qabu murteessa. Achiis gareen muuziqaa faarfannaan sun akka qindaaʼuu fi walaloon isaa akka barreeffamu godha. Sana booda immoo, faarfannaan sun maal akka fakkaatu beekuuf ni waraabama. Koreen Barumsaas isa waraabame sana dhaggeeffatee yaada irratti kenna. Achiis gareen faarfannaa sun, faarfannicha sirreessee yeroo dhumaatiif waraaba. Faarfannaawwan kun waajjiroota damee fi mana obbolootaa dabalatee bakka garaa garaatti waraabama.

 Obboloonni keenya faarfannaawwan addaa kana qindeessuu fi waraabuuf sagantaawwan kompiitaraa garaa garaatti fayyadamu. Kana malees, hojiin kun meeshaalee muuziqaa garaa garaa kanneen akka miiksarii, ampilifaayarii, ispiikarii fi maayikirofoonii jiran fayyadamuu gaafata. Maayikirofooniin tokko doolaara Ameerikaa 100 kaasee hamma doolaara Ameerikaa 1,000 oliin bitama. Bara 2020​tti, meeshaalee muuziqaa waraabuuf gargaaran bituuf doolaara Ameerikaa 116,000 baasneerra.

 Maallaqa buusii godhame qusachuuf carraaqqiin akkamii godhameera? Gareen muuziqaa guddaan Beetel keessa akka jiraatu gochuu mannaa, obboloota fagoo jiranii fi fedhiidhaan of dhiheessan hedduutti fayyadamaniiru. Kana malees, obboloonni keenya obboloota meeshsaa muuuziqaa taphatan walitti qabanii waraabuu mannaa, yeroo baayʼee sagantaa kompitaraa meeshaalee muuziqaa uumanitti fayyadamanii muuziqaa qopheessu.

“Faarfannaawwan Kun Amantii Koo Naaf Cimsaniiru”

 Obboloonnii fi obboleettonni faarfannaawwan addaa kana dhaggeeffachuu jaallatu. Taaraa ishiin Jarman jiraattu akkana jetteetti: “Faarfannaawwan kun yommuun dhiphadhutti na tasgabbeessu. Faarfannaawwan kana afaan dhalootaa kootiin yommuun dhaggeeffadhu akkuma waan Yihowaan na hammatetti natti dhagaʼama.” Obboleessi Dimitrii jedhamuu fi Kaazaakistaan jiraatu akkana jedheera: “Faarfannaawwan keenya ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu wajjin walsimumoo wal hin siman jedhee dhiphachuun utuu na hin barbaachisin dhaggeeffachuun na gammachiisa. Hunda caalaa immoo, faarfannaawwan kun wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuu koo akkan itti fufu na gargaaru.”

 Daliiyaa ishiin Afriikaa Kibbaa jiraatu faarfannaawwan addaa ilaalchisee wanta ishiitti dhagaʼamu akkana jechuudhaan ibsiteetti: “Faarfannaawwan kun amantii koo naaf cimsaniiru. Yommuun gaddutti ykn haalli rakkisaan na mudatutti, yeroo hundumaa faarfannaa haala ani keessa jiruu irratti na gargaaru nan argadha. Yeroo baayʼee, akkaataa faarfannichi itti faarfatamu qofti illee miira koo irratti jijjiirama fida!”

 Faarfannawwan tokko tokko obboloota biratti caalaatti jaallatamu. Laraatoo ishiin Afriikaa Kibbaa jiraattu akkana jetteetti: “Faarfannaa ‘Addunyaa Haaraan Dhihaateera’ jedhuu fi faarfannaan ‘Addunyaa Haaraan Dhufuuf Jedha’ jedhan, yeroon haadha koo ishiin baayʼee jaalladhu yommuu duʼaa kaatu itti simadhu yaadaan ilaaluuf na gargaaru. Faarfannaawwan kana yommuun dhaggeeffadhu hundatti, haati tiyya harka ishii balʼistee yommuu natti fiigdu natti mulʼata.”

 Keessumaa faarfannaan addaa tokko shamarree umurii kurnanii Sirii Laankaa jiraattu takka baayʼee gargaareera. Akkana jetteetti: “Barsiistuun saayinsii koo Dhugaa Baatuu Yihowaa waanan taʼeef barattoota duratti wanta gaarii hin taane naan jette. Baayʼee sodaadhee waanan tureef waanan jedhun wallaale. Yeroon gara manaatti deebiʼu, haati tiyya faarfannaa ‘Qoʼannaan Si Jabeessa’ (Afaan Oromootiin hin argamu) jedhu akkan dhaggeeffadhu na jajjabeessite. Faarfannaan kunis qorannoo gochuu fi deebiin kennu qophaaʼuun barbaachisaa taʼuu isaa akkan hubadhu na gargaareera. Achiis guyyaa itti aanu barsiistuu koon haasofsiise. Ishiinis na dhaggeeffatte; akkasumas amantaa Dhugaa Baatota Yihowaa akka dinqisiifattu natti himte. Faarfannaa nama jajjabeessu akkasii waan nuu qopheessuuf jaarmiyaa Yihowaa guddaan galateefadha.”

 Maarree maallaqa faarfannaawwan kana qopheessuuf nu barbaachisu eessaa arganna? Buusii hedduun keessan karaa donate.pr418.com hojii addunyaa maraatiif gootan irraa kan argamu dha. Buusii arjummaadhaan gootaniif guddaa isin galateeffanna.