BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?
Gamoowwan Barsiisaa Keenya Guddichaaf Ulfina Fidan
Adoolessa 1, 2023
Yihowaan sabasaa barsiisuu ni jaallata. Kanaan kan kaʼes jaarmiyaansaa manneen barumsaa barattoonni hojii isaaniif kenname milkaaʼinaan raawwachuuf isaan leenjisu hedduu qopheesseera. Kanneen keessaa tokko Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa dha. Waggoota dhihoodhaa asitti, jaarmiyaan Yihowaa sirna barumsaa qofa fooyyessuu utuu hin taʼin, gamoowwan manneen barumsaa tiʼookraasii kun itti kennamus fooyyessuuf xiyyeeffannaa kennaa jira. Kaayyoon inni guddaan akkaataa barsiistonni itti barsiisanii fi barattoonni itti baratan salphaa akka taʼu gochuu dha. Buusiin gootan galma kana bakkaan gaʼuuf gargaaraa kan jiru akkamitti?
Bakka Miidhagaa Taʼetti Barattoota Hedduu Barsiisuu
Waggoota hedduudhaaf, manneen barumsaa tiʼookraasii Galma Walgaʼii fi Galma Walgaʼii Guguddaa keessatti geggeeffamaa ture. Yeroo Dhihoodhaa asitti garuu gamoowwan dabalataa hedduu ijaaruu ykn haaromsuu fi manneen barumsaa tiʼookraasiitiif qofa itti fayyadamuun kan barbaachise maaliifi? Sababawwan sadii haa ilaallu.
Bakka caalaatti barbaachisu. Kiristoofar Maavar inni Gargaaraa Qaama Ol Aanaa Koree Tajaajilaa taʼe akkana jedheera: “Waajjiroonni damee tajaajila irratti gargaaruuf obbolootaa fi obboleettonni hedduun akka isaan barbaachisan gabaasa godhaniiru. Fakkeenyaaf bara 2019tti waajjirri damee Biraaziil naannoo tajaajilaa isaanii keessatti gargaarsa gochuuf, barattoonni Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irraa eebbifaman gara 7,600 dabalataa akka barbaachisan gabaasa godhee ture.” Waajjirri damee Yuunaayitid Isteetis qajeelchitoonni gaʼumsa qabanii fi warra kaan lallaba addabaabayii, bakka buufata doonii fi manneen sirreessaatti lallabuuf leenjisuu dandaʼan hedduun akka barbaachisan gabaasa godheera. Obboloonni Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo ykn Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu keessatti tajaajilanis ni barbaachisu. Gama kanaan obboloonni Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irraa eebbifaman gargaaruu dandaʼu.
Barattoota hedduu. Waajjiroota damee hedduutti barattoonni baayʼeen foormii kan galchan taʼus, lakkoofsi isaan barsiisuu dandaʼan garuu muraasadha. Fakkeenyaaf waajjirri damee Biraaziil waggaa tokko qofa keessatti foormii 2,500 Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa barachuuf galchan isa gaʼeera. Haa taʼu malee waajjirri damee kun bakka gaʼaa taʼe waan hin qabneef barattoota 950 qofa fudhateera.
Bakka jireenyaa mijaaʼaa. Barattoonni Galma Walgaʼiitti ykn Galma Walgaʼii Guguddaa keessatti mana barumsaa yommuu hirmaatan yeroo baayʼee mana obbolootaa fi obboleettotaa naannichaa buufatu turan. Qophiin kun biyyoota waggaatti mani barumsaa kutaa muraasini qofa geggeeffamuuf karoorfame keessatti akka gaariitti hojjeta. Haa taʼu malee, bakka itti manni barumsaa kutaawwan hedduun kennamanitti babalʼistoonni naannichaa waggaa keessatti jiʼoota hedduudhaaf barattoota keessumsiisuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Kanaafuu keessumaa barattoota xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan gamoowwan bakka manni barumsaa kun geggeeffamutti dhihoo jiran ni qophaaʼan.
Gamoo kutaa barumsaa tokko akkasumas bakka jireenyaa barsiisotaa fi barattoota 30 tajaajilu ijaaruuf bakkaa fi haalawwan kaanirratti hundaaʼee doolaara Ameerikaa miliyoona hedduu gaafata.
Haala Gamoo Mana Barumsaa
Yeroo baayʼee manneen barumsaa bakka jeequmsa hin qabne akkasumas magaalaa guddaadhaa ala taʼee tajaajila geejjibaatti dhihoo jirutti ijaaramu. Mana barumsichaa fi gamoowwan akkasumas meeshaalee suphuuf waan gargaaraniif, naannoo babalʼistoonni baayʼinaan argamanitti ijaaruuf filannaan godhameera.
Gamoowwan kun mana kitaabaa, bakka itti qoʼatan, kompiitara, meeshaa ittiin maxxansanii fi kkf qabu. Yeroo baayʼee, bakka barattoonnii fi barsiisonni itti nyaatan qaba. Akkasumas bakka balʼaa sochii qaamaa itti hojjetanii fi itti bashannanan qabu.
Mana barumsichaatis diizaayinii adda taʼe itti baasneerra. Tirooyi inni Waarwiik, Niiwu Yoorkitti Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo keessaa hojjetu akkana jedheera: “, Diizaayinii kutaa barumsaa barattootaaf mijataa taʼe baasuu irratti akka nu gargaaraniif Kutaa Manneen Barumsaa Tiʼookiraasii wajjin ni mariʼanna. Obboloonni achi keessatti tajaajilan balʼinaa fi akkaataa taaʼumsaa kutaa barumsaa, ibsaa, sagalee fi viidiyoo barbaachisu ilaalchisee qajeelfama nuuf kennaniiru.” Haangaariitti barsiisaa Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa keessaa tokko meeshaa sagalee dhaabuu ilaalchisee akkana jedhee dubbateera: “Jalqaba irratti maaykiroofoonii tokkollee hin qabnu turre, kanaafuu barattoonni sagaleesaanii ol kaasanii akka dubbatan yaadachiisna turre. Amma garuu minjaala hundarra maaykiroofooniin tokko tokko waan jiruuf furmaata arganneerra!”
“Keessummoota Yihowaa Addaa ”
Gamoowwan fooyyeffaman kun barsiisotaa fi barattoota irratti dhiibbaa gaarii akkamii geessise. Anjeelaa ishiin Paalm Koosti, Filooriidaa, Yuu Eess Eetti Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galtee baratte akkana jetteetti: “Naannoo tasgabbii qabudha. Qoʼannaa fi barumsa keenya qofa irratti akka xiyyeeffannuuf jecha kutaa barumsaa fi bakka jiraannu dabalatee wantoonni hundi akka gaariitti kan karoorfamanidha.” Kasaabaa inni Haangaariitti barsiisaa taʼe barattootaa wajjin nyaachuuf carraa waan argateef baayʼee galateeffateera. Akkana jedheera, “ Yeroo kanatti yeroo baayʼee barattoonni muuxannoo isaanii nutti himu. Haalli kun barattoota caalaatti beekuuf nu gargaareera. Kanaan kan kaʼes barumsicha karaa buʼa qabeessa taʼeen caalaatti karaa isaan barbaachisuun dhiheessuu dandeenya.”
Barattoonnii fi barsiisonni gamoowwan barnootaa fooyyeffaman kana eebba Yihowaa isa ‘Barsiisaa keenya isa Guddicha’ irraa argame akka taʼetti ilaalu. (Isaayaas 30:20, 21) Obboleettiin Filippiinsi jiraattuu fi Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galtee baratte gamoo mana barumsaatti jijjiirame tokko ilaalchisee akkana jetteetti: “Haalli mana barumsichaa barattoota qofa utuu hin taʼin keessummoota Yihowaa addaa akka taane nu yaadachiiseera. Dubbiisaa akka gaariitti yommuu qorannutti akka gammannu barbaada.”
Manneen barumsaa ijaaraman, haaromfaman akkasumas suphaman buusii baayʼeen keessan karaa donate.pr418.com gootaniini dha. Arjummaa gootaniif baayʼee isin galateeffanna.
Dallaa mana barumsaa, Paalm Koosti, Filooriidaa, Yuu Ees Ee
Bifa mana qulqullummaa yeroo Yesuus ture argisiisu mana barumsaa Paalm Koosti, Filooriidaa, Yuu Ees Ee
Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irratti argamuuf yommuu dhufan, Biraaziil
Kutaa geggeeffamaa jiru, Biraaziil
Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irratti argamuuf yommuu dhufan, Filippiinsi
Kutaa nyaataa mana barumsichaa keessatti laaqana waliin nyaachuudhaan gamadu, Filippiinsi