Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI

Gargaarsa Yeroo Balaa 2021—Obbolootaafi Obboleettota Keenya hin Ganne

Gargaarsa Yeroo Balaa 2021—Obbolootaafi Obboleettota Keenya hin Ganne

AMAJJII 1, 2022

 Waggaa tajaajilaa 2021⁠tti addunyaan amma iyyuu weerara dhibee KOOVIID-19n dararamaa jira. a Akkuma mata duree “Global Relief for a Global Pandemic” jedhu irratti ibsame gargaarsa weerara dhibeetiif doolaara b miliyoona hedduutti lakkaaʼamu baasneerra; Koreewwan Gargaarsa Yeroo Balaa 950 ol taʼanis hundeessineerra.

 Weerarri dhibee rakkina guddaa geessisaa yeroo jirutti, balaawwan uumamaa fi nam tolcheen obbolootaa fi obboleettota keenya addunyaa mara irra jiran miidhaniiru. Koreen Qindeessitootaa Qaama Ol Aanaa gargaarsa weerara dhibee KOOVIID-19tiif godhame utuu hin dabalatin, balaawwan uumamaa akkasii 200 ol taʼaniif gargaarsi doolaara miliyoona 8 baasii akka godhamu heyyameera. Buusiin gootan namoota miidhaman gargaaruuf akkamitti faayidaa irra akka oolu hubachuuf balaawwan uumamaa dhiheenyatti gaʼan lama haa ilaallu.

Dhoʼiinsa Volkaanoo Gaara Niraagongoo

 Caamsaa 22, 2021, Diimokiraatiik Rippaabiliikii Koongootti Gaara Niraagongoo jedhamu irratti volkaanoon dhoʼee ture. Dhoʼiinsa voolkaanoo kanaan dhagaan baqe dhangalaʼu manneen jireenyaa, manneen barumsaa fi kuusaa bishaanii barbadeesse. Taʼus balaa kan geessise dhagaa baqe kana qofa miti. Dhoʼiinsa sana booda guyyoota hedduutiif awwaarri volkaanoo kanaa summii qabu magaalaa Goomaa uwwisee ture; volkaanoowwan xixinnoo hedduun dhoʼaa akka turanis galmeeffameera. Jiraattonni magaalichaa harka walakkaa ol taʼan akka baqatan ajajamaniiru. Namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman kan baqatan yommuu taʼu tokko tokko Ruwaandaatti baqatan.

Mooraa Galma Walgaʼii tokko keessatti koreen gargaarsaa naannoo mooqa omborii ykn aajjaa daakamaa ykn marqaa yommuu kennan

 Namoota qeʼee isaanii irraa buqqaʼan kana keessaa gara 5,000 kan taʼan Dhugaa Baatota Yihowaa ti. Isaan keessaa tokko tokko sababii volkaanoo kanaan mana isaanii dhabaniiru; kaan immoo erga baqatanii booda manni isaanii saamameera. Koreen Hojii Gargaarsaa Ruwaandaa fi Rippuubliikii Dimookraatawaa Koongoo gargaarsa gochuuf qophii godhaniiru. Koree gargaarsaa tokko ilaalchisee waajjirri damee Koongoo (Kinshaasaa) akkana jedheera: “Akka baqatan ajajni kennamuu isaa dura magaalicha keessa jeequmsi utuma jiruu iyyuu, koreen gargaarsaa nyaata, bishaan, uffata halkanii fi uffata kan biroo hiruu jalqabe.” Magaalaa tokko keessatti bakka obboloonni keenya 2,000 ol taʼan walitti qabamanitti, koreen gargaarsaa tokko dunkaanota qopheesseera, maaskii hireera, carraa dhibee KOOVIID-19 fi koleeraatiin qabamuuf qaban hirʼisuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsa kenneera.

Korojoon nyaata qabate Dhugaa Baatota Yihowaa qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniif raabsamuu isaa dura yommuu miijanamu

 Balaan kun erga gaʼee jiʼa sadii gidduutti, obboloonni keenya ruuzii toonii jaʼa, daakuu boqqolloo toonii jaʼa, zayitii nyaataa liitrii 8,000 olii fi bishaan liitrii 8,000 ol raabsaniiru. Waajjirri damee qarshii qusachuuf jecha midhaan biyya alaatii bituu mannaa, biyya keessaa baayʼinaan bituuf qophii godheera.

 Obboleettiin manni ishii haaraan dhoʼiinsa sanaan barbadaaʼe, “Baayʼee abdii kutannee fi gaddinee turre” jetteetti. Haa taʼu malee maatiin ishee gargaarsa isaan barbaachisuu fi jajjabina amanamoo taʼanii jiraachuuf isaan barbaachisu argataniiru. Akkana jetteetti: “Gargaarsa Yihowaatiin amma iyyuu wanta nu barbaachisu argachaa jirra. Yihowaan baʼaa keenya nuu baachuudhaan baʼaan keenya akka nuuf salphatu gochaa akka jiru argineerra.”

Kufaatii Dinagdee Veenzuweelaa

 Veenzuweelaan waggoota hedduutiif kufaatii dinagdeetiin rukutamteetti. Obboloonni keenya achi jiran haalli jireenyaa rakkisaa taʼee fi hanqinni nyaataa isaan mudateera; hammeenya babalʼateenis miidhaan isaan irra gaʼaa jira. Taʼus jaarmiyaan Yihowaa isaan hin ganne.

Korojoo ruuzii qabate gara kutaa garagaraa Veenzuweelaatti erguuf yommuu feʼamu

 Waggaa tajaajilaa darbetti namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf midhaanii fi saamunaa bituuf, akkasumas geejjibaaf doolaarri miliyoona 1.5 ol baasii godhameera. Waajjirri damee Veenzuweelaa, “Guutummaa biyyattii keessatti jiʼa jiʼaan midhaan toonii 130 geessuu fi obboloota gargaarsi isaan barbaachisuuf hiruun salphaa miti” jechuudhaan gabaaseera. Midhaanni sun akka hin mancaaneef obboloonni yeroo baayʼee midhaan yeroo dheeraaf turuu dandaʼu ergu. Waajjirri damee itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Midhaan jiilmaadhaan binna; kana kan goonus waqtii midhaan sassaabamuttii fi gatiin isaa rakasutti dha. Achiis haala baasii guddaa hin gaafanneen geejjibsiisna.”

Hanqina bobaʼaa fi konkolaataatiin kan kaʼe obboloonni dargaggoota taʼan dhaqaa gala kiilomeetira 18 biskileetiidhaan deemanii gumii isaaniitiif yommuu midhaan geessan

 Liyoonel inni miseensa Koree Gargaarsa Yeroo Balaa Veenzuweelaa taʼe hojii isaa kana baayʼee jaallata. Akkana jedheera: “Hojiin gargaarsaa hojii baayʼee adda taʼe dha. Dhukkuba KOOVIID-19n haadha manaa koo duʼaan ergan dhabee booda, mirgi addaa kun baayʼee na jajjabeesseera. Yeroon koo hojii irratti dabarsuu fi obboloota gargaaruuf carraaqqiin godha. Yihowaan abdii saba isaa akka hin ganne gale kan eegu taʼuu isaa muuxannoo koo irraa arguu dandaʼeera.”

 Obboleessi gargaarsi godhameef tokko kanaan dura koree gargaarsaa keessa tajaajilaa ture. Obboleessi kun akkana jedheera: “Amma immoo dabaree koon gargaarsa barbaada. Kan arganne wanta qaamaaf nu barbaachisu qofa miti. Obboloonni anii fi haati manaa kiyya akka tasgabboofnu nu gargaaraniiru. Nu kunuunsaniiru; akkasumas nu jajjabeessaniiru.”

 Balaawwan tokko tokko utuma hin beekamin gaʼu. Jaarmiyaan Yihowaa garuu yeroo baayʼee wantoota gargaarsaaf barbaachisan qopheessuudhaan dafee raabsa; buusii hojii addunyaa maraatiif gootaniif baayʼee isin galateeffanna. Malawwan buusii gochuun itti dandaʼamu tokko tokko donate.pr418.com irratti ibsamaniiru. Arjummaa gootaniif baayʼee isin galateeffanna.

a Waggaan tajaajilaa 2021 Fulbaana 1, 2020 kan jalqabe yommuu taʼu Hagayya 31, 2021⁠tti xumurameera.

b Doolaarri mata duree kana keessatti caqasame hundi doolaara Ameerikaa ti.