Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Gargaarsa Yeroo Balaa 2022—Jaalala Obbolummaa Hojiidhaan Argisiifame

Gargaarsa Yeroo Balaa 2022—Jaalala Obbolummaa Hojiidhaan Argisiifame

AMAJJII 1, 2023

 Kitaabni Qulqulluun barri keessa jiraannu waraana, kirkira lafaa, golfaa fi ‘wantoota nama sodaachisan’ kaaniin adda baafamee akka beekamu raajii dubbateera. (Luqaas 21:10, 11) Raajiiwwan kun waggaa tajaajilaa 2022​ttis raawwii argachuu isaanii itti fufaniiru. a Fakkeenyaaf, waraanni Yuukreen ammayyuu kan itti fufee fi ittuma caalaa kan deeme yeroo taʼu, jireenya namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii dararaa jira. Biyyoonni addunyaa hedduun amma iyyuu weerara dhibee KOOVIID-19 irraa bayyanachaa jiru. Kana malees, namoonni hedduun balaa uumamaa, kanneen akka kirkira lafaa Heeyitiitti gaʼee fi obomboleettii balaa guddaa Giddu Gala Ameerikaa, Filippiinsii fi kibba baha Afriikaatti gaʼeen miidhamaniiru. Maarree Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota miidhaman kana kan gargaaran akkamitti?

 Waggaa tajaajilaa bara 2022​tti, jaarmiyaan keenya namoota balaawwan gara 200 gaʼeen miidhamaniif gargaarsa godheera. Dimshaashumatti gargaarsa gochuuf gara doolaara miliyoona 12 baasii gooneerra. b Buusiin godhamu namoota balaawwan uumamaa gaʼan lamaaniin miidhamaniif akkamitti akka oole ilaali.

Kirkira Lafaa Heeyitii

 Hagayya 14, 2021 kirkirri lafaa reektariskeelii 7.2 taʼu kibba Heeyitii rukute. Kan nama gaddisiisu Dhugaa Baatonni sadii, jechuunis obboleettonni lamaa fi obboleessi tokko duʼaniiru. Obboloonni oolan miidhaa kirkirri lafaa sun karaa qaamaa fi miiraa isaanirra geessise dandamachuun isaan barbaachiseera. Obboleessi Istiifan jedhamu akkas jedheera: “Guutummaa magaalattii keessaa namoonni hedduun duʼaa waan turaniif, jiʼa lamaa oliif torban torbaniin sirnoota awwaalchaa baayʼeetu geggeeffama ture.” Obboleessi kan biraan Eliiʼeezar jedhamummoo akkas jedheera: “Dhugaa Baatonni hedduun mana, uffata, kophee fi wantoota buʼuuraa kan biroo hin qaban turan. Sana boodas jiʼootaaf kirkirri lafaa xixiqqoon gaʼuu isaa waan itti fufeef namoonni hedduun sodaadhaan jiraatu turan.”

 Jaarmiyaan keenya dafee gargaarsa godhe. Waajjirri damee Heeyitii nyaataa kiilogiraama 53,000 ol taʼu, dunkaanota, uffata bokkaa, firaashii fi chaarjarii moobaayilii soolaariidhaan hojjetu kenne. Kana malees, waggaa tajaajilaa bara 2022​tti manneen 100 ol deebisanii ijaaraniiru ykn suphaniiru. Hojii gargaarsaa kanaaf doolaarri miliyoona tokkoo ol baasii godhameera.

Nyaata utuu hiranii, Heeyitii

 Obboloonnii fi obboleettonni keenya baayʼee galateeffatu. Looreet akkas jetteetti: “Kirkirri lafaa sun mana keenyaa fi daldala keenya guutummaatti balleesseera. Wanta nyaannu tokkollee hin qabnu turre. Jaarmiyaan Yihowaa garuu nu cinaa dhaabbachuudhaan wanta nu barbaachisu hundumaa nuuf kenneera.” Miishiliin akkana jetteetti: “Kirkirri lafaa sun bakka anii fi ilmaan koo lamaan jiraannu balleesse. Gargaarsa argachuuf kadhachuu malee wantan godhu hin beekun ture, Yihowaanis karaa jaarmiyaa isaa deebii naa kenneera. Amma mana cimaa keessa jiraannu qabna. Galateeffannaan Yihowaaf qabu agarsiisuuf wanta naaf dandaʼame hunda gochuuf murteesseera.”

 Hojiin gargaarsaa keenya abbootii taayitaa naannichaa biraatti hubatameera. Namni hogganaa bulchiinsa magaalaa Laaziil taʼan akkana jedhaniiru: “Gargaarsaaf daftanii waan dhuftaniif isin galateeffachuun barbaada. Abbootii taayitaaf kabaja guddaa akka qabdan waan agarsiistaniifis isin jajachuun barbaada. Maallaqa irratti akka isin hin xiyyeeffanne arguun koo baayʼee na gammachiiseera. Kanaa manaa namoota gargaaru barbaaddu. Wanta hunda kan raawwatan jaalalaan kakaataniiti.”

Obomboleettiin Aanaa Jedhamu Maalaawwii fi Moozaambiikiin Rukute

 Amajjii 24, 2022, obomboleettiin Aanaa jedhamu Moozaambiikiin rukutuudhaan, gara dhiha Maalaawwiitis ceʼeera. Obomboleettiin kun bokkaa cimaan akka roobuu fi bubbee cimaan saʼaatii tokko keessatti kiilomeetira 100 bubbisu akka uumamu godheera. Poolii elektirikii jijjigseera, riqicha hedduu jijjigseera, lolaa cimaa uumeera.

 Obomboleettiin kun Dhugaa Baatota Yihowaa Maalaawwii fi Moozaambiik keessa jiran keessaa 30,000 ol kan taʼanirra miidhaa geessiseera. Obboleessi Chaarlis inni hojii gargaarsaa irratti deggersa godhu akkas jedheera: “Miidhaa obboloota irra gaʼee fi wanta isaan dhaban yommuun argu baayʼeen gadde, akkasumas waanan godhuun wallaale.” Wanti haalli isaa caalaatti ulfaataa akka taʼu godhemmoo nyaanni isaanii fi miidhaan isaan facaasan lolaadhaan fudhatamuu isaati. Baayʼeen isaanii mana isaanii dhabaniiru. Kana nama gaddisiisu obboleessi tokko bidiruun isaan oolchuuf dhufe isaaniin qabatee utuma deemaa jiru bishaaniin waan nyaatameef haadha manaa isaa fi ijoollee isaa durbaa lamaan dhabeera.

Mana Dhugaa Baatotaa miidhame, Moozaambiik

Mana deebisamee ijaarame

 Obomboleettiin kun baayʼee nama sodaachisa ture. Halkan keessaa saʼaatii 07:00​tti maatiin Sengeredoo warri Nicholoo jiraatan sagalee sodaachisaa lolaan humna guddaadhaan yommuu yaaʼuu dhageessisu dhagaʼan. Lageen lama cabsanii yaaʼaa turan! Obboleessi Sengeredoon maatii isaa wajjin manicha keessaa baqachuuf murteesse. Utuma baayʼee hin turin lolaan sun manicha waan jigseef murtoo kana gochuun isaanii sirrii ture. Qabeenyi isaanii mancaʼeera ykn lolaadhaan fudhatameera. Maatiin kun gara Galma Walgaʼii mana isaanii irraa yeroo kaan daqiiqaa 30 deemsisu dhaquuf murteessan. Yeroo kanatti garuu saʼaatii lama itti fudhate. Bokkaan isaan tortorsee fi dadhabanii achi gaʼan, garuu nagaadhaan gaʼan.

 Waajjiroonni damee Maalaawwii fi Moozaambiik yeruma sana gargaarsa gochuuf qophii jalqaban. Ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin gargaarsi hammamii obboloota akka barbaachisu akka qoratanii fi deggersa karaa hafuuraas taʼe karaa miiraa isaan barbaachisu obbolootaaf akka godhan qajeelfama kennan. Hojii gargaarsaa akka qindeessaniif Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa hedduu hundeessan, koreewwan kunis yeruma sana obboloonni keenya nyaataa fi wantoota buʼuuraa kan biroo akka argataniif isaan gargaaruu jalqaban. Gargaarsa namoomaaf doolaarri 33,000 ol, manneen ijaaruu fi suphuuf immoo doolaarri 300,000 ol baasii godhameera.

 Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa maallaqa isaanitti kenname akka gaariitti itti fayyadamaniiru, kunimmoo gatiin maallaqaa baayʼee gad buʼee waan tureef barbaachisaa ture. Fakkeenyaaf, jiʼoota jalqabaa torban hojiin gargaarsaa kun raawwatamaa turetti, gatiin daakuu boqqolloo, jechuunis nyaanni buʼuuraa Maalaawwii dhibbeentaa 70maan dabaleera. Gatiin bobaʼaas dabaleera. Maallaqa qusachuuf obboloonni nyaataa fi meeshaalee ijaarsaa naannoodhuma sanaa baayʼinaan bitaa turan. Kanaan kan kaʼees meeshaalee gatii gad buʼaadhaan argachuu fi baasii geejjibaa hirʼisuu dandaʼaniiru.

 Hojiin gargaarsaa kun garaa saba Yihowaa tuqeera. Obboleessi Moozaambiik jiraatuu fi Feelisbertoo jedhamu akkas jedheera: “Jaarmiyaa meeshaalee ijaarsaa, geejjibaa, hojjettoota ijaarsaa, nyaataa fi qajeelfama jaalala irratti hundaaʼe hedduu kennu kan biraa matumaa hin argine. Hojiin gargaarsaa kun jaalala obbolummaa Yesuus Yohaannis 13:34, 35 irratti ibseef fakkeenya gaarii taʼa.” Istoo ishiin abbaan manaa irraa duʼee turee fi Maalaawwii jiraattu, manni ishii jalaa mancaʼee ture; akkana jetteetti: “Mana biraa ijaarrachuuf maallaqa waanan hin qabneef abdii kutadheen ture. Yeroo obboloonni dhufanii mana naaf ijaaran garuu waanuman Jannata keessa gale natti fakkaate.”

 Yeroo addunyaa haaraatti galuuf dhihaachaa jiru kanatti balaawwan kan biroonillee akka gaʼaan eegna. (Maatewos 24:7, 8) Buusii hojii addunyaa maratti taasifamuuf arjummaadhaan godhamuuf galanni haa taʼuutii, sabni Yihowaa gargaarsa isaan barbaachisu akka argatan amanannaa guutuu qabna. Karaawwan buusii gochuun itti dandaʼamu donate.pr418.com irratti ibsameera. Arjummaa keessaniif baayʼee isin galateeffanna.

a Waggaan tajaajilaa bara 2022 Fulbaana 1, 2021 eegalee Hagayya 31, 2022​tti xumurama.

b Doolaarri mata duree kana keessatti caqasame hundi doolaara Ameerikaa argisiisa.