Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Hojii Gargaarsaa Yeroo Weerarri Dhibee Jiru kanatti Addunyaa Maratti Raawwatame

Hojii Gargaarsaa Yeroo Weerarri Dhibee Jiru kanatti Addunyaa Maratti Raawwatame

ADOOLESSA 1, 2021

 Bitootessa 2020, yeroo Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri dhibee KOOVIID-19 akka uumame labsetti, namoonni hedduun vaayirasiin kun hamma kana yeroo dheeraadhaaf itti fufa jedhanii hin eegne ture. Dhugaa Baatota Yihowaa dabalate, namoonni miliyoonaan lakkaa‵aman weerara dhibee kanaan kan ka‵e miidhaan qaamaa, miiraa fi dinagdee isaan irra ga‵eera. Maarree Dhugaa Baatonni Yihowaa weerara dhibee kanaaf hojii gargaarsaa kan qindeessanii fi kan kennan akkamitti?

Namoota Gargaarsi Isaan Barbaachisuuf Gargaarsa Kennuu

 Qajeelfama Qindeessaan Koree Qaamni Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kennuun, weerara dhibee KOOVIID-19 wajjin haala wal qabateen addunyaa maratti Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 950 ol ta‵an hundeeffamaniiru. Bakkawwan tokko tokkotti, Dhugaa Baatonni naannoo sana jiran akka wal gargaaraniif qophiin godhameera, bakkawwan kan birootti immoo, Dhugaa Baatonni gargaarsa Mootummaan kennu irraa gargaarsa akka argatan gochuun danda‵ameera. Kana malees, Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa hojii gargaarsaa hedduu qindeessaniiru.

 Fakkeenyaaf, haala Paaraaguwaay keessa ture haa ilaallu. Gaazexaan tokko miidhaa dinagdee weerarri dhibee kun geessise ilaalchisee, “lammileen Paaraguwaay hedduun manuma isaanii utuu jiranii waan nyaatan dhabaniiru” jechuudhaan gabaaseera. Haa ta‵u malee, Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa Paaraguwaay kaartoonii nyaataa fi mi‵awwan qulqullina eeguuf gargaaran kan torban lamaaf ga‵u dursee hihiiruu jalqabee ture; kaartooniin tokko miseensota maatii afuriif kan ga‵u dha. Kaartooniin tokko maallaqaan yommuu shallagamu gara doolaara Ameerikaa 30 baasa.

 Namoonni hojii gargaarsaa irratti hirmaatan kunneen, ofii isaaniis ta‵e namoota kaan weerara dhibee KOOVIID-19 irraa eeguu kan danda‵an akkamitti? Haguuggii afaanii fi funyaanii ni godhatu, akkasumas fageenya isaanii ni eegu. Kana malees, obboloonni dhaabbileen nyaata dhiheessan naannoon hojii itti hojjetan qulqulluu ta‵uu fi dhiisuu isaa, akkasumas qajeelfama fayyaa isaanii akka eeggatan kenname sirriitti hordofuu fi dhiisuu isaanii ni mirkaneeffatu. Kunis qajeelfamoota namoonni kaartoonii sanaa wajjin walitti dhufeenya qaban hundi uffata fayyaa isaanii eeggachuuf gargaaru akka uffatan, konkolaachistoota kaartoonii sana deddeebisan keemikaaliidhaan qulqulleessuu fi mi‵oota sana bakka keemikaaliidhaan qulqulleeffame kaa‵uu jiran ilaalchisee kennaman kan hordofan ta‵uu isaanii mirkaneeffachuu kan dabalatani dha. Dhuma irrattis, namoonni kaartoniiwwan sana geessan obboloota kaartoonii sana fudhatanii wajjin haala wal qabateen fageenya isaanii ni eeggatu.

Maallaqa Buusii Godhame Ogummaadhaan Itti Fayyadamuu

 Hamma Amajjii 2021​tti, Koreen Qindeessitootaa weerara dhibee KOOVIID-19 wajjin haala wal qabateen, doolaarri Ameerikaa miliyoona 25 ol ta‵u hojii gargaarsaatiif akka oolu heyyama kenneera. Waajjiroonni damee fi Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa maallaqa buusiidhaan argame kana of eeggannoodhaan itti fayyadamaa jiru; yeroo mi‵a bitan hamma isaaniif danda‵ame gatii rakasaan bituuf carraaqqii godhu. Fakkeenyaaf, Chiiliitti obboloonni hojii gargaarsaa kana qindeessan misira kiilogiraama 750 bituu barbaadanii turan. Haa ta‵u malee, gatiin misiraa ji‵a tokko keessatti qofa dachaadhaan dabale! Gatii mi‵aa sanaan bituuf erga walii galanii gara sa‵aatii lamaa booda, maammilli daldalaa sanaa tokko misira ajajee ture akka isaaf deebise isaanitti hime. Kanaaf daldalaan sun gatii mi‵aa jalqaba walii galaniin utuu hin ta‵in, gatii gad aanaa ji‵a darbe ittiin gurguraa tureen misira sana isaanitti gurgure!

 Haa ta‵u malee, yeroo obboloonni misira sana fudhachuu dhaqan daldalaan sun walii galtee isaanii sana diiguu barbaade, isaanis akkuma dhaabbilee kaanii karaa sirrii hin taaneen nyaata akka hihiran ibsuudhaan isaan himate. Obboloota keenya keessaa inni tokko garaa isaatti kadhanaa gabaabaa erga dhiheessee booda, gargaarsi sun dhugumaan eenyuun akka barbaachisu gumii hunda keessatti qorannoon erga godhamee booda akka ta‵e haala isaa daldalaa sanaaf ibse. Kana malees, obboloonni namoonni gargaarsi isaaniif kennamu akkaataa guddinaa garaa garaa kan qabanii fi kaartoonniin gargaarsaa kan qophaa‵u haala tokkoon tokkoo maatii tilmaama keessa galchuudhaan akka ta‵e isaaf ibsan. Dhuma irratti, Dhugaa Baatonni Yihowaa maallaqa isaanii fi humna isaanii kan kennan fedhii isaaniitiin akka ta‵e isaaf mirkaneessan. Daldalaan sun baay‵ee ajaa‵ibsiifame. Akkuma waadaa isaaniif galee turetti misiricha gatii gad aanaatiin isaaniitti gurguruuf kan walii gale ta‵uu isaa irra iyyuu, ajaja isaanii itti aanuuf dabalataan misira kiilogiraama 400 tola isaaniif kenne.

“Ragaa Jaalala Dhugaa Akka Qaban Argisiisu Dha”

 Maanguddoon Luusuu jedhamanii fi abbaan manaa isaanii jalaa du‵an misensota maatii isaanii shanii wajjin Laayibeeriyaa keessa jiraatu. Utuma ciree waliin nyaachaa caqasa guyyaa irratti mari‵achaa jiranii, ilmi intala isaanii inni umuriin isaa waggaa torba ta‵e mana keessa nyaanni akka hin jirre hubate. Achiis, “Egaa maal nyaanna?” jedhee gaafate. Luusuunis Yihowaan akka isaan gargaaru akka kadhatanii fi Yihowaan kadhannaa isaanii dhaga‵ee wanta isaan barbaachisu akka isaaniif kennu mirkanaa‵oo akka ta‵an isatti himan. Guyyuma sana waaree booda, jaarsoliin gumii isaanii dhufanii nyaata akka fudhatan Luusuudhaaf bilbilan. Akkana jedhaniiru: “Yihowaan kadhannaa kootiif deebii waan kenneef, ilmi intala koo ‘Yihowaan kadhannaa akka dhaga‵uu fi deebii akka kennu amma hubateera’ jedhaniiru.”

Fakkiiwwan ijoolleen Koongoo Diimokiraatiik Rippuublikii jiraatan nyaata gargaarsaa isaanii kennameef galateeffachuuf kaasan

 Dubartiin Koongoo Diimokiraatiik Rippuublikii jiraattu tokko ollaawwan ishii Dhugaa Baatota dha. Maatiin sun namooni hidhata amantii isaanii ta‵an nyaata akka isaaniif kennan yommuu argitu, “Weerara dhibee kana booda Dhugaa Baatota Yihowaa taana; sababiin isaas isaan yeroo baay‵ee rakkisaa ta‵e kanatti obbolootaa fi obboleettota isaaniitiif garaadhaa ni yaadu” jette. Abbaan manaa ishii, “Ruuzii karaxiitii tokkittiif jettee Dhugaa Baatuu Yihowaa taataa?” jedhee ishii gaafate. Ishiinis, “Isaaf illee miti, ruuziin kun garuu ragaa jaalala dhugaa akka qaban argisiisu dha” Jetteeti.

 Buusii isin arjummaadhaan gootaniin kan ka‵e, yeroo weerara dhibee kanaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa obbolootaa fi obboleettonni keenya saffisaan gargaarsa isaan barbaachisu akka argatan gargaaruu danda‵aniiru. Malawwan adda addaa donate.pr418.com irratti ibsamaniin fayyadamtanii buusii waan gootaniif guddaa isin galateeffanna.